Pireezidant Saahilawarq 'garraamiifi dheekkamtuudha' - Ogeettii suuraa isaan kaasaa turte

Madda suuraa, Addis Ayimiro
Ogummaan suuraa kaasuu sanyiidhaan ni dhaalamaa? Addis Ayimiroo wanti mudate garuu haala kana fakkaatudha.
Bara durii akaakaanishee suuraa kaasu turan. Haadhashee dabalatee ilmaan akaakaashee sagal hunduu ogummaa suuraa kaasuu qabu.
Haati oogummaa suuraa kaasuu abbaa isaaniirraa fudhatanii intala isaanii dhaalchisan. Amma wal-harkaa fuudhuun kaameraa Addis Ayimiroo bira gaheera. Dhaloota sadaffaa.
Haati koo bara fiilmiidhaan kaafamu keessa hedduu hojjette. Ani isa dijitaalawaan gargaaruun narra ture jetti Addis yaada BBC'f kenniteen.
Addis bifa dhaala fakkaatuun ogummaa akaakaasheerraa dhufeen masaraa mootumma galteetti, suuraa kaastuu Pireezidant Saahilawarqi Zawdee ta'uudhaan.
Ijoolummaadhumarraa qabee wayita harmeen ishee isa amma ''footooshop'' jedhamu isaan bara sana ''ijji siraa'' jedhamu hojjetan saanduqa harmeeshe tokkorra teessee meeshaalee jiraniin taphachaa akka turte yaadatti.
''Keessa kootti'' yeroo sanuu ogeettii suuraa akkan ta'u nan beekan ture jetti.
''Guddadhee yeroon Yunivarsitii Finfinnee galu Agriikaalcharaal Ikoonomiksii na gahee'' jetti Addis. Maatiin akka isheen digirii qabaattu waan barbaaduuf barnoota ishee xumurtee eebbifamte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ergasii dhaabbata MEDROC keessa qacaramtee waggaa sadiif hojjette. Keessishee garuu hin boqonne. Booda yeroo hojiin ala leenjii ogummaa suuraa kaasuu fudhatte.
Ogeessa suuraa maqaa qabu, Mikaa'eel Tsaggaayee biratti erga leenjitee booda piroojektii akka hojjettu kennameef akaakaashee irratti hojjette. Yeroo duraaf kaameraa qabattee akaakaashee Waldiyaa jiru bira deemte.
Ergasii imalli ogummaashee kun milkaahinaafi namoota damee kana keessatti maqaa qaban hedduu biraan ishee gahe.
Akkaataa suuraa kaastuu pireezidant Saahilawarq taate yoo himtu, dhaabbata ''Dastaa Foor Afrikaa'' jedhamu keessa wayitan hojjedhu guyyaa tokko waajira pireezidantiirraa ''fotogiraafara barbaanna'' jedhamee ani waamame jetti.
''Af-gaaffiin naa taasisan, nan qacarame.''
''Carraan kun jireenya koo kallattii biraatti qajeelche. Abbaan koo yeroon suuraa kaasuu jalqabu badaa hin gammanne ture. Masaraa mootummaa yeroon galu garuu natti boone. Ogummaan eessaan akka na gahe arge. Maatiinis ni gammade.''
''Sababiin isaas kabajamoo Saahilawarqi Zawdee pireezidantii dubartii jalqabaati. Akka aartistiitti isaaniif hojjechuun koo adda ture.''
Kabajamoo Saahilawarqi 'garraamiifi dheekkamtuudha'
''Guyyoonni jalqabaa muraasni dhiphisoo turan. Akkamiin suura ajaa'ibaafi addaa kaasuun danda'a jedhee yaalaan bula.''
Isa duras waltajjiiwwan adda addaarratti isaan argadhen ture. Yeroos isaaniin suura kaasuuf hiree argachuun salphaa hin turre. Dhokkadheen isaan kaasuuf yaala ture. Amma kottuu kaasii yeroon jedhamu xiqqoo natti salphate, xiqqoos natti bitaacha'e.
BBC: Suuri kee jalqabaa si hin yaaddessinee?
Hojiin koo kan jalqabaa waajira isaanii keessatti wayita keessummaa simatan isaan kaasuudha. Kan narraa eegamu suura baratame, wayita harka walfuudhan, taa'aanii yoo haasa'an fa'adha. Suurri shanan tokko gahaadha.
Ani garuu suura addaa kaasuuf ofilaalee fa'a keessaan ceesisee kaasuuf carraaqaa ture.
Ogeeyyii suuraa sana dura turan akkan caaluufi adda ta'uu koo agarsiisuu ture yaadnikoo. Naaf hin milkoofne.
Jalqaba walgahii isaanii guutuu waliin taa'ee kanin kaasu natti fakkaate ture. Edaa seentee daqiiqaa jalqabaa shan suura kaaftee bahuutu sirra jira. Ofumaafan dadhabe.
BBC: Suurota kan filatu si'ii?
Lakki ana miti. Garee Kominikeeshiniitiin filatama. Suurri kam uummataaf akka mul'atu ani hin murteessu. Gaheen koo kaasuu qofa.
BBC: Atis Pireezidantittiinis suuricha hi filattan jechaadhaa?
Hojiin koo kaasuu qofa. Warri kominikeeshinii filatanii isa dabarsan garuu pireezidantittiin ni mirkaneessu.
BBC: Kanaafuu ati suura miidhagaa kaaseera kana naaf haa ta'u jechuu hin dandeessukaa?
Wanti akkas jedhamu hin jiru. Suuraalee pirootokoolii dippiloomaatii eegan jiru. Isaantu barbaadama. Kanaafan ani haala adda ta'e tokkoon suura addaa kaasuun koo gatii hin qabu kaniin siin jedhu.
Inumaayyuu masaraa mootummaatii ala qophiilee ayyaanaa adda babayiirratti suuraalee wayyoo qaban kaasuuf bilisummaa argadha.
Suuraaleen waajira keessaa saffisa qofa si barbaadu. Yeroo harka walfuudhan akka si hin dabarre. Kanaan ala waan biraa homaa hin barbaadan.
Fakkeenyaaf sirna kakuu Pireezantii Ugaandaarratti wayita argaman garas imallee ture. Suura fooyyee qabu kaniin kaase achitti. Masaraa mootummaa keessa ''kiri'eetiivi'' ta'uu hin dandeessu. Akkamitti sii ibsu? Lultuudhuma kaameraa baatedha ati. Suuraalee baayyee foormaal ta'an barbaadu.
Sanaratti akka feete ta'uu hin dandeessu. Pirootokooliin si daangessa. Amma masaraa mootummaatii bahee bilisummaan qabu nan jaaladha.
BBC: Suuraa kaastuu dhuunfaa isaanii taatus akka feete isaan argachuu hin dandeessukaa?
Eyyen salphaa miti. Isaan garuu haala danda'aniin nama ofitti dhiyeessuu barbaadu. Sagantaa dhuunfaa gaafa qabaatan ''mee Addisiin waamaa haa dhuftuu'' jedhanii na waamsisu.
BBC: Isaan gabaabduudha. Egdonni isaaniimmoo dhedheeroodha. Suura kaasuuf hin rakkattuu?
Haala nama gammachiisuun dheerinni koo kansaanii waliin qixxeedha. (seeqa) inumaayuu eegdonni isaanii natti kolfu turan. Sababni isaas takka takka yeroon kaasu itti hin mul'adhu. Pireezidantittii osoon kaasaa jiruuyyuu ''Addis eessa jirti'' jedhanii na barbaadu.(seequu)
Yeroo tokko maaltu ta'e seete? waajira keessa jilbeeffadhee osoon suura isaan kaasuu gaardichi isaan haguugee turen se'aa Addis meerre? har'a suura hin kaastumoo?'' jedhan.
Eegdonni yeroo na barbaadan ani gadi jedheen kaasaa jiraa na aargan. Wantichi isaan kofalchiise. Gabaabduu ta'uun koo nagargaareeran se'a (seequu).
BBC: Dubartii ta'anii ogummaa suuraa kaasuurratti bobba'uun ni ulfaataa?
Kuni gaaffii dubartii damee kamurra jirtuufuu dhiyaatudha. Anaaf garuu faallaadha. Dubartii ta'uu kootiin naga-qabeettiidha jedhanii na fudhatu. Naga eegdonni dubartii ta'uu kootiin na dabarsu.
Fakkeenyaaf addabaabaayiirratti yeroon suura kaasu namootni 'agireesiivii' natti hin ta'an sababa ani dubartii ta'eef.
Finfinnee keessa fotogiraafarri dhiirri tokko wayita suura kaasu namootni lola kaasuu malu. Na bira garuu ni darbu. Dubartii waanin ta'eef.
Fakkeenyaaf lotootni hooggantoota yoo eegan si dhiibu, sidarbatufaati. Ana bira darbu. Dubartii ta'uun koo carraa naa kenne.
BBC: Kabajamoo Saahilawarqiif suurri ni bahaa? Photogenic dha?
Ani haala idilee keessatti suura waanin isaan kaasuuf kana jechuun natti cima. Wantin sitti himu tokko garuu, suuraaf miira gaarii qabu. Suura kaafamuurraa rakkoo hin qaban. Suura ni jaalatu. Wanta faayidaa qabu jedhanii ni yaadu. Sun nama gammachiisa.
BBC: Akka suuraa kaastuu dhuunfaa isaanii taatetti namni waayee isaanii waa hedduu beekta jedhee si hubata? Isaan nama akkamiiti?
Dubartii baayyee piroofeeshinaala ta'aniidha. Disippiliinii loltummaa qabu. Ijji isaanii waan xixiqqaa ni hubata. Dubartii waan ta'aniif kan hawaasni irraa eegu jira mitii? akka saalfii waan akkasii. Isaan cirumaa kana hin fudhatan. Dhiiraa olitti dheekkamtuudha. Hojii isaaniirratti oliif gadi jechuu hin beekan. Qacaleedha.
BBC: Fotogiraafara Pireezidant Saahilawarqi wayita turte mindaan kee meeqa?
Badaa miti. Xiqqaas miti. Kanumaan bira haa dabarru.
BBC: Maarree sana jechuun hangami?
Sanirrayyuu ergan achii bahee gatiin ani hojii guyyaa tokkoof gaafadhu sitti himuu nan danda'a. Hojii guyyaa tokkoof doolara 500'n kaffalchiisa.
BBC: Abjuun kee bara haaraa garam si geessa?
Leegasii fotogiraafii maatichaa fuulduratti adeemsisuuf obboleettiikoo quxusuu waliin Istuudiyoo Aymiroo jedhamu banuuf yaada qabna. Ganaa yaadadha.












