Pirezidantiin Zimbaabwe ilmasaanii miseensa kaabinee gochuun muuduun dheekkamsa kaase

Emarsan Mnaangaagwaa

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Zimbabwee Emarsan Mnaangaagwaa ilamsaanii miseensa kaabinee gochuun muuduunsaanii biyyattiitti dheekkamsa kaase.

Pirezidanti Mnaangaagwaa baatii darbe keessa ture filannoo wal falmisiisaa ta’en deebi’anii kan filataman.

Aab Mnaangaagwaa Wiixata kaleessaa Hagayya 11, 2023 ture ilmasaanii Deeviid Kudaakwaashee ittaanaa Ministira Maallaqaa gochuun akka qaama gahee dargaggoo miseensota paarlaamaatti kan aangoof dhiyeessan.

Akkasumas ilma wasiila isaa kan ta’e, Tongaa’I Mnaangaagwaa akka itti anaa Ministira Turizimiitti muuduu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Mthuli Ncube kan duraan oggeessa baankii turan, irra deebii akka ministeera maallaqaatti kan leenjiifaman yoo ta’u, Dura Taa’aan paartii biyyaaleessa Zanu-FP, Oppaah Muchingurii-Kaashirii irra deebiin akka Ministira Raayyaa Ittisa biyyaatti muudamaniiru.

Miseensi mana mareefi miseensi paartiilee mormituu Gamtaa Lammilee Jijjiramaaf (CCC) fuuldura dubbachuun beekamanii Faadizaayi Maheere miseensa kaabinee haaraa ammo Aab Mnaangaagwaa loogii raawwachuudhaan himatan.

Himannaa kanarratti hanga ammaatti deebiin Paartii biyya bulchu ykn pirezidanticha irraa ifatti kenname omtu hin jiru.

Haata’u malee, deeggartoonni Mnaangaagwaa ammo ilmisaa aangoo itti mudamee kanaaf gahumsa qaba jechaa jiru.

Aab Mnaangaagwaa irra deebiidhaan filatamuunsaanii paartiilee mormiitootaan filannichi waliin dhahameera jechuun mormii kan kaase yoo ta’u, qaamooleen taajjabdootaas akkasumas filannichi ulaagaalee naannoo fi kan idil-addunyaa hin guunneedha jedhanii ture.