Pirezidant Baayidan labsii wayita waraana Kaaba Itoophiyaa baasan dheeressuu beeksisan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayideen haalli nageenyaa Kaaba Itoophiyaa jiru wayyaa'aa waan hin jirreef Labsiin Pirezidantii waggaa lama dura labsame akka itti fufu murteessuu beeksisan.
Pireezidantichi waggaa lama dura ALI Fulbaana 7/2014 namootaa fi dhaabbilee waraana Kaaba Itoohiyaa keessatti sarbama mirgaa raawwatanirra qoqqobbii kaahuu kan dandeessisu Labsii Pireezidantii labsan.
Labsichi waraana adeema ture san keessatti aanga'oota mootummaa Federaalaa, aanga'oota Eertiraa, qondaaltota humnoota Amaaraafi ABBUT irra qoqqobbii kaahuuf hayyama kan laatu ture.
Pireeziantichi ibsa Kamisa Fulbaana 8, 2023 baasaniin ammoo haalli ammallee Kaaba Itoophiyaa jiru nageenyaa fi tasgabbii biyyattiifi kan Gaanfa Afrikaafillee yaaddessaa ta'ee itti fufeera jedhan.
Itti dabaluunis haalichi imaammata Haajaa Alaa fi nageenya biyyaalessaa Yunaayitiid Isteets naannicha waliin hidhattee qabdurratti dhiibbaa ni qabaata jedhaniiru.
Sababa kanaattis labsiin pireezidantichi waggaa lamaaf jedhanii mallatteessaniifi Fulbaana 6 darbe goolabama jedhamee eegamaa ture, waggaa tokkoon akka itti fufu murteessuu ibsaniiru.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa labsiin kun akka bahu sababa ta'e waliigaltee Piriitooriyaan xumura argacha kan jiru ta'us, labsiin kun ammallee waggaa dabalataaf itti fufeera.
Waraana hamaan waggoota lamaaf gaggeefamaa ture keessa raayyaan ittisa biyyaa, waraani Eertiraa, humnoonni Amaraafi ABBUT sarbama mirgoota namoomaa yakka waraanaatti dhiyaatu raawwachuun UN himannaa dhiyeessaa ture.
Baayidan bara lama dura labsii mallatteessan keessa qoqqobiin bu'ura labsichaan kaahamu dhaabbilee fi namoota dhuunfarra male uummata Itoophiyaa ykn Eertiraarratti kan xiyyeefate akka hin taane ibsaniiru.
''Qoqqobbichi kan xiyyeefatu namoota dhuunfaa ykn dhaabbilee waraana kana keessa sarbama mirgaa raawwatan irratti. Eenyuyyuu caala Itoophiyaaf deeggarsa namoomaa ni dhiyeessina. Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa keessa balaa adda addaan namoota rakkoof saaxilamaniif deeggartoota keenya waliin gargaarsa dhiyeessuu itti fufna'' jedhanii ture.
US, Kaaba Itoophiyaa haalli jiru yoo fooyya'e, waraana kanarraa ishee bayyanachiisuufi diinagdee ishee dammaqsuuf hawaasa idila-addunyaa waliin ta'een gargaaraa jettee ture.
Waggaa lama dura Pireezidant Baayidan labsicha yeroo baasan Itoophiyaan labsii kanatti mufannaa qabdu ibsitee ture.
Hariiroo dippiloomasii qabbanaa'e
Waraanni Kaaba Itoophiyaa dhalachuu booda hariiroon Itoophiyaafi warra Lixaa rakkoo keessa galeera.
Pireezidant Baayidan labsii kana baasuu booda ammoo Ministirri Muummee Abiy Ahimad mufii mootummaa isaanii xalayaa banaa barreessaniin ibsaniiru.
Abiy xalayaa isaanii kana keessatti michuu yeroo dheeraa Itoophiyaatii kan ittiin jedhan US ''yeroo dhiyoo as tarsiimoon hordofaa jirtu kan nama raaju qofa osoo hin taane, mirga namoomaf quuqamuurrayyuu kan ce'eedha'' jedhaniiru.
Ameerikaan aanga'oota waraanaa Itoophiyaa fi Eertiraarra qoqqobbii kaahuu isheen cinaatti carraa daldalaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiif mijeessitee turteefi Itoophiyaan irraa guddoo fayyadamaa turte, AGOA, keessaa akka baatus gooteetti.
Wajirri Haajaa Alaa US qoqqobbi kaahuun kan barbaachise haalli naanicha jiru akka gara nagaatti deebi'u yaaliin gochaa turte fuhatama dhabuu isaarraa kan ka'e akka ta'e ibsee ture.












