Obbo Taayyeen gadhiifamanis, balbala mana hidhaatii 'poolisiin' fudhamuu maatiin himan

Obbo Taayyee Danda'aa hidhamuu isaanii dura mootummaa cimsanii qeeqaa turan

Madda suuraa, Ministry of Peace

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Taayyee Danda'aa hidhamuu isaanii dura mootummaa cimsanii qeeqaa turan

Angawaan duraanii mootummaa federaalaa Obbo Taayyee Danda’aa guyyaa har’aa [Roobii] mana amala sirreessaa Qilinxoodhaa yeroo bahuuf jedhan balbalatti poolisoota federaalaan fuudhamuu maatiin BBC'tti himan.

Torban kana gaafa Wiixataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi ijibbaataa Obbo Taayyeen wabiidhaan akka gadhiifaman murteessee ture.

Akkaatuma kanaan guyyaa har'aa mana hidhaatii gadhiifamanis namoota ‘’huccuu poolisii federaalaa’’ uffatan akkasumas uffata ''siviilii, maaskii[s] godhataniin'' fuudhamuu haati warraa isaanii BBC'tti himan.

Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo konkolaataan Obbo Taayyeen itti fuudhaman jedhan ‘’taargaa poolisii maxxanfachuu'' fi bakka amma jiran akka hin beekne himan.

Dhimma kanarratti BBC'n mootummaarraa waan odeeffate hin qabu. Hanga ammaa gama mootummaas dhimma kana irratti wanti jedhame hin jiru.

Obbo Taayyee Wiixata gadhiifamu erga jedhame booda ''dogongora baraa'' xalayaarra tureen hanga yoonaa hidhaa turuu himu haati warraa.

Kunis erga sirratee booda simachuu dhaquu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo BBC'tti dubbatani.

‘’Nuti nagaa jechuuf gaafa itti deemnu nuu daddarbatanii akka mi’allee walirraa hin fuune akka homaa walitti hin haasofne, waan gaafannufillee deebii hin arganne,’’ jedhan.

Waggaa dura erga aangoorraa kaafaman booda kan hidhaman miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa himannaan garagaraa sadii irratti banamee ture.

Kunneenis, hookkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuu kan jedhanidha

Dhimmi isaaniis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa jira.

Manni murtii himatawwan irratti saaqame sadi keessaa lamaan bilisa jechuun himata meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuu kan jedhu akka ofirraa ittisan manni murtii kennee ture.

Obbo Taayyeenis aangawoota mootummaa dhimmicha beeku jedhan shan jecha ragummaa akka kennan waammatanii muraasa jecha yoo kennan, kan hafan ALI Mudde 03, 2017 akka kennan bellamni qabamee ture.

Osoo kanaan jiruuti gaafa Wiixataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi ijibbaataa akka wabiidhaan bahan murteessuu maatiin kan BBC’tti himan.

Ta’us, guyyaa Roobii erga bahan booda poolisootaan qabamuufi bakka jiran akka hin beekne himan.

Maaltu ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Sintaayyoon taateen kuni Roobii Waaree booda naannoo sa’aatii 11:00 mudachuu himu.

Xalayaarraa dogongora jiruun Obbo Taayyeen ‘’guyyaa jedhametti hin baafne. Manni amala sirreessaa dogongora qabu sirraa’uu qaba jedhee har’a [Roobii] mana murtii oolle’’ jedhu.

‘’Isa sirreessisnee akkuma dhufneen eega fixanii gadi baasani akkuma karra san dura geenyen akka tasaa ta’e paatroliin lama gamaa gamana dhaabbatu.

‘’Sochii kanaan dura karra san duratti hin argine. Tilmaamneerra kanas akka ta’e,’’ jechuun akka hidhamuu malan tilmaamuu himu.

‘’Namoonni siviilii uffatan, maaskii godhatan naannoo san bilbila qabatanii asiifi achi deemaa turani, keessa seenaa bahaa turani.

''Warrimmoo meeshaa hidhatan karra dura taa‘anii eegaa turan hamma ajajni kennamuufitti.

‘’Akkuma inni karra mana amala sirreessaa Qilixootii gadi baheen kan simatani isaanii jechuudha.

‘’Namni kuni baqataa hin jiru, gara manasaa galaati jira. Ammoo bilisa hin jedhamne,’‘ jedhanii gaafachuu himan.

‘’Gaaffii san namni dhagahe hin jiru,’’ jechuun deebii akka hin arganne himan.