Obbo Taayyee Danda’aa wabiin akka gadhiifaman murtaa'e

Taayyee Danda'aa

Madda suuraa, Addis Standard

Deetaa Ministeera Nagaa kan turan fi miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman manni murtii heeyyamuunsaa himame.

Ganama har’aa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddacha ijibbaataatti dhiyaachuu BBC’tti kan himan haati warraa Obbo Taayyee, Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo dhaddachichi Obbo Taayyeef mirga wabii heeyyamuu himaniiru.

“Har’a Mana Murtii Ijibbaataatti dhiyaannee ture. Isa sana manni murtii mureefira” jedhan.

Dabalataan “Maallaqa 20,000 (birrii) qabsiisanii yookiin nama waammatanii akka bahuu danda’an murteessera. Adeemsa godhamuu qabu gochuudhaaf sa’aatii 8:00 irratti nubeellamaniiru” jedhan.

Bara darbe keessa aangoorraa erga kaafamanii booda to’annoo jala kan oolan Obbo Taayyeen, hookkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himanni irratti banamee ture.

Dhimmi isaaniis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru yemmuu ta’u, manni murtichaa himatawwan irratti saaqame sadi keessaa lamaan bilisa jechuun himata meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuu kan jedhu akka ofirraa ittisan jala murtii kennee ture.

Obbo Taayyeenis aangawoota mootummaa dhimmicha beeku jedhan shan jecha ragummaa akka kennan waammatanii turan.

Angawoonni mootummaa olaanoon lama dhaddachatti dhiyaatanii jecha kennuunsaanii kan yaadatamu yemmuu ta’u, manni murtichaa jecha ragaalee hafanii dhaggeeffachuuf Mudde 3, 2017’tti beellama qabateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma dura Manni murtii waliigalaa Federaalaa gaaffii oliyyannoo mirga wabii obbo Taayyee Danda’aa kufaa godhee ture.

Obbo Taayyee Danda’aa dhadhacha gaafa Adoolessa 30, bara 2016tiin himatawwan sadii irratti dhiyaatan keessaa lamarraa bilisa jedhaman.

Kanaaf jechas himata tokkicha dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa ilaalu qofaan waan himatamaa jiraniif mana murtii Olaanaa Federaalaa mirga wabii gaafatanis gaaffiin isaanii kufaa ta’ee ture.

Abukaatonni isaanii doorsisaafi sodaa nageenyaatiin erga dhadhacha irratti argamuu dhiisanii himata isaanii ofiin falmachaa kan jiran Obbo Taayyeen, murtii manni murtii olaanaa federaalaa kenne kanarratti mana murtii waliigalaa Federaalaatti oliyyannoon mirgi wabii akka eegamuuf kan gaafatan.

Manni murtii waliigala Federaalaas gaaffii oliyyannoo mirga wabii isaan dhiheeffatan kana irratti murtii kennuuf Hagayya 29, bara 2016tti beellama qabatee kan ture.

Beellama gaafa saniirrattis kana irrattis Obbo Taayyeen mana murtii waliigala Federaalaatti uffata keelloo sirreeffamtoonni uffataniin qofaasaanii dhihaatan.

Abbootiin murtiis gaaffii mirga Ol iyyannoo isaanii kana ilaaluu ibsuun yakki meeshaa waraanaa seeran alaa amma ittiin himataman waggaa 8 hanga 25 kan adabsiisuu ta’uu ibsan.

Kanaafis himatamaan kuni mirga wabiitin yoo gadhiifaman yeroo manni murtii barbaadutti dhihaachuu dhiisuu malu akkasumas yakkichi adabbii gadi aanaa waggaa saddeetii waan ta’eef mirgi wabii eegamuu hin qabu jechuun murtii manni murtii olaanaa Federaalaa kenne cimsee ture.

Manni murtichaa murtii mana murtii olaanaa Federaalaatiin kenname cimsuun iyyannoo mirga wabii isaanii kufaa akka ta’e kan itti murtaa’e obbo Taayyeen, ‘Baayyee Galatoomaa’ jechuun gara mana hidhaa Qaallittiitti deebi’an ture.