TikTok iyyannoonsaa fudhatama dhabuun booda Ameerikaatti dhorkamuufi

Madda suuraa, Reuters
TikTok bara 2025tti Ameerikaa keessatti akka dhorkamu ykn akka gurguramu seera jedhu mormuun iyyannoon dhiyeesse fudhatama otoo hin argatiin hafeera.
Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa kuni iyyannoon seerichi heera qabeessa kan hin taanee fi ''mirga of ibsuu fayyadamtoota Ameerikaa miiliyoona 170 tahan irratti dhibbaa godha,'' jedhu mana murtii federaalaa biratti fudhatama argata abdii jedhu qaba ture.
Haa tahu malee dhaddachi tarkaanfii koongireesiifi pireezidaantota walitti aananii dhufaniin kenname tahuu ibsuun murticha raggaaseera.
TikTok kana booda falmii kana gara qaama seeraa olaanaa biyyattii Mana Murtii Waliigalaa UStti akka iyyatu beeksiseera.
Ameerikaan TikTok akka dhorkamu ykn gurguramu kan barbaaddu abbootiin qabeenyaa dhaabichaa mootumma Chaayinaa wajjin hidhata qabu jettee waan yaadduufi. TikTok fi dhaabbanni haadhoo Bytedance jedhamu dhimmi kana ni waakkatu.
Manni murtichaa seerichi, ''of eeggannoon tumamee, diina alaa to'achuuf kan oolu dha, qaama tattaaffii yaaddoo nageenya biyyaalessaa Chaayinaa irra dhufu hambisuuf'' tahuu irratti waliigaleera.
Haa tahu malee TikTok falmiin kuni asirratti hin dhaabbatuu jedheera.
''Manni Murtii Waliigalaa seenaa mirga of ibsuu lammiilee Ameerikaa eeguu qaba. Dhimma heeraa tahe kanarrtti waan wal-fakkaataa akka dalagu eegna,'' jedhe dubbiihimaan TikTok.
Dabluunis seerichi kan bahe odeeffannoo ''sirrii hin taane, dogoggora qabuufi bu'uura hin qabneeniin, dhorkamuun isaas lammiileen US waan fedhan ibsuurraa dhorkaani,'' jedhe dhaabichi.
Donaaldi Tiraamp filannoo bara 2024 mo'achuun appii kanaaf abdii tahuu mala.
Tiraamp gaafa Amajjii 20 kakuu kan raawwatan yoo tahu seerri TikTok dhorkuuf bahe ammoo guyyaa tokko dursee akka hojiirra oolu ajaja.
Haa tahu malee Tiraamp waadaa yeroo duula filannoon itti cichu yoo taheef waan mul'atu dha.
Piroofeesar Jeemis Giriimeelmaan Yunivarsiitii Koorneel irraa pireezidantiin filatamaa kuni ''TikTok'f dhiifama gochuuf karaa rakkisaa tahe filatu taha,'' jedhan.
''Koongireesii Ameerikaa keessatti ilaalchi farra Chaayinaa tahe jabaataa dha. Paartilee lamaan irraa TikTok akka dhorkamu kan barbaadan lakkoofsi isaanii xiqqaa miti,'' jechuun BBCtti himan.
Dhimmi mana murtii TikTok kuni miidiyaalee hawaasaa kaaniin dhiyeenyatti hordofamaa ture.
Dhaabonni kanneen akka Meta TikTok dhorkamuun booda carraa jiru fayyadamuuf qophaa'aa jiru.












