Baqattoonni 45 ol qarqara Jibutiitti galaanatti darbatamanii du'an Itoophiyaanota ta'uun mirkanaa'e

Kibxata darbe namoonni qarqara galaana Jibutiitti galaanatti darbatamanii du'aniifi achi buuteen isaanii dhabame hundi Itoophiyaanota ta'uu IOM BBC mirkaneesseera.

Dhaabbanni baqqattoota idil-addunyaa (IOM) Kamisa BBCf akka mirkaneessetti, namoonni 45 ol ta'an balaa kanaan dhuman hunduu Itoophiyaanotadha.

Balaa qarqara galaana Jibutiitti uumameen yoo xiqqaate baqattoonni 45 bidiruuwwan warra seeraan ala namoota daddabarsanirraa darbatamanii du’uun ibsame.

Kutaa Qoontsila Itoophiyaa Jibutiitti gorsaa ministiraa kan ta’an Obbo Adaraa Tamasgeen balaan kun kan qaqqabe baqattoota Yaman irraa gara Jibutiitti bidiruun dhufaa turanirratti ta’uu mirkaneessuu isaanii BBCtti himan.

Dhaabbanni baqattootaa idil-addunyaa (IOM) gama isaatiin, balaan kun kan qaqqabe baqattoonni kunneen eegdota qarqara galaanaatiin akka hin qabamneef qarqara galaanaa osoo hin qaqqabiin bidiruurraa “akka bu’an godhamuun [galaanatti utaalanii akka naqaman dirqisiifamuun] hedduun isaanii daakanii bahuu dadhabuun isaanii du’aatii isaaniif sababa ta’eera,” jedheera.

Doonii godaantotaa lama kanneen namoota 310 qabatanii imalaa turan qarqara galaanaa Jibuutiitii dhidhdimuun yoo xiqqaate, namoonni 45 du’anii, namoonni hedduun achi buuteen isaanii dhabamuu qondaaltonni himan.

Dooniiwwan kunneenis osoo Galaana Diimaa qarqara baha Afrikaa irratti hin dhidhimiin dura namoota 310 waliin Kibxata kaleessaa Onkololeessa 1, 2024, Yaman irraa ka’uu Dhaabbanni Godaantota Idil-Addunyaa (IOM) beeksiseera.

“Hanga ammaattis namoonni 61 achi buuteen isaanii kan dhabame yoo ta’u, hojiin barbaachaa haara galfii malee itti fufee jira” jechuun eegduun qarqara galaanaa Jibuutii beeksiseera.

Balaa bidiruu yeroo dhiheenya sarara galaana a kanarratti mudate isa hamaa ta'uu, daandii kunis addunyaa irratti sarara galaanaa balaa baay'ee fi cimaa kan qabu garuu kan baqattoonnii fi godaantotni Afrikaa irraa dhufan itti fayyadamaniidha.

Namoonni 115 balaa kanarraa lubbuun kan hafan yoo ta'u, Wiixata ganama irraa kaasuunis deeggarsa IOM'n barbaachi cimaan gaggeeffamaa jiraachuu tu himame.

Eejjansichis ibsa baaseen ''namoota bakka buuteensaanii dhabame argachuu fi nageenya namoota lubbuun hafan mirkaneessuuf kutannoo qabna,'' jedheera.

Dooniiwwan kunneenis qarqara galaanaa naannoo Jibuutiitti, bakka bashannannaa kaaba dhiha naannoo Kihor Angar jiru irraa fageenya meetira 150 qofa irratti dhidhimuu eegduun qarqara galaanaa Jibuutiin kun ibseera.

Godaantonni Afrikaa kumaatamaan lakkaa’aman waggaa waggaan Galaana Diimaa qaxxaamuranii gara biyyoota guddatanitti imalu

Gariin baqattootaaf sababii waldhabdee, balaa uumamaa fi iyyuummaadhaaf jireenya gaarii barbaacha gara sanatti imalu.

Ji’a Waxabajjii keessas, yoo xiqqaate godaantonni Somaaliyaa fi Itoophiyaa 56 kan du’an yoo ta’u, 140 ammoo bakka buuteensaanii dhabamuun gabaafameera.

Balaan sunis bidiruu Somaaliyaa irraa kaate tokko qarqara galaanaa kibba Yamanitti erga Galoo Galaana Aden keessatti dhidhimten booda ture.

Namoota balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban keessaa dubartoonni 31 fi daa'imman 6akka keessatti argaman ibsame ture.

Baay'inni lakkoofsa godaantota Gaanfa Afrikaa irraa gara Yaman imalan kan bara 2022 gara kuma 73 ture, bara darbe ammoo gara 97,200 ol ta’uu odeeffannoo IOM irraa argame ni mul’isa.

Irra caalaan isaanii ammoo kan daddabarsitoota seeraan alaa kanneen yeroo baayyee bidiruu balaafamaa fi kan garmalee namoonni itti baayyatee fe'amuun qaxxaamuran akka fayyadamaniif dirqamu.