Umrii dheeraa jiraachuu barbaadduu? Hiriyyoota filachuurratti xiyyeeffadhaa

Neetiworkiin hawaasummaa/hiriyyummaakee akkuma sochii qaamaa gootu fayyaakeerratti dhiibbaa uumuu dandaʼa.

Barreessaan kitaaba haaraa waa’ee hariiroo keenyaa kan barreesse Deeviid Roobsan ragaafi sababoota walitti dhufeenya ajaa’ibaa kanaa qorateera.

Yoo dhimma fayyaa waliigalaa qabaachuufi umurii dheeraa jiraachuu ilaalchisee baroota dhiyoo asitti kan yaadamaa jirurratti xiyyeeffachuu barbaaddan, haala hariiroo keenyaarratti xiyyeeffannaan dabalaa dhufuu hubattu.

Namoonni warri hariiroo/neetiwoorkiin hawaasummaa isaanii gudachaa jiru warra qofaa ta’an caalaafayya buleeyyiidha.

Hariiroon namoota biroo waliin taasifnu ykn neetiwoorkiin uummannu umurii dheeraa jiraachuu keenyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba.

Kanaaf jecha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhiyeenya ana Komishinii Walitti Dhufeenya Hawaasummaa (Commission on Social Connection) jedhu haaraa hundeessee, " addunyaaratti dhimma fayyaa dursi kennamuuf” jechuun irratti hojjechaa jira.

Yaada fayyaan waliigalaa qama keenyaa cimina hariiroo hawaasummaa qabnu waliin walitti dhufeenya qaba jedhu kana ilaalchisuun tarii shakkiin gara sammuutti isin dhufuu danda’a.

Haata’u malee, hubannoon keenya moodeela fayyaa "biopsychosocial" waggoota kurnan baayyeetiif guddachaa dhufeera.

Kitaabakoo The Laws of Connection jedhamuuf saayinsii osoon qoradhuu, michummaan keenya humna sirna ittisa qaamaa keenyaarraa kaasee hanga carraa dhukkuba onneetiin du'uu keenyaa hundarratti dhiibbaa uumuu akka danda'u hubadheera.

Xumurri qorannoo kanaa ifaadha: Umurii dheeraafi fayya qabeessa jiraachuu yoo barbaanne namoota naannoo keenya jiran waliin hariiroo uummannu filachuu jalqabuu qabna.

Hundeen saayinsii kanaa jalqaba bara 1960moota keessarra akka ka’e hordofuun ni danda’ama.

Yeroo sanatti Kaalifoorniyaa keessatti aanga’aan Ministeera Fayyaa Hawaasaa Leester Bireslowu pirojektii guddaa barmaatileefi amaloota akka umuri dheeraa jiraatan nama taasisu adda baasuurratti hojjechaa turan.

Kana gochuuf ammoo hirmaattoota gara 7,000 ta’an kan naannoo Kaawontii Almeedaarraa ta’an hirmaachise. Gaaffilee bal’aa ta’aniin, akkaataa jireenya isaanii ilaalchisee fakkii bal’aa adda ta’e ijaare, achiis waggoota itti aananiif fayyaa isaanii hordofe.

Gareen Bireslowu kun waggoota kudhan keessatti wantoota ykn mala jireenyaa fayyaa gaarii qabaachuufi umurii dheerachuuf barbaachisoo ta'an jennee beeknu hedduu adda baasee ture:

Tamboo hin xuuxiin; madaallii dabarsitee hin dhugiin; halkan tokkotti sa’aatii torbaa hanga saddeeti rafi; sochii qaamaa amaleeffadhu; ulfaatina qaamaa giddu galeessa qabaachuu; ciree nyaachuu.

Yeroo sanatti argannoon kun baay'ee kan nama dinqisiisu waan ta'eef, hiriyyoonnisaa bu'aa qorannoo kanaa yeroo isaaf dhiyeessan, qoosaa akka jiranitti amana ture. Qajeelfama kana bal'inaan ibsuun si hin barbaachisu – "Alameda 7" amma bu'uura qajeelfama fayyaa hawaasaati.

Qorannoon kun garuu ittuma fufee, bara 1979tti, hiriyyoonni Bireslowu lama – Lizaa Berkmaan fi S Liyaandiroo Sikiim – waan saddetteffaa umurii dheeraa akka jiraatan gargaaru argataniiru: Innis walitti dhufeenya hawaasummaadha.

Giddugaleessaan namoonni walitti dhufeenya ykn hariiroo guddaa namooa kaan waliin qaban carraa du’uu isaanii kanneen nama waliin hariiroo hin qabneen walakkaatiin gadidha.

Gadi fageenyaan yoo ilaalle, hariiroon gosa hunduu barbaachisaa ta’us, tokko tokko kaan caalaa hiika akka qabu ifadha.

Miirri walitti dhufeenya hiriyoota gaaʼelaafi michoota dhihoo wajjin qabaachuun eegumsa guddaa kan kennu taʼus, waldaa ykn bakka namoota waliin itti dabarsan kan akka kilabii booliingii keessatti namoonni akka tasaa beekanillee, miira gaddaafi muddama sadarkaa du’aatti nama geessurraa wal oolchuun ni danda’ama.

Amma wanti akkas bu’aa qabu kun jalqaba maaliif qajeelfama fayyaa hawaasaa keessaa hafe kan jedhu ibsuu danda’uudha.

Saayintistoonni qaama akka gosa maashinii tokkootti ilaaluu barataniiru. Baay’inaan haala sammuu keenyaafi naannoo hawaasummaa keenyarraa adda ba’ee ture.

Yeroo sanarraa kaasee garuu hariiroon namoota waliin wabnuufi kophummaan dhukkuboota gosa garagaraatiif carraa saaxilamuu keenyarratti dhiibbaa akka qabu qorannoon bal’aan gaggeeffame mirkaneessee jira.

Ijoo dubbii

Deeggarsi hawaasummaa dandeettii qaamni keenya dhukkuba ofiraa ittisuufi infekshiniirraa nama eeguu danda’a.

Bara 1990moota keessa Yunivarsiitii Kaarnegii Meloon US keessatti Sheeldan Koheen hirmaattonni 276 hariiroo hawaasummaa isaaniifi dandeettii dhukkuba dandamachuusanaiirratti qorannoo gaggeessuun dhimma kana mirkaneessera.

Akka qorannoo kanaatti namoonni hariiroo hawaasummaa cimaa qaban warra hin qane caalaa fayyaa akka qabaniifi dandeettii qaami isaanii dhibee ofiraa ittisuu akka qaban bira gahameera.

Akka qorannoon agarsiisutti, namoonni namoota naannoo isaanii jiraniin akka deeggaraman yoo itti dhagaʼamu, fayyaan isaanii ni fooyyaʼa, carraan duʼuu isaaniis xiqqaaa taʼa.

Walumaagalatti, sadarkaan walitti dhufeenyi hawaasummaa qabnuufi gosa namoota nuti waliin hariiroo qabaannu fayyaafi umurii jiraanurratti dhiibbaa qaba.

Nageenya lakkoofsaan

Ciminni walitti dhufeenya hawaasummaa keenyaa fayyaa keenya irratti hamma kana dhiibbaa akkamiifi maaliif akka qabaatu hubachuuf, jijjiirama tirataa keenya (our evolution) ilaaluu qabna.

Dhalli namaa gara jalqabaa garee guddaa keessa jiraachuutti waan baraniif, dhiyeessii nyaataa irraa kaasee hanga bineensota adamsanitti eegumsaafi tumsa argachuuf wanti hundi hariiroo isaanii irratti hundaaʼa ture.

Hiriyyoota waliin dhaabbachuu dhabuun balaa beela, dhukkubaafi miidhaan isaan mudata ture.

Kanarraa kan ka’e sammuufi qaamni dhala namaa hawaasummaa dhabuu ykn namarraa adda baafamuu akka balaa guddaatti hiikkata.

Yeroo kohaa taanuufi hariiroon qabnu addaa citu yaaddoofi dhiphinni akkasii kan nutti dhaga’uufis kanumaafidha.

Akkuma dhukkubbiin qaamaa fayyina akka barbaannuufi madaa keenya akka kunuunsinu nu akeekkachiisu, dhukkubbiin hawaasummaas garee diinummaa irraa fagaachuu fi hariiroo gaarii keenya deebifnee akka hundeessinuuf nu amansiisuuf guddate ta’uu danda’a.

Waggoota kurnan hedduudhaaf kophummaa fi adda baafamuu yoo dabarsine, jijjiiramni kun carraa dhukkubsachuu fi dafanii du’uu haalaan ol kaasuu danda’a. Namoonni yeroo walitti dhufeenyaafi deeggarsa hawaasummaa argatan garuu qaamni isaanii aarii keessoo isaanii kan dhibee uumuu danda’u ni xiqqeessa.

Akka nama saalfiin ykn ija laafinaan rakkataa ture tokkootti, argannoon qorannoo kun xiqqoo na yaaddessa.

Sababiin isaa namni saalfatu ykn ija laafessa ta’e bu’aa nama waliin hariiroo uummachuun argachuu qaburraa hanqachuu waan maluuficha.

Uumamaan walitti dhufeenyi hawaasummaa faayidaa akkasii kan qabu yoo ta’e akkamitti faayidaa walitti dhufeenya kanarraa argannu hanga malu argachuu dandeenya?

Garuu ragaaleen qorannoorraa argameen dandeettiin hawaasummaa keenyaaa bu’aa fayyaa keenyaa akka ta’e hubadheera.

Kanaaf, hariiroo kaan waliin gabbifachuu shaakaluun, namoota waliin hariiroo uummanni ammoo akka fayyaa keenyaafi gumaachurratti hundoofnee filachuun barbaachisaa ta’a.