MM Abiy Ahimed pirezidaantii Sudaan waliin dhimmoota nageenyaa fi hariiroo biyyoota lameenii irratti mari’atan

Madda suuraa, Feesbuukii MM Abiy Ahimed
Ministitti Mummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed pirezidaantii Sudaan Abdel Fattaa Abdulrahaman waliin dhimmoota nageenya biyyoota lameenii fi ardii Afrikaa irratti Baahirdaaritti mari’achuu himan.
MM Abiy fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka barreesanitti, pirezidaanti Abdel Fattaa Abdulrahmaan Al Burhaan waliin dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii fi naannoo irratti mari’achuu himan.
Fooramiin Xaanaa kan gaggeesitoonni biyyoota Afrikaa irratti hirmaatan magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, dhimmoota nageenyaa ardichaa irratti mari’atama.
'‘Rakkoo Afrikaaf furmaata barbaachisu Afrikaanotaan’’ mata duree jedhuun fooramiin Xaanaa kun gaggeeffama.
Fooramiin Xaanaa kana irratti namoonni meeqa akka argaman ibsamuu baatus ministerri muummee Somaaliyaa fi gaggeesitootni biyyoota Afrikaa adda addaa irratti argamaniiru.
Bulchiinsi bishaanii, daataa fi aannisaa dhimmoota xiyyeeffannoon itti kennamuun hojjetamuu qaban akka ta'an MM Abiy haasaa marii kana irratti taasisaniin himaniiru.
Waggoota lamaan darban keessa Itoophiyaa fi Sudaan daangaa irratti wal dhabaa turan.Sudaan humni waraanaa Itoophiyaa loltoota ishee haleeluun himataa turte.
Itoophiyaan ammoo Sudaan daangaa ishee keessa galuun lafashee jalaa qabachuun wla himataa turan.
Kunis loltootni Itoophiyaa daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irra turan waraana Kaaba biyyattiitti mudateef achii kaafamuu hordofun Sudaan daangaa ishee akka seente Itoophiyaan himattee turte.
Dhiyeenya biyyootni lamaan wal dhabdee daangaa kana karaa nagaa furuu akka barbaadan himaa turan.
Dabalataan Itoophiyaa fi Sudaan dhimma hidha guddichaa Itoophiyaa irrattis wal dhabaa turan.
Sudaaniifi Masiriin Itoophiyaan osoo waliigaltee irra hin gahiin hidhicha guutaa jirti jechuun himata isaanii Mana Maree nageenyaa UNtti dhiyeeffachaa turuun isaanii ni yaadatama.
Itoophiyaan gama isheen karaa faayidaa biyyoota yaa’a Abbayyaarra jiranii hin miineen akka hidhicha madda aannisaaf fayyadamtu ibsitetti.












