Gareen Meeksiikoo qoricha dadabarsu miseensa isaa lammiilee Ameerikaa ajjeessan jedhe poolisiif kenne

Gareen qoricha sammuu hadoochaa dadabarsuun beekamuufi Iskorpiinoos jedhamu, lammiilee Ameerikaa afur ukkaamsuun lamaan isaanii ajjeesutti dhiifama gaafachuun miseensoota isaa kanneen ajjeessaniiru jedhe ammoo poolisiitti dabarse kenneera.

Gaazexoonni Meeksiikoo baayyeen suuraa namoonni shan harkisaanii hidhamee kanateeraa uffataniin fulasaanii haguggachuu lafa ciisanii kan agarsiisuu maxxansaniiru.

Poolisiin wayita eddo sana gahutti namoota shanan xalayaa garee dadabarsaa qoricha sammuu hadochootiin barraa’ee irraa argate.

Xalayichi kunis kan barraa’ee jiraattoota Maataamooroos, lammiilee Ameerikaa ajjeefamaniifi maatiisaanii, akkasumas lammii Meeksiikoo wayita lammiilee Ameerikaa ajjeefamaniitti rasaasa tasaatiin rukutame ajjeeffamte dhiifama gaafachuuf kan ergame ture.

Seera kabachiiftonni bulchiinsa Taamaawulpaas jedhamu keessatti argaman koppii xalayichaa naaf kennaniiru jechuun APn gabaasera.

‘‘Namoota taatee umameetti kallattiin ta’e al kallattiin itti gaafatamoodha jennee dabarsuun kennineera’’ jedha xalayichi.

Itti dabaluunis, xalayichi akka eeruutti, namoonni shanan ‘‘akka barbaadaniitti murtoo naamusa hin qabne raawwataniiru’’ jedhan.

Miseensoonni garichaa shanan, qajeelfama garee dadabarsitoota qoricha sammuu haddoochu ‘‘lubbuu lamoota nagaa eeguu’’ jedhu cabsaniiru jedha.

Miseensooni garichaa kilinikiin lammiilee Ameerikaa miidhaan qaamaa irra qaqabee yaalchisuuf itti geessan poolisootaan marfamee jira.

Lammiilee Ameerikaa afur keessaa lama, Shaayiid Wudaardii fi Ziindeel Biraawun baayyee miidhamuu osoo hin turiin lubbunsaanii darbeera.

Maddi oduu Rooyitarsi akka gabaaseetti, qondaaltoonni Meeksiikoo reeffa lammiilee Ameerikaa lamaan guyyaa Kamisa kaleessaa waaree booda Ameerikaanootaatti kennaniiru.

Lammiilee Ameerikaa arfan kunneenis gara bulchiinsa itti ajjeefaman kan imalan waan hiriyaan isaanii tokko wallaansa baqaqsanii yaalamuu bareedinaaf taasisuu barbaaddeef ta’uu dhagahameera.

Hiriyoonni Laataaviyaa Maakijii sadi gara Meeksiikoo kan imalan ishee dabaaluuf malee dhimma biraa akka hin qabne gabaafameera.

Haata’u malee, Rooyitarsi akka jedheetti, lammiilee Ameerikaa sadan kana dura yakka qoricha sammu hadoochuu waliin wal qabate xiqqaa raawwatanii ni beeku.

Qondaaltoonni Meeksiikoo lammiilee Ameerikaa kunneen kan ukkaamfaman gareen Iskorpiinoos waan miseensoota garee faallaa isaati jechuun yaadeen ta’u danda’a jedhanii akka amanan Rooyitarsi gabaaseera.

Miseensoonni Paartii Ripablikaanii Ameerikaa humni waraanaa Ameerikaa dadabarsitoota qoricha sammu hadoochuu Meeksikoo irratti tarkaanfii fudhachuu qaba yaada jedhu qabu.

Miseensi paartiichaa Liindiiz Girhaam dadabarsitoonni qorichaa kunneen, ‘‘humnoota shororkeessitoota biyya alaa’’ jedhamun akka farajamanis ni barbaadu.

Yaada kana hordofuunis pirezidantiin Meeksiikoo Andirees Maanuweel Lopeze Obiraadoor, ‘‘Meeksiikoon bittaa Ameerikaa jala hin jirtu’’ deebii jedhu kennaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Maarseeloo Abaardim ammoo yaadni nama siyaasaa Ameerikaa kun ‘‘fudhatama hin qabu’’ jedhaniiru.

Haalli biyyoota lamaan jidduu harbaa’aa jiraatulleen, Gorsituun Nageenya Dhimma Biyya Keessaa Ameerikaa, Liiz Sherwud pirezidanti Lopeer Obdraadoor waliin mari’achuuf Meeksikootti argamu.