Neppaal 'hariiroo hawaasaa tiksuuf' TikTok uggurte

Asxaa TikTok bilbila keecha

Madda suuraa, Getty Images

Neppaal appiin Chaayinaa TikTok qabiyyeen isaa "hariiroo hawaasaa miidhaa waan jiruuf" uggurte.

Murtoon kun kan dhagahame, erga biyyattiin seera haaraa dhaabbileen miidiyaa hawaasaa damee waajjirasaanii biyyattiitti akka banan gaafatu beeksisuushee hordofeeti.

Appiin ji'atti fayyadamtoota biiliyoona tokko ta'an qabu TikTok, Indiyaa dabalatee biyyoota garagaraa keessatti dhorkameera.

Jalqaba bara kanaatti, bulchiinsi Montaanaa appicha dhorkuun Ameerikaatti bulchiinsa jalqabaa ennaa taatu, Paarlaamaan UK ammoo networkii isaa keessaa uggureera.

Neppaalitti ministirri Komunikeeshinii fi Teknooloojii Odeeffannoo Rekaa Shaarmaa, tajaajila BBC Neppaalitti akka himanitti, TikTok qabiyyee balaafamaa tamsaase jechuun himatan.

Dabaluunis "dhorkiin kun ammumarraa jalqabee hojiirra oola. Qondaalonni telekoomis murtoo kana hojiirra akka oolchaniif qajeelfamni kennameeraaf," jedhan.

Haa ta'u malee qondaalli oolaanaa paartii Neppaalii Kongiras Obboo Gaagaan Taappaa, murtoo ugguruu mootummaa kanarratti gaaffii kaasaniiru.

Bilisummaa yaada ofii ibsachuu gadi qabuuf yaalii taasifamudha jedhan. Kanarra aanga'oonni appicha to'achuurratti osoo xiyyeeffatanii wayya jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni garagaraa TikTok ragaa fayyadamtootaa mootummaa Chaayinaaf dabarsee kenna yaaddoo jedhu qabu.

Dhaabbanni appicha bulchu ByteDance, himannaa kana amma dura kuffiseera.

Uggura biyyattii isa ammaa kanarratti garuu, hanga ammaatti gaaffii BBCn dhiyeesseef hin deebisne.

TikTok marsaalee hawaasaa kanneen akka Facebook fi Instagram gadi tahus, dargaggoota biratti guddinni galmeessaa jiru garuu morkattootasaa harka hedduun dursa.

Miidiyaaleen biyya keessaa Neppaal akka gabaasanitti, yakkoonni saayibarii TikTok wajjin hidhata qaban 1,600 ol tahan waggoota afran dabran keessa galmaa'aniiru.

Gabaasa BBC Media Action fayyadama miidiyaa Neppaalitti hojjeteen, akka biyyaatti TikTok sadarkaa sadaffaarra jira.

YouTube fi Facebook fayyadamtoota umrii hundarra jiraniin gara caalu faayidaarra oola. TikTok ammoo dargaggooti umriin isaanii 16 hanga 24 jidduu jiran %80 ol itti fayyadamu.

Paakistaan appii kana erga 2020 as marroo afuriif yeroof kan uggurte ogguu tahu, Indooneezhiyaatti ammoo tajaajilli isaa bittaa fi gurgurtaa onlaayinii ji'a dabre keessa cufameera.