Sagantaan ogummaa kalaqaa Tiktok Beta maalidha?

Madda suuraa, TIKTOK
Yoo hubattanii ta’e dhiyeenya kana viidiyoowwan TikTok irratti maxxanfaman dheerachaa jiru, kunis sababa qaba.
TikTok Mudde 16 irraa eegalee fandii ogummaa kalaqaa isaa doolaara biiliyoona lama ta’e akka kaasu ibseera.
Kunis ammoo sagantaa ogummaa kalaqaa Beta jedhamuun bakka buufama. Hoggantoonni appichaa akka jedhanitti sagantaan kun, viidiyoota daqiiqaa tokko caalaa dheeratan qofaaf carraa galii argachuu kan dabalu ta’a.
Fayyadamtoonni TikTok bekamoo tokko tokko sirni haaraa kun kan bitaa namatti galudha jechuun, kaffaltiin taasifamu garaagarummaa guddaa qaba jechuun komii dhiyeessaniiru.
Sagantaan ogummaa kalaqaa Tiktok Beta maalidha?
Fandiin ogummaa kalaqaa TikTok bara 2020tti kan hundeeffame yoo ta’u, fayyadamtoota viidiyoo maxxansaniif kaffaltii akka taasisu waadaa seenee ture, fayyadamtoonni garuu galiin isaa danuu gaarii kan jedhamu akka hin taane himu.
Sagantaan ogummaa kalaqaa kun fayyadamtoota biyyootii filatamoo keessa jiran, yoo xiqqaate hordooftoota 10,000 qabanii fi kan guyyootii 30 keessatti vidiyoon isaani yoo xiqqaate si’a 100,000 ilaalaamuu danda’uuf kan banaa ta’edha.
TikTok akka jedhutti sagantaan haaraa kun kaffaltii fandii isa duraaniirraa dachaa 20 caalsisuun kaffaluu kan danda’udha. Appii kanaaf kun jijjiiramadha.
Tiktok beekkamtii kan argate sababa viidiyoota gaggabaaboon ta’us, dhiyeenya garuu TikTok irratti viidiyoowwan dhedheeroo fi tamsaasi kallatti hedduummachaa jira.
Viidiyoo dheeraa jechuun yeroon daawwanaa dabala jechuudha, kun ammoo dheerina yeroo namootni TikTok itti fayyadamanii guddisaa deema.
RPM keessan maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga jalqaba waggaa kanaatti TikTok sagantaa haaraa kana yaaluu eegalee, viidiyoo hedduu irratti fayyadamtoonni waa’ee RPM ykn Revenue Per Mille (Kaffaltii viidiyoo dawwatamuu) yemmuu haasa’an agartanii beektu ta’a.
Kun gatii daawwannaa “mirkanaa’aa” 1,000 hundaaf kaffalamudha – akka daawwannaatti lakka’amuuf namootni yeroo murtaa’aa ta’eef viidiyoo kunneen ilaaluu qabu.
Kanaaf yoo RPM kee paawundii 0.20 ta’ee fi daawwanaa 100,000 argatte, galiinkee paawondii 20 ta’a jechuudha.
Fayyadamtoonni tokko tokko wanta kana irratti komii kan dhiyeessan sababa gatiin kun haala ifa hin taaneen adda addummaa waan qabaatuufi.
Dilan Peej, kan maqaa News Daddy jedhamuun beekamu, TikTok irratti hordoftoota miiliyoona 9.9 kan qabu yoo ta’u, viidiyoowwan inni maxxansus yeroo hedduu si’a miiliyoona hedduu daawwatamu.
Komiin isaa garuu RPM’n isaa paawondii 0.05 ta’uu isaadha – kun ammoo kan fayyadamtoota hordoftoota isaa gadi qabaniin yemmuu madaalamu xiqqaadha.
Dabalataanis miidiyaan kun viidiyoowwan isaa akka hin daawwatamneef ittiseera jechuun himateera – kana TikTok haaleera.
RPM akkamiin herregama?

Madda suuraa, ZAYNQF
TikTok akka jedhutti kun daawwannaa dhuga qabeessa ta’e, naannoo viidiyoon kun itti daawwatamuu fi qajeelfama miidiyaa kanaa hordofuu dabalatee ulaagaleen biroon herrega RPM irratti dhibbaa ni uumu.
Dabalataaniis daawwannaa fi hordoftoonni kanaan homaa dhibbaan irra hin ga’u jechuun, namni hundi “mala dhiyeessii” viidiyoo TikTok gubbaa irra jiraniin ilaalama jedha.
Fayyadamaan TikTok Zaayin Farookii ykn Zaynqf jedhamu, sagantaan ogummaa kalaqaa kun “jijjiirama gaariidha” jedha.
Viidiyoowwan ispoortii waliin wal qabatan maxxansuun hordoftoota miiliyoona 1.5 kan gabu yoo ta’u, maddi galii isaa inni ijoon waliigaltee inni dhaabbilee adda addaa waliin qabu akka ture hima.
Sanarra ga’uun hojii guddaa akka ture himuun, namootni hedduun galii guddaa hin jedhamne argatanis, kaffaltii argachuuf haala salphisuun viidiyoo dabalataa akka hojjennuuf ‘hamilee guddaa’ waan kennudha jedha.
Zaayin sirni haaraa kun qaljeelfama isaa hordofuun viidiyoowwan dhedheeroo akka hojjetu kan isa taasisan amanuun, kun akkaataa chaanaalii isaa kan jijjiirsiisu ta’uu hima.
“Yoo viidiyoonkoo daqiiqaa tokko dheerate, danuu hin daawwatamu. Kun yemmuu ta’u ani ‘tole, hordoftoonnikoo kana jaallachaa hinjiran waan ta’eef, mee waan biraan yaala’ na jechisiisa,” jedha.
TikTok maal jedha?
Dubbi himaan TikTok akka BBC’tti himanitti, jijjiirama taasifame irratti yaadni fayyadamtoota simatamaadha.
“Sagantaan ogummaa kalaqaa kan uumame barumsaa fi yaada fandii ogummaa kan duraa irraa argannerratti hundaa’unidha,” jedhu.
“Fayyadama TikTok guddisuufi fayyadamtoota viidiyoowwan uuman badhaasuuf maloota adda addaa yemmuu barbaadaa jirrutti, murtee keenya foyyeessuuf yaadaafi gorsa kallattiin haawaasa keenyarraa argannuuf bakka guddaa qabna.”












