Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erga waraanni Yukireen eegalee as Yihudoonni kumaatamni Raashiyaa gadi dhiisuun baqataa jiru
Waraanni Yukireen erga eegalee booda Yihudoota Raashiyaa keessa jiraatan baay'inaan gadi dhiisanii bahaa jiru jedhame.
Yihudoota addunyaarra jiran gargaaruun kan beekamu Ejansiin Yihudootaa gara Israa'el deemee jira. Ejansichi akka jedhetti Yihudoota 165,000 keessaa 20,500 kan ta'an ji'a Bitootesssaa irraa kaasee Raashiyaa gadi dhiisun bahaniiru.
Hedduun isaanii gara biyyoota garaa garaatti imalan.
Kanneen Raashiyaa keessatti hafanii fi bahuuf yaalaa jiran akkuma kana duraa hari'atamni sanyii Yihudiirra gahaa ture nurra gahuu mala kan jedhan danuudha.
Sirni siyaasa Komunizomii erga kufeen booda Mooskoo keessatti hawaasa Yihudii deebisanii ijaaruuf tattaaffii cimaatu godhamaa ture.
Namoota adda dureen kana irratti hirmaachaa turan keessaa tokko bara 1993 irraa kaasee Mooskotti hangafa lubootaa (chief rabbi) ta'ee tajaajilaa kan ture Piinkas Goldischmidt dha.
"Manneen sagadaa, manneen barnootaa, oolmaa daa'immanii ijaarun, tajaajila hawaasaa kennuu fi barsiisota akkasuma miseensota hawaasaa qindeessuu duwwaa irraa kaanee eegalle," jedha barsiisan amantii Piinkas.
Haa ta'u garuu bara kana waraanni Yukireeni fi Raashiyaa eegalee torban lama keessatti Piinkas Goldischmidt fi maatin isaa Raashiyaa gadi dhiisun Bulgaariyaa irraan Israa'el galan.
Sana booda, itti gaafatamummaa isaa irraa bu'uun waraana mormuun dubbate.
"Weeraramuu Yukireen ilaalchisee mormii koo ibsachuu akkan qabutu natti dhagahame, garuu immoo Raashiyaa keessa taa'ee osoon waraana mormee jireenya koo balaa keessan buusa ture," jedha Piinkas.
Gaggeessan amantaa kun bahuu hordofee namoonni heddu duuka isaa bu'uun Raashiyaa gadi dhiisanii bahuu eegalan.
Baay'en isaanii caraa qabanitti fayyadamuun gara Israa'eitti deebi'aa jiru. Akka seera Israa'elitti, namni tokko yoo xiqqaate akaakayuun isaa Yihudii ta'uu yoo mirkaneesse gara Israa'elitti deebi'uuf mirga qaba.
"Ilaalchi jibba Yihudootaa baay'en mudataa hin jiru waan ta'eef maalif namni gadi dhiisee deema jedheen yaadaan ture," jetti Yunivarsiitii Toroontotti Pirofeesara qorannoo Yiidish fi seenaa Yihudoota Raashiyaa keessa jiranii qorachuun kan beekamtu Anna Shitershis.
"Yeroon seenaa Raashiyaa ilaalu, yeroo rakkoon wayii Raashiyaa keessatti uumame, jijjiiramni jiraate, warri Yihudii yeroo hunda balaa keessa jiru" jedha.
Taatewwan seenaa Raashiyaa keessatti mudatan akkamitti Yihudoota irratti dhiibbaa fidaa akka ture ibsiti Annan. Keessumattuu bara Waraana Addunyaa 2ffaa, warraaksa fi raafama diinagdee mudate keessatti.
Pirofeesar Anna Shitershis ofii ishee Rashiyaa keessatti dhalattee guddatte. Irra deebin warri Yihudootaa seenaa addunyaa keessaatti miira isaanitti dhagahamutti akka gadditu ibsiti.
Biyya ta'e tokko keessatti jireenya isaanii ijaaruf ammam fedha yoo qabaatan iyyuu yeroo kamittuu biyya sana keessaa akka bahan godhamuu danda'u jetti.
"Amajjii 24 kaasee waraana deemaa jiru akka morminu ni beekna, garuu ifatti akkamitti akka dubbannu wallaalle. Ijoollee koo keessaa umurii tajaajila waraanaa gaheera, sababni ani baheef akka inni hin hirmaannefi" jedha namni Mooskoo gadi dhiisee bahuuf jedhu Aleeksandar namni nageenya isaaf maqaan isaa jijjiirame.
"Angawoonni Raashiyaa hin amanaman, ilaalcha badaa qabu; wantoota isaan piroppagaandaa isaanitiin irratti xiyyeeffatan keessaa tokko Yihodoota.
"Durii kaasnee diina keessoo qabna. Akaakayyuu fi akaakileen koo rakkoo kanaaf saaxilamanii turan," jedha Aleeksandar.
Mooskoo keessa jiraachuf wantoota Aleeksandar yaaddessan keessaa tokko Raashiyaan dhaabbata Ejansii Yihudootaa jedhamu cufuuf karoora qabaachuu isheeti.