Raashiyaatti mormii 'jibba Israa'eliin' buufatni xiyyaaraa cufame

Hokkara Dajeestaanitti dhalate

Madda suuraa, AP

Raashiyaatti mormii jibba Israa'el gaggeefamee buufatni xiyyaaraa akka cufamu sababa ta'e hordofee, Israa'el Raashiyaan nageenya lammiileeshee maraa akka eegdu gaafatte.

Mormitootni jibba warra Jeew qaban hokkora eegalaniin buufatni xiyyaaraa bulchiinsa Dageestaan keessa jiru hanga Kibxataatti hojii dhaabuu beeksisera.

Mormitootni buufata xiyyaaraa san keessatti lammiilee Israa'eel Tel Aviivirraa garas imalanii qubachaa jiran haleeluuf wayita yaalan, xiyyaarotattis wayita fiigan viidiyoowwan miidiyaa hawaasaarratti qoodaman ni agarsiisu.

Ejensiin Aviyeeshinii Raashiyaa, Rosaviatsia, booda qaamoleen nageenyaa rakkoo dhalate to'annoo jala oolchuu danda'aniiru jedheera.

Aanga'oonni dhaabbatichaa akka jedhanitti buufatni xiyyaaraa Makaachakaalaa kan bulchiinsa Dageestaan keessa jiru kun hanga Kibxataatti tajaajila dhaabeera.

Miidiyaaleen biyya keessaa Raashiyaa Ministeera Dhimma Biyya keessaa waabeffachuun akka gabaasanitti hokkora kanaan walqabatee namootni 60 ta'an to'annoo jala oolaniiru.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaarra qoodamaa jiru akka agarsiisutti namootni dhibbaan lakkaa'aman tarminaala buufata xiyyaaraa kana mancaasaniiru. Namoota kanneen keessaa gariin alaabaa Filisxeem qabataniiru.

Namootni gariin dhaadannoo jibba warra Israa'el agarsiisu yoo jedhan kaan ammoo 'Rabbi guddaadha' , 'Allaahu Akbaar' jechaa turan.

Miidiyaaleen Raashiyaa akka gabaasanitti buufata xiyyaaraa Makaachakaalaan alatti mormitootni konkolaattota dhaabsisanii namoota paaspoortii Israa'el qaban adamsuuf sakattaa gocha turan.

Hokkara kana keessa poolisoota dabalatee namootni 20 miidhamaniiru jedheera Ministeerri Fayyaa Rippaablika Dageestaan. Kanneen keessaa lama haala hamaarra jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dajeestaan Rippaablikaa taatee bulchiinsa Raashiyaa jalatti kan bultu yommuu ta'u, uummatashe miiliyoona 3.1 ta'an keessaa harki hedduun Musliima.

Bulchiinsi kun fiixee Dhiyaa galaana Kaaspiyaanitti argamti.

Mootummaan bulchiinsa sanii akka jedhutti hokkora kana qorachuuf himatni yakkaa banameera.

Waajirri Ministira Muumme Israa'el ibsa baaseen Raashiyaan haleellaa Israa'elotaafi warra Jeew irratti qiyyaafate kana atattamaafi haala murteessaa ta'een to'achuu qaba jedheera.

Dubbii himaan Pireezidantii US yaada X gubbaa maxxansaniin Yunaatiid Isteets mormii jibba warra Jeew Dajeestaan kana cimsitee balaaleffatti'' jedhan.

Guutuu addunyaatti jibbi warra Jeew, antisemitism dabalaa wayita jiru kanatti US hawaasa Jeew cinaa ni dhaabbatti jedhan dubbii himaan Mana Maree Nageenyaa US.

Bulchiinsi Dajeestaan, Gaazaa akka deeggaru ifa kan godhe yoo ta'u, uummatni garuu akka tasgabbaa'u, hokkora akkasiirraa akka of qusatu gaafate.

Israa'el Gaazaa haleeluu erga eegaltee addunyaa bakka adda addaatti mormiin Israa'eliin balaaleffatu dabalera.

Bulchaan Dajeestaan Serjee Melikoov ergaa Telegiraam irraa kaahaniin ''imaltoota sakatta'uun, kiisa giphii sakkata'uun paaspoortii gaafachuun kabajni hin jiru'' jedhaniiru.

Wanti buufata xiyyaaratti raawwatees qaamole seera raawwachiisanirraa deebii barbaachisu akka argatu dubbatan.

Raashiyaatti Ambaasaaddarri Israa'el aanga'oonni Raashiyaa seera raawwachiisan lammiileen Israa'eliifi warri Jeew nageenyisaanii egamuu akka mirkaneessan gafatanii, warra haleellaa kana eegaerratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu gaafatan.