Israa'el dippiloomaatotashee Turk jiran biyyatti waamte

Xayiip Erdohaan

Madda suuraa, EPA

Pirezidantiin Turk Resip Xayiip Erdohaan Israa'el haleellaa Gaazaa keessatti raawwatteen akka ''yakkamtuu waraanaatti'' ibsan.

Kana hordofunis Israa'el dippilomaatota ishee Turkirraa gara biyyaatti akka deebii'an waamte.

Pirezidantiin Turk kana kan jedhan, Sambata kaleessaa wayiita deeggartoonni Filisxeem kumaatamaan lakkaa'aman Istaambule keessatti hiriira bahaniitti haasaa taasisaniin ture.

Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Elii Koohen dippilomaatonni biyyatti akka deebii'an waamicha taasisuun kanaaf deebii kennan.

Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuun gamasaanitiin Israa'el ''waraanaa addunyaarratti naamusa gaarii qabu'' qabdi jedhan.

Israa'el erga Hamaas kibba biyyattii irratti haleellaa raawwachuun namoota 1,400 ajjeessee, kanneen 229 ta'an ammoo butuu gara Gaazaa geesseen booda haleellaa naannicharratti raawwattu bal'ifteetti.

Erga yeroo sanaatii kaasee, Ministeerri Fayyaa Hamaasiin durfamu, Gaazaa keessatti namoonni 7,500 ol haleellaa qilleensaa haaloo bahuu Israa'el raawwattuun ajjeeffamu beeksiise.

Erdohaan guyyaa Sambataa deeggartoota Filisxeem kumaatama hedduun bahanitti wayita dubbataniitti, ''itti gaafatamtoonni duguggaa sanyii Gaazaa keessatti raawwatamaa jiruu mummeen biyyoota Lixaati'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Israa'el guyyoota 22'f ifatti yakka waraanaa raawwataa jirti, garuu dureewwan biyyoota Lixaa Israa'el akka dhukaasa dhaabduuf waamicha hin taasisan,'' jedhan.

Pirezidantiin Turk Isra'el gochaan ishee ''yakkamtuu waraanaati'' jechuun filisxeemoota dachiiraa ''duguuguuf'' jechuun himatan.

Itti fufuunis, ''Dhugaadha biyyi kamuu ofiishe ittisuuf mirga qabdi. Garuu ammoo haala kanaan haqni eessaree? Haqni hin jiru. Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii sukkaneessaatu raawwatame'' jedhan.

Dursaan Turk kana duras guyyuma Sambataa ganama keessa toora X kan duraan tiwitar jedhamurratti, muddamni dhiheenyaa ''namoota nagaarratti'' kan xiyyeeffateedha. Innis rakkoo namoomaa Gaazaa keessaa cimseera jechuun barreessa. Itti dabalunis ''Israa'el maraatummaashee kana battalatti dhaabuun haleellaa dhiisuu qabdi'' jedhanii ture.

Pirezidanti Erdohaan akkuma haasaa isaanii hiriiricharratti taasisan xumuraniin, Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Koohen toora X gubbaatti, ''sababii haasaa cimaa Turk irraa dhufaa jiruu xiyyeeffannaa keessa galchuun, walitti dhufeenya Isaa'eliifi Turk jidduu irra deebiin akka xinxaluuf, bakka bu'oota dippilomaatii gara biyyaatti akka deebii'aniif ajajeera'' jedhan.

Ministirri Mummee Israa'el Neetaaniyaahuu ammoo boodarra, ''Yakka waraanaa jechuun nu hin balaaleefatinaa. loltoota keenya yakkamtoota waraanaa jechuun himachuu danda'u jettanii yoo yaaddan, of tulummaadha. Nuti loltoota addunya kanarra jira caalaa naamusa gaarii kan qabnudha,'' jedhan.

Itti dabalun, humnootiin waraana Israa'el namoota nagaa tiksuuf of eeggannoo taasisu jechuun Hamaas garuu ''uUmmatasaanii dahoo godhachuun'' yakka namoomaa raawwataa jira jechuun himatan.

Biyyoonni lamaan, Israa'eliif Turk walitti dhufeenyisaanii wal dhabdeen kan guutameedha.

Yeroo ta'eetti michuuwwan kan turan, bara 2010tti roogeeyyiin deeggartoota Filisxeemoota turan 10 erga ajjeeffamanii booda, Turk walitti dhufeenya dippilomaasii Israa'el waliin qabdu adda kuttee. Taateen sun kan mudates wayita dooniin Turk naannoo galaana Israa'el cufte cabsuuf yaalaniitti walitti bu'insa Komaandoowwan Israa'el waliin umameen ture.

Bara 2016tti walitti dhufeenyi saanii bakka tureetti deebii'ulleen, garuu mormii bara 2018tti daangaa Gaazaa- Israa'el irraa ka'een ajjeechaa Israa'el Filisxeemootarratti raawwatteen wal dhabdee umameen lamaanuu dippilomaatoota walii arii'atan.

Tarkiin akka biyyoota UK fi Ameeriikaatti Hamaas akka dhaabbata shororkeessaatti hin ilaaltu. Miseensoota bara dheeraaf kan keessummeessitu yoo ta'u, furmaata lamaanu biyya ta'u deeggarti.