Aangoo gadhiisuu Booris Joonsan: Ammaan tana maaltu mudate?

Booriis Joonsan

Madda suuraa, PA Media

Bulchaa haaraan argamnaan Booriis Joonsan aangoo Ministira Muummee gadhiisu, dursummaa paartiirraas ni kaafamu.

Qondaalli siyaasaa paartii warra konsarvaatiiv dursan kun gaggeeffamuuf qarqara irra jiru.

Waggaa sadi dura bara 2019 filannoo waliigalaa biyyattiirratti sagalee caalmaa argachuun Downing Street kan seenan qondaalli kun, hanga namni bakka isaanii bu'u argamutti aangoorra turu jedhamee eegama.

Garuu kun akkamiin raawwatama kan jedhu ammas gaaffii ijoodha.

Dura dursoo paartiinsaanii hoogganaa argachuutu irra jiraata.

Konsarvaatiiv akkamiin hoogganaa haaraa filata?

Dursaan paartii Konsarvaatiiv aangoorraa buunaan kan itti aanu kaa'uuf filannootu adeemsifama. Akka seera amma jiruutti kaadhimamtoonni sagalee miseensota konsarvaatiiv paarlaamaa keessa jiranii saddeetii barbaadu.

Kaadhimamtoonni hunduu yoo ibsamanii fi baay'inni isaanii lamaa ol yoo ta'e hanga lamatti galanitti sagaleetu kennama.

Erga kaadhimamtoonni lamatti galanii booda miseensota paartii Konsarvaatiiv paarlaamaa keessa jiranis ta'e miseensa paarmaa hin ta'in hundaan filannoon ni gaggeeffama.

Isa booda namni mo'ate hoogganaa paartii ta'a jechuudha.

Namni dursaa paartii konsarvaatiiv ta'e, hoogganaa paartii teessoo caalmaa paarlaamaa keessaa qabuus ta'ee filatama.

Kanaan booda mootittiin akka mootummaa haaraan hundeeffamuuf gaafatti.

Filannoon walii galaa ni gaggeeffamaa?

Gaggeessun dirqama miti. Ministeerri muummee gaafa aangoo gadi lakkisu, battalatti filannoon walii galaa hin gaggeeffamu. Filannoon haaran kan gaggeeffamuu danda’u Ji’a Mudee bara 2025 tti, garuu muummichi ministeeraa haaran sana dura filannoon akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessuu danda’a

Booriis Joonsan hangam aangoorra turuu danda’a?

Gaazexeessan BBC Kiriis Mason akka gabaasetti Booris Joonsan hanga waktii birraatti itti fufa. Kuni waanuma baramaadha. Akkuma warri isa dura turan Teresaa Meeyi fi Deevid Kaamerun yeroo aangoo irraa bu’an godhan, hanga gaggeessaa haaran paartii isaa ‘konsarvaativ’ ta’e keessaa filatamutti aangoo irra tura. Muummichi ministeera osoo gaggeessaa haaran hin filatamin aangoo irraa yoo bu’e, mootittiin hanga gaggeessan haaran filatamutti nama yeroodhaaf biyya gaggeessu ni muuddi. Kuni yeroo baay’ee hin mudatu. Eenyutu Booris Joonsan bakka bu’ee muummicha ministeeraa ta’a? Ammatti isa bakka bu’uuf kan adda bahe hin jiru, garuu namoonni dandeettii qaban heddutu jiru. Duraan ministeera kaabinee kan ture Jeremi Haant fi Saajid Jaavid muummee ministeeraa ta’uun kana dura dorgmanii turan ammas irra deebin dorgomuu malu.

Booris Joonsan hanga bu’utii aangoo akkamii qabaata?

Hanga aangoo muummee ministeerummaa gadi lakkisutti aango dur qabu irraa waanti hir’atu hin jiraatu. Waanti inni gochuu hin dandeenye garuu seerota haaraa fidee raggaasisuu hin danda’u. Addunyaa irratti UK bakka bu’uu, aangawoota barbaade buusee haaraa muuduu ni danda’a. Dhuma irratti osoo aangoo gadi hin lakkisin namoota seenaa addaa hojjataniif badhaasa kennuun mana maree “House of Lords” jedhuuf muudama haaraa kennuu ni danda’a.