Tarkiin Itoophiyaa fi Somaaliyaa addatti dubbisuun marii marsaa sadaffaa itti fufuuf

Waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti mudate mariidhaan furuuf jaarsummaadhaan gidduu seentee mariisisaa kan jirtu Tarkiin kanaan dura yeroo lama mariisisteetti.

Amma ammoo biyyoota lameen addatti mariisisuun marii marsaa sadaffaa itti fufuuf jetti.

Ministirri Dhimma Alaa Tarkii Hakaan Fidaan sababa Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin mallatteessiteen muddama Gaanfa Afrikaatti mudate tasgabbeessuuf marii marsaa sadaffaa aanga'oota Somaaliyaa fi Itoophiyaa waliin gaggeessuuf karoorsuu ibsan.

Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliin michummaa kan qabdu Tarkiin biyyoota lameen gidduutti dhibdeen uumamuu hordofuun waliigaltee waraanaa dabalatee dhimmoota hedduurratti waliin hojjechuuf waliigalteetti.

Tarkiin biyyoota kunneen waliin hariiroo waraanaa fi diinagdee yeroo dheeraa ture qabdi.

Bara kana jalqaba ji'a Amajjiirratti waliigalteen walhubannoo itti fayyadama ulaa galaanaa mallattaa'e madda rakkoo Gaanfa Afrikaa ta'ee jira.

Waliigalteen kun Itoophiyaaf carraa ulaa galaanaa argamsiisa, Somaaliyaarraa adda baatee kan of bulchaa jirtu- Somaalilaandiif ammoo beekamtii biyyummaa argamsiisa jedhamee baayyee dubbatame.

Itoophiyaan sanada waliigaltee kana mallatteessuun birmadummaa biyyashee akka sarbu kan ibsitie Somaaliyaan, biyya Itoophiyaa waliin walqoollifannaa keessa jirtu Masirii dabalatee biyyoota adda addaa waliin waliiglateewwan waraanaa fi kaan mallatteessiteetti.

Somaaliyaan haala kanaan Itoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf yaalaa jirti.

Tarkiin ammoo mudama biyyoota lamaan jidduutti mudatee qabanneessuuf Ankaaraa keessatti qondaaltoota biyyoota lamaan dubbisuun furmaata barbaaduuf yaalaa turte.

Haata’u malee marichaan bu’aan hangana jedhamu waan hin argamneef mariin marsaa gara biraa akka gaggeeffamu eegamaa ture.

Mariiwwan al-kallatti kanaan dura Somaaliyaafi Itoophiyaa jidduutti taasifamanii turan karaa Ministiroota dhimma alaa isaanitiin yoo ta’u, Kibxata darbe Fulbaana 17, 2024 mariin marsaa sadaffaa qaamaan ni gaggeeffama jedhamee eegamee ture.

Ministirri Dhimma Alaa Tarkii, Hakaan Fidaan kan biyyoota lamaan walitti fiduuf yaalii taasisaa jiran madda oduu biyyattii kan ta’e Anaaduuluutti akka himaniitti, Tarkiin Itoophiyaafi Somaaliyaa sadarkaa ministiraafi dureetiin walitti fiduuf yaalii gootu itti fufti jedhanii ture.

Itti dabaluudhaanis, tibba marii Ankaaraatti, biyyoonni lamaan, ‘‘qabxiilee murasaan walitti dhiyaachu waan danda’aniif’’ rakkoo umammeef furmaanni argamu akka danda’amu abdii akka qaban dubbatan .

Kanaafuu mariiwwan kanaan duraatiin aanga’oota tarkii waliin malee aanga’oonni biyyoota lamaan kallatiidhaan wal hin argiin, ‘‘waliin osoo asi Tarkii hin dhufiin dura qofa qofaatti arguudhaan yoo qabxii waloo irratti waliigalan irra gahan walitti fiduu wayya kaayyoo jedhu qabna’’ jedhaniiru.

Aanga’aan kunis Tarkii qofaa qofaatti mariisiisuuf kan murteessite ‘‘muxannoowwan’’ marii kanaan dura Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliin biyyattiin gaggeessite irraa argatte irraa ka’uudhaan ta’u kaasan.

Mariin marsaa lamataa osoo bu’aa hin argamsiisiin kan xumurame Itoophiyaan ‘‘sababii birmadummaa Somaaliyaa kabajuuf hayyamamtuu hin turreefiidha’’ jechuun dubbatanii turan Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad.

Pirezidantichiifi aanga’oonni Somaaliyaa kaanis waliigaltee irra kan gahamu yoo Itoophiyaan waliigalte wal hubannoo Somaaliilaand waliin mallatteessite sana kufaa taasifte qofaadha jechuudhaan irra deddeebiin yoo kasan dhagahamu.

Waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaafi Somaaliiland jidduutti mallattaa’ee baatii tokko keessatti gara hojiitti hiikama jedhamee tures amma baatii salgaffaa qabachuuf kan deemaa jiru yoo ta’u, hojiirraoolmaasaa ilaalchisee hanga ammaatti kan jedhame hin jiru.