Ijoolleen uffata moofaa gargaarsaan argatan faashinii ittiin agarsiisuun leellifaman

Madda suuraa, Innovation for Change
Hindiitti ijoolleen uffata arjoomaan argatan wayita faashinii ittiin agarsiisan viidiyoon waraabamee miidiyaa hawaasaarratti qoodame baayyee leellifame.
Viidiyoon isaanii miidiyaa hawaasaaratti baayinaan qoqqoodamuun Hindiitti beekamti argataniiru.
Viidiyoo sanarratti ijoolleen mul'atan irra caalaan isaanii ijoollee durbaa umuriin isaanii waggaa 12 hanga 17 gidduu jirudha.
Ijoolleen kun uffata moofaa deeggarsaan argataniin hodhachuun faashinii ittiin agarsiisan.
Ijoollee ol adeemoon kun uffaticha dizaayiniisaa fi hodhaa isaas ofiif hojjatan.
Uffaticha miidhagfachuu isaanii qofaa miti, akka moodeeliitti uffatanii ittiin agarsiifatan.
Ijoolleen kunneen manasaanii dullomaa biratti akka moodeliitti ejjataa miidhaginasaanii agarsiifatan.
Viidiyoo sana kan waraabee, kan gulaaleef gurbaa ganna 15ti.
Viidiyoon ijoollee kanaa jalqaba baatii kanaa fuula Inistaagiraamii dhaabbata Miti -mootummaa magaalaa ‘Lucknow’ jedhamu keessa socho'u ‘Innovation for Change’ jedhaurratti maxxanfame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbanni tola ooltummaa kun daa’imman 400, kanneen maatiin isaanii hiyyummaa keessa jiraniif bilisaan nyaata, barnootaa fi ogummaa hojii isaan leenjisa.
Ijoolleen viidiyoo kana keessatti mul'atan barattoota dhaabbata miti-mootummaa kanaati.
Moodeelota viidiyoo kana keessatti mul'atan keessaa tokko Mehak Kannojiya jedhamti.
Kannojiyaan BBC'tti akka himtetti, isheen fi miiltoowwan ishee biroon taatota Booliwuud toora inistaagiraamirratti hordofanitu qalbiisaanii harkise.
Kannojiyaan akka jettutti yeroo baayyee uffata taatoota Booliwuud fakkaatu uffatu.
Intalli duraa ol adeemtuun umrii ganna 16 kan taate Kannojiyaan "waanta qabnu walitti gumeessinee, akka gareetti agarsiifne," jette.
Sagantaa agarsiisaa faashinii kanaaf gamanumaan nama filatan.
Saganticha kan beeksiseef ammoo dizaayinara Sabyasachi Mukiherjee jedhama.
Mukiherjeen dizaayinara faashinii Hindii beekama yoo ta’u, taatota Hooliwuud fi biliyeenarootaa Hindiif dizaayinii uffataa miidhagsa.
Bara 2018tti Kiim Kaardaashiyaan uffannaa diimaa inni miidhagse uffattetti.
Mukherjee Hinditti "mootii cidhaa" jedhamuunis beekama.
Misirroota bebbeekamoo Booliwuud dabalatee namoota danuuf uffannasaanii miidhagseera.
Ijoollee moodeelota viidiyoo kana keessatti mul'atan keessaa tokko Mehak Kannojiyaan sagantaan isaanii qalbii dizaayinaroota booji’uu himte.
Mehak akkas jette;"Uffata nuuf arjooman nuuf kenname keessaa
isa bifa diddiimatu fudhanne. Sana booda uffata hojjechuu barbaannutti jijjirree walitti qabne"jette.

Madda suuraa, Innovation for Chang
Mehak akka jettutti, hojiin isaas laafaa hin turre. Ijoolleen durbaa kun guyyoota sadii ykn afur keessatti uffata baayyee hodhanii turan, ''hojiin isaas baay'ee nu gammachiise'' jetti.
Mehak akka jettutti akkaataa deemsaa ammoo viidiyoo moodeelota ilaallee, sirriitti qo’ataa turre jette. Sana booda akkaata deemsa moodelotaa fakkeessuu barree jette.

Madda suuraa, Innovation for Change
Sagantaan kun lammilee Hindii qalbiisaani booji’eera.
Ijoolleen kun uffata arjoomaan argataniin agarsiisni faashinii mul’isan viidiyoon waraabamee miidiyaa hawaasaarratti qoodame baayyee jaalatameera.
Keessattuu viidiyoon kun dizaayinarrii beekamaa biyyattii Mukherjeen qooduun booda baayyee kan qoodame.
Viidiyoon sun dhaabbati tola ooltummaa isaan gargaaruu fi manni barnoota ijoollee kun itti baratan xiyyeeffannoo guddaa akka argatu taasise.
Dhaabbileen TV hedduun kan daawwatame dhaabbati tola ooltummaa fi mana barnootaasaanitti marmaaran.
Ijoollee kana keessaa gariin isaanii buufataalee raadiyoo FM beekamoo ta'an irratti kan affeeraman yoo ta'u, taatoon Booliiwuud beekamtuu Tamannah Batiyaa ijoollee kana daawwatteetti.












