Ji'oota 15'f ulfan ture: 'Ulfa gowwwomsaa raajiin uumame'

Chiyoomaan mucaan ilmaa kaasuu harka ishee keessatti qabattee jirtu kan ishee akka tahe cimsitee amanti.
Waggaa saddet guutuu ulfaa'uuf yaaltee waan isheef hin milkaa'iin hafeef ilma baattee jirtumaqaan isaa Hoop jedhamu akka mucaa dinqii [raajii] isheef kennameetti ilaalti.
''Ani haadha mucaa koo kanaati'' jette.
Waajjira qondaala mootummaa isaan qorataa ture keessa abbaa warraa ishee Ikke waliin teessee duubbatti.
Komishinerri Dhimma Dubartootaa fi Dhimma nageenya Hawwaasaa Bulchiinsa Anambraa, Ifii Obinaaboo wal dhabdee maatii gidduu hiikuun muuxannoo guddaa qabdi.
Inni kun garuu waan salphaatti hiiktu miti. Miseensonni maatii abbaa warraa sihee Ikkee shan waajjira qondaala mootummaa isaan qoratuu keessatti argamaniiru.
Haa tahu malee, isaanis tahu mucaan ilmaa Hoop jedhamu akka daa'ima ofii godhatan akka tahe hin amanan.
Chiyoomaan daa'ima kan kooti jettu kana ji'oota 15 tahuuf baattee guddisaa turuu himte. Abbaan warraa ishee Ikkee fi komishinerri sun garuu dubbii ija jabinaan dubbatamu kana amanuu hin dandeenye.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Chiyoomaan akka jettutti maatiin Ikkee akkaulfaa'uu qabdu dhiibbaa irraan gaha aturuu himte. Yoo tahuu baate dubartii biraa fuudhuu akka qabu itti himan jette.
Dhuma irratti gara mana yaalaa tokkoo kan tajaajila idilee hin taane kennuu deemuu himte. Bakki kun dubartoota akka malee ijoollee godhachuu barbaadan burjaajjeesuun akka ijoollee dadabarsa seeraa alanaa argaman guddifatan taasisu.
BBC yeroo qondaali mootummaa Naayijeeriyaa Chiyoomaa qoratu aka seenee hordofu eeyyama argate.
Hawwaasa keessa jiraatan irraa miidhaan akka isaan irra hin geenyeef jecha maqaa Chiyoomaa fi Ikkee jedhu maqaa isaanii dhugaa irraa jijjiirreti fayyadamne.
Adunyaa irraa Naayijeeriyaan ijoollee baay'ee godhachuun beekamti. Dubartiin hin deenye hawwaasa irraa qoollifatamti.
Miidhaa biraafis saaxilamti. Maatii abbaa warraa ishee biratti hin jaalatamtu. Kana irraa kan ka'e dubartoonni daa'ima argachuuf hanga dhumaatti deemu.
Qorannoon 'BBC Africa Eye' gara waggaa tokkoo tahuuf ''burjaajjii yn gowwoomsaa ulfaa'' kana hordofaa tureera.
Burjaajjii ykn gowwoomsaa ulfaa jechuun dubartiin tokko ulfa isheetu hin beekamu malee tajaajila yaaliidhaan yeroo ilaallu ulfoofteetta jechuun gowwoomsanii itti himuu jechuudha.
Ulfi akka kanaa irraa hin beekamu. Garaan ishee hin guddatu jedhanii amansiisu.
Namoonni ogeessotafayyaati ofiin jechuun dubartootaaf yaalii kennan, ''yaalii dinqisiisaa dhala isaniif kennu argattu'' jechuun amansiisu.
Yaaliin jalqabaa doolaara dhibbaan lakkaa'amu kan kaffalsiisu yoo tahu, yaala lilmoo,, qoricha dhugamu, fi waanta qaama saalaa dubartii keessa kaa'amu qaba.
Dubartoota ykn qondaalota yeroo qorannoo gaggeessinu dubbisne keessaa maalummaa qorichoota kanaa kan beeku hin turre. Garuu dubartoonni tokko tokko akka nutti himanitti, qaama isaanii irratti jijjiiramni akka mul'atu gochuu- garaachi akka dhiita'u gochuu fa'aa himan. Kuni ammoo ani ulfa jedhanii caalmatti akka amanan isaan taasise.
Dubartoonni "waldhaansi kennameef" kunneen doktara fayyaa kamiyyuu bira akka hin deemnefi ulfi uumamu gadameessan alatti waan uumamuuf qorannoon kamiyyuu arguu akka hin dandeenyefi baasii dabalataa akka isaan baasisu itti himame.
Akkaatan itti ciniinsun isin qaba jedhamee itti himame garaa gara ta'us hunduu suukaneessadha. Kaansaanii baqaqsanii yaalun akka dahan, kaan ammoo miira akka abjuu wayii keessa kan isaan galchu lilmoon kennameefii gaafa achii dammaqan dhuguma dahanii akka ka'an isaanitti fakkaate.
Bifa lachuunuu taanan dubartoonni kun deessaniittu jedhamanii ijoolleen itti kennaman.
Chiyooman komishinar Obinaabotti akka himtetti, yeroo "dahuumsi" ishee gahu dokatara jettee kan of waamtu mundhiisheerra lilmoo waraantee, mucaa gadi dhiibi jetteen.

Gareen qorannoo BBC kilinikoota icciitii nama tajaajila barbaadu fakkaachun seenuun, dubartii Dr. Ruut jedhamtu wajjin wal-qunnamuu danda'eera.
Dubartiin Dr. Ruut jedhamtu kun torban lamatti guyyaa tokko gaafa Sambataa hoteela keessatti kilinika mataashee qabdi.
Kutaasheetin alatti dubartoonni heddu dabaree qabatanii ishee eegu; kaansaanii garaan dhiita'ee jira.
Gidduudhan mana keessaa sagaleen ililleefi gammachuu dhagahame. Dubartiin tokko oduu ulfa ta'uunshee itti himame.
Dabareen garee qorattoota BBC, dhiirafi dubara abbaa manaafi haadha manaa waggaa saddeetif mucaa barbaadanii dhabne jedhanii itti dhiyaatan, gahee Dr. Ruut bira yoo seenan.
Lilmoo waraannattee gara fuulduraatti mucaa akka godhatan itti himte Dr. Ruut. Isheen, qorattoota BBC keessaa maamila fakkaachun kan dhiyaatte, lilmoo fudhachuu didde.
Sanabooda, kiniinii kenniteefii yoom akka saal-qunnamtii gochuu akka qaban qajeelfama kenniteef.
Kaffaltiin jalqabaa dolaara 205dha. Gareen qorannoo BBC kun qoricha jedhames gorsichas osoo hojiirra hin oolchin torbanoota muraasa booda deebi'an.
Meeshaa altiraasaawundii fakkaatu garaa gaazexeessituu BBC, nama ulfaa'uu barbaadu fakkaattee kan dhaqxe, irra erga gootee booda ulfa taatee akka jirtu Dr. Ruut itti himte.
Ulfaa'uushee erga itti himtee booda, qoricha baay'ee qaalii ta'eefi salphaatti hin argamne garuu mucaan akka guddatu godha jette bituu akka qaban itti himte. Qorichi kunis dolaara 1,180 akka ta'e itti himte.
Qorichi kana hin bitattu yoo ta'e, ulfi ji'a sagalii ol-turuu akka danda'uufi bifa faallaa saayinsii ta'een: "Daa'imni hanqinni nyaataa waan mudatuuf gabbisuu qabna," jettee itti himte dubartiin "Dr. Ruut" jedhamtu kun.
"Dr. Ruut" gaaffii BBC irraa dhiyaatefiif deebii hin laanne.
Dubartoonni akka ulfaa'an itti himame kunneen hangam dhugaadhan akka amanan adda baasun rakkisaadha.
Garuu soba adii kanaaf akka amanan kan isaan taasise keessaa tokko odeeffannoo waa'ee ulfaa karaa miidiyaa hawaasaa raabsamuuni.
Hamma yeroo murtaa’etti ykn hamma ciniinsuun dhufutti dubartiin ulfa tahuu beekuu dhabuun ‘cryptic pregnancy’ haala fayyaa mudatu dha.
Haa tahu malee BBC’n odeeffannoo waa’ee ulfa gosa kanaa burjaajii uumu, bal’inaan gareelee Feesbuukii irratti qoodamuu BBC’n qorannoon bira gaheera.
Dubartiin Ameerikaa tokko fuula Feesbuukii dhimma kana qofa irratti barreessituun ulfa “cryptic pregnancy ulfa ‘’waggootaa’’ qabaachuu himuun imallishee saayinsiin ibsamuu akka hin dandeenye himti.
Garee cufaa Feesbuukii kanaan jechoota amantii fayyadamuun namoota ulfaa’uu hin dandeenyeef wal’aansi ‘’raajii’’ dhaan hojjetu akka jiru tamsaasu.
Odeeffannoon burjaajessaa kuni amantii dubartoonni kunneen qaban akka jabeessu godha. Miseensoti garee kanaa Naayijeeriyaa irraa qofa osoo hin taane Afrikaa Kibbaa, Kaarabiyaaniifi Ameerikaa irraati.
Burjaajessitoonni kunneen garee Feesbuukii kanaa yeroo kaan dubartoota ‘’wal’aansa’’ kanaaf fedhii agarsiisan bira gahuun dubbisuu fa’i danda’u.
Namni adeemsa burjaajessaa kanatti makamuuf yoo fedhii agarsiise gara garee eegumsa odeeffannoo qabu WhatsApp’ tti affeerama. Warreen garee kana to’atanis ‘’kiliniiki wal’aansa’’ gosa kanaa akkatti hojjetu ibsa kennu.
‘Ammallee burjaaja’een jira’
Qondaaloti ‘wal’ansa’ kana akka fudhannu nutti himu, burjaajessitoonni ammo daa’ima reef dhalate barbaadu. Kanaaf ammoo dubartoota saaxilamoo tahan adamsu. Kunneenis shamarran ol-adeemoo biyya ulfa baasuun seeraan ala tahetti ulfa tahanii dha.
Guraandhala 2024 ministeerri fayyaa naannoo Anaambraa wiirtuu dhimmi kuni itti raawwatu cabsee seenuun iddoo Chiyoomaan daa’ima ‘Hoop’ jedhamtu ‘’deesse’’ qorate.
Wiirtuu gamoo lama qabu kan cabsamee itti seename BBC’n viidiyoon argateera.
Kutaan tokko meeshaalee wal’aansaa qaba- kutaa kaanitti immoo dubartoonni ulfaa baayyee fedhii isaanii malee qabamanii taa’an jiru. Kunneenis kan waggaa 17 fa’itu keessa jira.
Muraasni isaanii achi akka deeman gowwomfamuufi daa’imman isaanii maamiloota burjaajii uuman kanatti akka gurguraman hin beekan.
Ujuu dabalatee, maqaanshee dhimma kanaaf kan geeddarame maatii isaaniitti himuu sodaatanii karatti miliqan barbaadaa jiru. Doolaara 470 daa’imaaf akka kennamuuf itti himamuu fa’i dubbatti.
Daa’imashee gurguruu yoo gaabbiti taheef gaafatamnaan ‘’ammallee bitaa natti gale, akkasaan wallaale,’ jetti
Koomishanar Obinaaboo qaama tattaaffii burjaaji kana irratt tarkaanfii kanaa turte. Adamsitoonni kunneen daa’imman argachuuf jecha dubartoota saaxilamoo akka Ujuu fa’i irratti xiyyeeffatu.
Koomishinariin Obinaaboo daa’ima Chiyoomaa jalaa akka fudhattu doorsisuun qoratti.
Chiyoomaan dhimmicha amante, komishinariinis ibsa isheen kennite amanuun ofiyyuu saaxilamtuu akka taateefi waan tahaa ture akka hin barre fudhatte.
Haala kanaan Chiyoomaa fi Ikeedhaan hamma abbaan baayolojikaalaa dhufutti akka daa’imman qabatanii turaniif eeyyamameefi.
Ilaalchi dhala godhachuu dhabuu, mirga wal-hormaata dubartoota fi guddifachaa irra jiru hamma geeddaramutti gowwomsaan akkasii itti fufa jechuun ogeessonni akeekkachiisu.












