Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manguddoonni 40,000 ta'an akkamiin qofaa manatti du'anii argaman?
Maanguddoonni 40,000'tti siqan Jaappaan keessatti mana isaanitti qofaa du'anii argamuu gabaasni poolisii biyyattii ibse.
Duunii kuni walakkeessa 2024'tti galmaa'e.
Kanneen keessaa 4,000 kan tahan du'anii ji'a tokko booda kan argaman. Reeffi namoota 130 immoo otoo hin argamiin waggaa tokko turuu Ejansiin Poolisii Biyyalessaa himeera.
Jaappaan yeroo ammaa uummata umriin raagan guddaa qabdi jedha ragaan Biyyoota Gamtoomanii.
Ejansichi akka jedhutti gabaasni miilanaa kuni dhimmi namoota umriin jaare kan du'anii, lubbuun jiranii fi qofaa galanii yaaddessaa tahuu agarsiisa.
Gabaasni waggaa walakkaa bara 2024 Ejansii Biyyaalessaa Poolisii akka agarsiisutti namoonni 37,227 qofaa jiraatan manatti du'anii argamaniiru.
Namoota kunneen keessaa harki 70 umriin isaanii waggaa 65 oli dha.
Namoota manatti qofaa du'an keessaa harka 40 kan ta'an guyyaa tokko keessatti kan argaman yoo tahu, miilana garuu reeffi namoota 3,939 ji'a tokko boodadha kan argame.
Kanneen 130 tahan ammoo waggaa tokkoof du'uun isaaniiyyuu hin hubatamne.
Reeffa argame 7,498 keessaa lakkoofsi guddaan namoota waggaa 85 ol tahanii dha, kanneen 5,920 tahan ammoo waggaa 75-79 dha umriinsaanii. Kanneen umriinsaanii waggaa 70-74 ammoo reeffi 5,635 argameera.
Akka televizhiniin biyya keessaa NHK jedhamu gabaasetti poolisiin odeeffannoo du'a namoota otoo hin beekamiin darbe garee mootummaa dhimma kana ilaalutti kenna.
Jalqaba bara kanaatti Inistitiyuutii Biyyaalessaa Jaappaaniifi Qorannoon Eegumsa Hawaasaa akka jedhetti, lakkoofsi namoota umriinsaanii waggaa 65 ol tahee fi qofaa jiraatanii bara 2050tti miiliyoona 10.8 taha.
Lakkoofsi namoota qofaa jiraataniis baruma wal-fakkaataatti miiliyoona 23.3 taha jedhameeti tilmaamama.
Ebla darbe mootummaan Jaappaan seera qofummaa yeroo dheeraa lakkoofsise furuu danda'u kan dabarse yoo tahu, kunis sababa lakkoofsi namoota umriin isaanii raage dabalaa waan jiruufi.
Jaappaan yeroo dheeraaf lakkoofsi namoota umriin isaanii raagee dabaluufi lakkoofsi ummataa hir'isuu furuu yaaltus jijjiramichi garuu to'achuuf rakkisaa taheera.
Bara darbe MM Fumiyoo Kishidaa sababa lakkoofsa daa'imman dhalatanii akkaan hir'isaa jiruuf akka hawaasaatti dhaabbachuu rakkachuuf deemaa jirti jedhan.
Biyyooti ollaa kaanis lakkoofsa uummataa irratti rakkoon wal-fakkaataa isaan mudataa jira.
Bara 2022 uummanni Chaayinaa bara 1961 as yeroo jalqabaaf lakkoofsi uummataa gadi bu'eera. Kooriyaan Kibbaas akkasuma lakkoofsi da'imman dhalatanii gadi bu'uu himti.