Feestivaala qullaa Jaappaan dubartoonni si'a jalqabaaf itti hirmaatan

Dhiironni qullaa buusuutti dhihaatan gara bakka sagadaa sanaatti wal dhidhiibbatu, wacaa yaa’u.

"Washoi! Washoi!" jedhanii iyyan - haa deemnu, haa deemnu jechuu isaaniiti.

Waggoota 1,250 keessatti Hadaka Matsuri ykn feestivaalli qullaa buusuu dhiroonni irratti hirmaatantu giddugaleessa Jaappaan bakka sagadaa Konomiya jedhamutti raawwatamaa jira.

Garuu bara kana jijjiirama guddaatu jira.

Feestivaala dhiironni qofti itti hirmaatan ta’uun isaa hafee, gareen dubartootaa yeroo jalqabaaf feestivaala qullaa kanarratti himataaniiru.

Dubartoonni bakka sanatti walitti qabaman seenaa hojjachaa akka jiran ni beeku.

Bakka dhiironni olaantumaa dhuunfatanitti iddoo argachuun eessattiyyuu taanaan ni cima, Jaappaan keessatti ammoo keessattuu caalatti baayyee cimaadha.

Jaappaan hammentaan garaagartummaan hirmaannaa koorniyaa guddaan biyya itti mul’atudha.

"Dubartoonni yeroo hunda dhiirota feetivaala kanarratti argaman alarraa deeggaraa turan," jechuun namni maatiin isaa waggoota dheeraaf ayyaana Konomiya irratti hojjechaa turuu dubbatu Atsuko Tamakoshi ibseera.

Kaayyoon feestivaala qullaa kanaa hafuura hamaa ari'uu wajjin walqabata. Achumaanis mana sagadaatti deemuun gammachuufis ni kadhatu.

Haatahu malee sirna kanarratti yaadni dubartoonni haa hirmaatan jedhu, kanaan dura waan ka'ee hin beekne fakkaata.

Akka Naruhito Tsunoda jedhutti, dubartootarratti uggurri qabatamaan kaa'amee hin beeku. Namni takkaa gaafatees hin beeku jedhu.

Isaan gaafannaan deebiin isaas salphaa ture jedhan.

"Wanti hunda caalaa barbaachisaa ta'e ayyaanni nama hundaaf bohaarsu tahuu nan amana.

"Waa'ee kanaas Waaqayyoollee hunda caalaa gammada jedheen yaada," jechuun dhaabbata oduu Rooyitarsitti hime.

Haa ta’u malee hawaasa keessatti namni hundi akkasitti yaada kana hin simanne.

"Waa'ee nuti hirmaachuu keenya namoonni yaadda’uu ibsan hedduu turan - 'dubartoonni ayyaana dhiirotaarraa maal fuudhu?', 'Kun ayyaana dhiiraati, qoosaa miti' jedhan," jedhan dubartiin ganna 56 Tamakoshi jedhaman.

"Garuu waan gochuu barbaannu irratti hundi keenya tokko taanerra. Yoo qajeelummaa qabaanne Waaqayyoo akka nu eegu amanne."

Dubartoonni dabaree isaanii eegaa jiran dhuguma qajeeloodha. Garuu qullaa hin taane.

Inumaayyuu baay'een isaanii uffata dheeraa, fi qumxaa gabaabaa adii wajjin uffatan. Kan warra dhiiraammoo faallaa kanaati.

Isaan qaama dhiironni wal muddaa gara mana sagadaatti fiigan wajjin hin turree, yookis 'ayyaana dhiiraa' Shin Otoko tuquuf walirra bahanii miti. Shin Otoko nama mana sagadaa sanaan filatamedha.

Isa tuquun hafuurota hamaa ari’uudha jedhamee amanama.

''Yeroon sun akka jijjiirame natti dhagahama,'' jechuun Yumiko Fujie BBCtti himte.

"Garuu miira itti gaafatamummaas qabaachuutu natti dhagahamallee" jetti.

Dubartoonni kunneen feestivaala qullaatti hirmaachuu isaaniitiin danqaa koorniyaa ture cabsaniiru.

Duudhaa kanas itti fusiisaniiru.

Dhiyeenya kana feestivaalli qullaa kan biraa kaaba Jaappaan mana sagadaa Kokuseki keessatti gaggeeffamee ture.

Haa tahu malee, dargaggoonni feestivaalaa kana ittifufsiisaan gahaan hin turre jedhameera.

Jaappaan biyya baay'ina ummataa saffisaan dulloomaa jiran danuu qabdu keessaa tokko.

Jaappanitti bara darberraa kaasee namoota 10 keessaa tokkoo ol umuriin isaanii waggaa 80 fi isaa ol ta’uun yeroo jalqabaaf ibsame.

Gama biraatiin daa’imman dhalatan xiqqaachuun kan ibsame yoo ta’u, bara darbe Jaappaanitti daa'imman 800,000 qofatu dhalate.