'Murtee seeraa malee ajjeesuufi hidhaan akka feetee hammaatee itti fufeera'-Komishinii

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoopihyaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti waraanaa fi waraanaan alatti sarbama mirgaoota namoomaa raawwatamaa jiran keessaa murtee seeraa malee ajjeesuufi hidhaan akkasumas ajjeechaan namoota nagaa akkaan dabalaa jiraachuu ibse.

Sarbamni mirgoota namoomaa kun waraana keessatti akkasumas haala waraanaan wal hin qabanne keessatti qaamolee mootummafi hidhattootan raawwatamaa jiraachuu ibse.

Komishinichi hordoffii gochaa ture irraa ka'uun keessumaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti ajjeechaan namoota nagaarratti raawwatu dabalaa dhufuu ibseera.

Komishinichi ibsa Caamsaa 28, 2024 baaseen sarbamoota mirga namoomaa akkaan dabaalaanii itti fufan jedhe keessa ajjeechaan murtee seeraa malee raawwatu, hidhaan akka feetee, saamichi, butiifi buqqaatiin isaan ijoo ta'uu ibseera.

Komishinichi sarbamoota mirga namoomaa waraanaafi waraanaan alatti hammaatan kana atattamaan dhaabuun akka barbaachisu ibseera.

Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti lola hidhannoo gaggeefaman mara mariin furuun nageenya fi mirgi namoomaa kabajuun mirkaneeffamuu qaba jedheera.

Ajjeechaa fi sarbama qaamolee mootummaan raawwataman

Komishichinich sarbamoota mirga namoomaa qaamoleen nageenyaa mootummaan raawwatan galmeesseera.

ALI Guraandhala 15-28, 2018tti Naannoo Amaaraa Godina Gojjam Lixaa keessa aanaalee argaman keessatti hidhattoota Faannoofi qaamolee mootumma agidduu lola ture gidduutti namoota nagaarra ajjeechaan, qaama hanqachuufi mancaatiin qabeenyaa qaqqabeera jedhe.

Guraandala 20 ammoo Kaaba Gojjaam barattoonni Abinet barnoota raawwatanii kutaa ciisa isaanii deemaa turan irratti halkan sa'aa 5:00 irratti qaamoleen mootummaa haleellaa bananiin barattootni 11 ajjeefamuu gabaaseera.

Ji'a Bitootessaa darbe ammoo jiraattootni magaalaa Baahirdaar maqaan isaanii dhahame qaamolee mootummaan gaaffiif barbaadamtu jedhamanii erga fudhatamanii guyyoota booda harkisaanii boodatti akkuma hidhameetti ajjeefamanii argamaniiru jedheera.

Ji'a Eblaa darbes akkasuma haleellaa tasaa hidhattootni Faannoo qaamolee mootummaarratti raawwataniin booda ganda haleellaan kun raawwateetti kan seenae qaamni nageenyaa namoota nagaa torba murtee seeraa malee ajjeesuu ibseera.

Komishinichi ajjeechaawwan qaamolee nageenyaan naanno Oromiyaa keessattiis raawwataman kan ibse yeroo ta'u, isaa keessaa tokko haleellaa diroonii ALI Mudde 15/2016 raawwatameen namootni nagaan saddeet maqaan isaanii adda bahe ajjeefamuudha.

Amajjii darbe ammoo hidhattootni WBO Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Darraa seenuun namoota qaamolee mootummaa soortu ittiin jedhan lama ajjeesuu gabaasichi eereera.

Ajjeechawwan Waraana Bilisummaa Oromoon raawwataman

Bifuma wal-fakkaatun ALI Sadaasa 2016 irraa kaasee Godiina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraa keessatti kan argaman gandoota garaa garaa keessatti haleellaa namoota nagaarratti gaggeeffameen namoonni 15 ajjeeffamaniiru.

Dabalaatanis namoota heddu ammatti lakkoofsi isaanii hin beekamne hidhattoonni ukkaamsanii fudhataniiru, looni heddu fudhataniiru, manneen jireenyaas gubaniiru jedha gabaasi kun.

Ji’a Bitootessaa gara jalqabaa Godiina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo magaala Silkambaatti hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo namoota lama akka ajjeesaniifi ALItti gaafa Bitootessa 29, 2016 Godiina Shawaa Bahaa magaala Wanjiitti hojjattoota warshaa sukkaaraa Wanjii shan ukkaamsanii ajjeesuun reffisaanii gatamuu ibsa.

Ji’a Amajjii keessa ammoo Godiina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti namoota lama humnoota mootummaaf loojistikii dhiyeessitu jechuun hidhattoonni WBO ajjeessuu hima Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baase kanaan.

Akkasumas Godiina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Ammayyaa gandoota garaa garaa keessatti ji’a Guraandhalaafi Eblaa keessa irra deddeebin haleellaa gaggeessaniin namoota nagaa 44 ajjeesuu hima ibsichi.

Ajjeechaa hidhattoonni Faannoo raawwatan

ALI Guraandhala 28, 2016 irraa kaasee Naannoo Oromiyaa Godiina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraa keessatti haleellaa raawwataniin, hidhattoonni Faannoo namoota nagaa 25 yoo ajjeesan, ammaaf lakkoofsi isaanii kan adda hin baane namoota nagaa heddu ukkaamsanii fudhachuu komishinichi ibse.

Hidhattoonni kun manneen jireenyaa heddu gubuun qabeenyas saamaniiru jedha ibsichi.

Guraandhala 11, 2016 naannoo Amaaraa Godiina Goojjam Lixaatti hojjattoonni Waajjira Barnoota Anaa Achafar hojii dirreef bahaa osoo jiranii hidhattoota Faannon butamanii guyyaa sadiif turuu ibseera Komishininichi.

Guraandhala 20, 2016 ammoo Naannoo Kibba Itoophiyaarraa hojjattoonni 274 hojii humnaaf bakka hidhi haaromsaa itti hojjatamu osoo deemaa jiranii hidhattoonni Faannoo to’achuun yeroo dheeraa erga tursiisanii booda kaffaltii gaaftanii gadi lakkisuu isaanis ibseera Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Ajjeechaawwan humnoota eenyummaansaanii hin beekamneen raawwataman

Humnoota mootummaafi kan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo akkasumas hidhattoota Faannon ajjeefamaniin alatti ji’oota muraasa keessatti namoonni heddu humnoota hin beekamneen ajjeefamuusaanii hima komishinichi.

ALItti Bitootessa 2, 2016 Naannoo Amaaraa, Godiina Addaa Saba Oromootii hidhattoonni enyummaansaanii hin beekamne ka’uun Godiina Shaawaa Kaabaa keessatti haleellaa bananiin namoonni nagaan du’uufi qabeenyi saamamuu komishiinichi ibse.

Walakkeessaa ji’a Eblaa keessa ammoo hidhattoonni eenyummaansaanii hin beekamne Godiina Arsii Lixaa magaala Dodolaatti namoota afur yoo ajjeesan, guyyaadhuma wal-fakkaatatti Aanaa Dodolaa keessatti namoonni afur ajjeefamaniiru.

Dhuma ji’a Eblaatti ammoo magaala Bahiir Daaritti namoonni shan salaata sagadanii manasaanitti osoo galaa jiranuu hidhattoota eenyummaansaanii hin beekaneen ajjeefamaniiru akka ibsa komishinichaatti.

Labsii yeroo muddamaa hordofee, bakkeewwan turtii komaand poostii garaa garaatti fi kutaalee biyyattii iddoowwan garaa garaatti namoonni heddu hidhaa yeroo dheerafi akka feetef saaxilamanii akka argaman komishiniche ibsa har’a baasen ifa godheera.

Naannolee Oromiyaafi Amaaraatti lola hidhannoo gaggeeffamaa jiruun kanneen sarbama mirga namoomaa raawwataniifi raawwachiisan, gaggeessitoota, miseensotaa akkasumas hidhattoota itti gaafatamaa gochuuf mootummaan qorannoo haqa qabeessa ta’e akka eegalu; akkasumas kanneen miidhan irra gahe beenyaa akka argataniifi jireenyisaanii deebi’ee akka hundaa’u gochuu qaba jechuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waamicha dhiyeesse.