Carraa fayyuu kaansarii daa'immaniifi danqaalee waldhaansisaa qabu

Madda suuraa, Dr Dirba Fufa
Namoonni hammina waan tokkoo akeekuuf jecha 'kaansarii' jedhutti yoo dhimma bahan dhagahamu. Hawaasni baay'een kaansarii akka dhukkuba hamaa, sodaachisaa, wal'aansaan fayyuu hin dandeenyeetti fudhata.
Ogeeyyiin fayyaa garuu yaala sirrii yeroon argannaan carraan dhukkuba kaansariirraa fayyuu akka jiru dubbatu. Keessumaa kaansariin daa'immanii carraa fayyuu olaanaa qabaachuus himu.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)tti, bara 2018 akka addunyaatti kaansariin sababa du'aatii sadarkaa lammaffaa kan qabate yoo ta'u, du'aatii naannawaa namoota miliyoona 9.6 ykn namoota 6 du'an keessaa 1 sababa kansariitiin du'an jechuun ibseera.
Akka dhaabbanni kun bara 2023 ifoomsetti, Afrikaatti tilmaamaan waggaa waggaadhaan dhukkubni kaansarii haaraan miliyoona 1.1'tti dhiyaatu akka argamuu fi du'aatii namoota 700,000'tiif sababa ta'a jedha.
Tilmaamni amma jiru akka mul'isutti, bara 2050'tti Afrikaan rakkoo kaansarii daa'immanii idil-addunyaatiif qooda dhibbantaa 50 akka qabaatu kan raagu yoo ta'u, Afrikaan bu'uuraalee waldhaansa kaansarii akka addunyaatti jiran keessaa %3 qofa qabaachuu agarsiisa. Dhimmichi xiyyeeffannoo addaa akka barbaadus itti dabaluun kaasa.
Itoophiyaattis giddugalli waldhaansa kaansarii daa'immanii murtaa'aadha. Akka biyyaatti wiirtuulee yaalaa shan keessatti qofa waldhaansi kaansarii daa'immaniitiif kan kennamu yoo ta'u, kunis bakka bu'uuraaleen guutuun hin jirretti haala ulfaataa keessatti kennamaa jiraachuu ibsu, Sab-ispeeshaalistiin dhukkuba kaansarii fi dhiigaa daa'immanii, Dr. Dirribaa Fufaa.
Danqaalee waldhaansa dhukkubsattoota kaansarii daa'immaniitiin walqabatee jiru, ilaalcha dogongoraa hawaasa keessa jiruu fi furmaata isaa irratti BBC'n ogeessaafi maatii daa'imman isaanii yaalchisaa jiran waliin turtii taasiseera. Dhiyaadhaa!
Kaansariin daa'immanii maali?
Akka odeeffannoon marsariitii American Cancer Society agarsiisutti, gosoonni kaansarii daa'immanii yeroo baay'ee kan namoota gurguddaatiin addadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoota gurguddoo ykn ga'eessotaaf wantootanni akka haala jireenyaa (lifestyle), tanboo xuuxuu, ulfina qaamaa garmalee (furdina garmalee), sochii qaamaa gahaa taasisuu dhabuu, nyaata fayya-qabeessa hin taanee nyaachuu fi alkoolii dhuguu gosaata kaansarii baay'ee keessatti ga'ee olaanaa qabaatanis, kaansarii daa'immanii keessattii garuu qooda baay'ee akka hin qabne ibsa.
Kaansariin daa'immanii harki caalaan jijjirama seelii keessatti jiinii (gene) irratti kan raawwatamu yoo ta'u, jijjiiramni jiinii kun karaa lamaan dhufuu danda'a. Hammi ta'e sanyiin maatiirraa kan daa'mmaniitti darbu yoo ta'u, harki caalmaan garuu erguma daa'imman uumamanii (garaa keessatti utuu hin dhalatiin ykn erga dhalatanii) kan uumamuu maludha.
Kaansariin daa'immanii yaalii millkaa'aa ta'e yeroodhaan argannaan carraan fayyuu isaa hanga %90 ta'us, akka wiirtuu kaansarii yunivarsiitii Jimmaatti dhibbantaa 40-50 waldhaansa waan addaan kutaniif carraan fayyuusaanii yaraa ta'uu himu, Giddugala Fayyaa Yunivarsiitii Jimmaatti sab-ispeeshaalistiin dhukkuba kaansarii fi dhiigaa daa'immanii Dr. Dirribaa Fufaa.
"Qaamni keenya seelota gara garaa irraa hojjetame. Seelonni kunneen ni dhalatu, ni guddatu, dhumarrattis ni du'u. Adeemsa walhormaata seelii keessatti wantoonni kana to'atan sadarkaa sanyiitti (gene level) jiru. Seelonni qaama keenyaa uumamaan yeroo dhalatu, walhoru ykn guddatu rakkinni yoo irra gahe (doggoggorri yoo uumame), hanga rakkichi hin furamnetti guddinnisaa dhaabsisa'' jedhu.
''Yoo sirrate akka walhormaanni ittifufu kan taasisu yoo ta'u, yoo rakkinnisaa yeroon hin furamne ammoo du'ee akkanni karaarraa goru taasisa. Kun karaa itti cell division [hiramuu seelii] itti to'atamanidha. Dogoggorri uummamu kun bay'inaan maaltu akka fidu yoo beekamuu baate illee hammi ta'e garuu wantota naannoo keenyaarra gara qaamaatti galan kan akka vaayirasii yookaan cararii irraa ta'uu danda'a.
''Seelii rakkinni irratti uumame kun to'annaadhaan ala baay'achaa dhufudhaan seelota warra nagaa caala of baay'isaa, bakka seelota fayyaa ta'anii [qabatu]" jechuun haala itti kaansariin qaama keessatti uumamuun babal'achaa deeman, ibsu sabispeeshaalistiin dhukkuba kaansarii fi dhiigaa daa'immanii kun.
Dhiitoon qaamaa "seelii rakkina sana qabantu baay'achaa dhufee" adeemsa keessa dhiitoo guddaa uuma jechuunis himu ogeessi kun. Bifuma walfakkaatuun, "kan kaansarii dhiigaas akkasuma, dhuka lafee keessatti kan uumamu.
Seelii tokkittiin rakkinni irratti uumame sun baay'achaa dhuftee hojii dhuka lafee, dhiiga diimaa, adii, pilaatileetii oomishuu jalaa balleessiti. Iddoo fudhataa, hojii sana jalaa balleessiti. Walumaagalatti, kaansariin walhormaata seelii keessatti to'annoodhaan ala ta'uu siistama sanaatu rakkoo kanaaf saaxila" jedhu Dr. Dirribaan.
Gosoonni kaansarii daa'immanii beekamoon Leukemia-kaansarii dhiigaa, lymphoma-kaansarii xannachaa, Brain tumors- kaansarii sammuu, Wilms tumor-kaansarii kalee, Retinoblastoma-kaansarii agartuu ijaa fi soft tissue sarcomas-kaansarii maashaa irraa ka'u ta'uu ibsu ogeessi fayyaa kun.
"Kan daa'immanii baay'inaan wanti [sababni] rakkoo sana fidu hin beekamu. Hangi [dhibbantaa] 80 sababnisaa hin beekamu. Kan nama guddaa garuu baay'eensaa tamboo xuxuu, wantoota naannoo irraa dhufan kan akka keemikaalaa, beenzina, aara warshaa keessaa bahan, akkaataa jireenyaa, furdina garmaleefaa irraa kan ka'e jijjiirama hormoonii irratti dhufaniin" kaansariin uumamuu akka danda'u himu Dr Dirribaan.

Madda suuraa, Dr Dirba Fufa
'Namni gaafa Finfinnee jedhamu baay'ee yaadda'a; Harki baay'een gara qe'eetti deebi'u'
Tajaajilli waldhaansa kaansarii daa'immanii giddugala fayyaa yunivarsiitii Jimmaatti erga eegalee ganna saddeet ta'eera.
"Jalqaba kaansariin daa'immanii Jimmatti hin yaalamu ture. Kanaaf daa'imman as dhufan kaansarii qabaachuun isaanii yoo beekame ykn shakkame gara Finfinneetti ergina. Harki baay'een saddetama, sagaltama ta'an hin deeman. Namni gaafa Finfinnee jedhamu baay'ee yaadda'a; deemsisaa rakkisaadha. Harki baay'een gara qe'eetti deebi'u" jechuun rakkoo duraan ture ibsu Dr. Dirribaan.
Erga yunivarsiitichi dhaabbata pirojaktii Aslan jedhamu waliin yaala kaansarii giddugala yaala fayyaa yunivarsiitichaatti eegalchiisee as garuu rakkoon kun akka furame himu Dr. Dirribaan. Waggoota saddettan kana keessattis daa'imman kaansariin dhukkubsatan kuma tokkoo ol akka waldhaansa argatan itti dabaluun dubbatu.
Akka biyyaatti giddugala murtaa'oo ta'anitti ogeeyyii muraasaan kennamuun yaaliin kaansarii daa'immanii haala rakkisaa keessatti akkanni kufu taasiseera. Haaluma kana keessatti yaaliin kennamaa jiru ammoo sababoota hawaas-dinadgee walxaxoo ta'aniin waldhaansa addaan kutuun carraa fayyuu daa'immanii irratti dhiibbaa guddaa geesisaa jiraachuu dubbatu, ogeessi kaansarii fi dhiigaa daa'immanii kun.
Yaala kaansarii daa'immanii keessatti hubannoo dogongoraa hawaasni dhukkubaafi yaalii kaansariif qabu dabalatee rakkooleen walxaxoo ta'an akka isaan qunnamu dubbatu, ogeessi fayyaa kun.
Daa'imman kaansariin qabaman baay'een gara mana yaalaa akka hin dhufne kan himan Dr. Dirribaan, "warra dhufan irratti turanii dhufutu [mul'ata] yeroo baay'ee. Yoo dhiitoo ta'e dhiitoonsaa galmalee guddatee hamma oppireeshinii gochuu [baqaqsanii yaaluu] dadhabuutti, keemoodhaan [qoricha dhukkuba kaansariif kennamu] illee hamma fayyaduu dadhabuutti dhaqna keessa faca'ee jechuudha.
''Hamma yaalamuu dadhabuutti carraan yaalamuu isaanii gadi bu'a. Akka uumamasaatti kaansariin daa'immanii [dhibbantaan] saddettamni, sagaltamni in fayya. Biyyoonni guddatan kan akka Ameerikaa, Awurooppaa yaalanii harka saddetama, sagaltama fayyisaniiru. Kan keenya garuu baay'ee gadi aanaadha" jechuun ibsu.
'Waan qabu fixatee humnaa ol gaafa ta'u,... ijoollee isaanii fudhatanii galu'
Sababni biraa ogeessi fayyaa kun akka danqaatti kaasan ammoo yaala addaan kutuu daa'imman kaansariin qabamaniiti. "Maatiin ijoollee shan, jaha qe'eetti gatee dhufa. Jiruusaa, qonnasaa dhiisee yeroo dhufu qe'eensaa jalaa kufa.
Kaansariin daa'immanii amalasaatiin yeroo dheeraa ji'a jahaa hanga waggaa sadii yaalama. Garri jalqabaa keessattuu hangi ji'a jahaa akka as [mana yaalaa] turan isaan dirqisiisa.
Isa boodallee ji'a ji'aan marmaaraniitu kan yaalchisan. Jalqabni gara ji'a ja'anii baay'ee rakkisaa waan ta'eef, ijoollee isaanii qe'eetti dhiisanii, qe'een isaanii jigee, waan qabu fixatee humnaa ol gaafa ta'u, akka Rabbi godhe haa ta'u jedhanii [yaala addaan kuchisiisuun] ijoollee isaanii fudhatanii gara manaa galu.
''Kanaaf, warrumti dhufanii [yaala kaansarii] jalqaban iyyuu [akka Giddugala Fayyaa Yunivarsiitii Jimmaatti] harki 40-50 addaan kutu. Inni kun ammoo yaalii nuti asitti kenninu bu'aa qabeessa" akkanni hin taane taasisa jechuun ibsu ogeessi kun.
"Ogeessis baay'ee hin jiru waan ta'eef, ogeeyyiin fayyaa iddoo kana hojjennus jiruu biraa irratti hin hirmaannu; tajaajilli isaa kana barbaada [waan ta'eef], jireenya keenya asuma keessa goonee jirra.
''Wajjin dhamaatee dhamaatee, ji'a afur, shan, waggaa tokko gaafa addaan citu, kisaaraansaa kan maatiiti, jiruu isaanii jireenya isaanii itti dhabaniiru; lubbuun mucaas hin hafu.
''Hospitaallis waan baay'ee itti baasa. Yeroo baay'ee kafaluu hin danda'an waan ta'eef hawaasummadhumaan tola akkasaan yaalaman godhamee xumuramaa ture" jechuun haala ulfaataa yaala kana keessatti mul'atu ibsu Dr. Dirribaan.
Yaala kaansarii daa'immanii jalqabanii addaan kutuun, "Biyyaafis, hawaasaafis, maatii sanaafis kisaaraa guddaadha. Nuuf immoo keessattuu, ogeessa fayyaa dhimmi kanaaf jireenyasaa kennee jiruuf ammoo baay'ee laphee nama tuqa. Rakkinni inni guddaan turanii dhufuu, warri dhufan ammoo yaalchisanii ficcisiisuu dhabuu" akka ta'e miira gaddaatiin kaasu ogeessi kun.
"Rakkoon hawaas-dinagdee [danqaa] isa guddaadha; hubannaa dhabuu, yeroo tokko tokko ammoo amantiidhaan illee, iddoo akkasii deemnee fayyineerra yookaan achi jirra [jedhu], hubannaan akkasiis rakkina guddaa uumaa jira" jedhan Dr Dirribaan.

Madda suuraa, Dr Dirba Fufa
'Kana booda yaaluun hin danda'amu, jabaadhaa manatti gala jenneet maatii manatti ergina'
Maatiin sababoota gara garaatiin yaalchisuu erga addaan kutanii deemanii booda daa'imman isaanii qabatanii deebi'anii dhufu kan jedhan Dr. Dirribaan, carraan fayyuu isaanii gadi bu'aa akka ta'e himu.
"Waggaa tokkoofi isa olillee yaalii addaan kutanii kan dhufan jiru. Ijoolleen keemoo [qoricha yaala kaansarii] fudhachaa turan xiqqoo gidduudhaan itti wayyaa'a waan ta'eef, gaafa dhukkubni itti ka'ee waan godhan dhaban ammoo deebi'anii dhufu.
Gaafa deebi'anii dhufan ammoo carraan fayyuu isaa baay'ee gadi bu'aadha. Seeliin kaansarii sun keemoodhaan walbaraa [waan dhufeef] akka isa duraa sana qorichaan fooyyee hin agarsiisu. Dhaqna keessa erga faca'ee [waan dhufaniif] wanta [dhukkubbii] obsisiisu antiipeenii kennineetuma, kana booda yaaluun hin danda'amu waanta'eef jabaadhaa manatti galaa jenneet maatii manatti ergina" jedhu Dr. Dirribaan.
Yaala kaansarii addaan kutanii "deebi'anii gaafa dhufan rakkina guddaa keessa galama" jechuunis ulfaataa ta'uusaa ibsu, ogeessi kun. Kanaaf, daa'imman [dhukkubni kaansarii] itti ka'eetoo dhufan yaaluu fi isa duraa yaaluun garaa garummaa guddaa qabaachuus dubbatu Dr. Dirribaan.
'Akka nama manni jalaa gubatee dirmatee deeggaruu qaba!'
"Qorichi isa tokkodha [malee] yaaliin kaansarii qorichaan duwwaa miti" kan jedhan Dr. Dirribaan, danqaalee danuu yaalii kaansarii daa'immanii keessatti isaan mudatu keessaa inni ijoon rakkoo hawaas-dinagdee ta'uu himu.
"Qoricha aantiibaayotiksii- suportive care dhabuu, dhiiga dhabuu akka pirotokooliin jedhutti yaaluu akka hin dandeenye waan baay'eetu harka nu qaba" jechuun ibsu ogeessi kun.
"Namni tokko maatii keessaa kaansarii dhukkubsate jechuun [isa qofa otoo hin taane] maatii dhukkubsata; hawaasatu dhukkubsata. Namoota tokko tokko gandatu birrii walitti buusee erge. Namoota as jiran keessaa namoota baay'ee namootatu naannoodhaa deeggarsa walitti buusee erge.
''Hamma ta'e ishuma hamma yaalaa jirruyyuu dhaabbata miti mootummaa biyya keessatti hundaa'e, Tasfaa Addis Paarentis Chaayldhuud Kaansar Organaayizeeshiin (TAPCCO)" jedhamu akka isaan gargaaraa jirus dubbatu. Dhaabbatichi maallaqa geejibaa, qorannoo laaboraatorii, qorichaa, iddoo turtii, nyaataafi uffannaa isaanii hamma ta'e kan deeggaru ta'us garuu gahaa akka hin taane himu.
Dhaabbata tola ooltummaa kanarraa daa'ima yaalamaa jiru tokkoof, "ji'a tokko keessatti laabiraatoriifi qorichaaf qarshii hamma ta'e ni ramadu. Namni baay'een harka duwwaa dhufa waan ta'eef, baajannisaa gidduu gahee dhaabbata. Isumarrayyuu darbee rakkinni hawaasummaa" akka maatiin yaala daa'imman isaanii addaan kutanii manatti galan taasisuu ibsu ogeessi kun.
Itti gaafatamummaa ijoollee biroo kan manatti hafanii waan maatiirra jiruuf, yaaddoon waan ijoollee isaanii nyaachisan, ittiin barsiisanii akkasaan waldhaansa addaan kutan dirqamsiisa.
Rakkoo kana furuuf, "deeggarsi hawaasummaa baay'ee barbaachisaa" ta'uu kan kaasan Dr. Dirribaan, "rakkina hawaasummaa akkasiirratti bifa walqabataa ta'een wal ijaaranii walbira dhaabachuun, akka nama manni jalaa gubatee dirmatee deeggaruu qaba" jechuun gorsu.
'Qorichisaa [kaansarii] baay'ee mi'aadha'
"Qorichisaa [kaansarii] baay'ee mi'aadha" waan ta'eef, biyyoonni guddataa jiran tokko tokko sadarkaa imaammataatti keemootiraappii yookaan qoricha yaala kaansarii tola akka taasisan dubbatu, ogeessi kun. Mootummaanis yoo danda'ame qoricha kaansarii tola gochuun ykn qaamaa kaffaltii kana haguugu barbaaduun yaalii kaansarii milkaa'aa taasisuun tumsi waloo akka barbaachisu himaniiru.
Muuxannoon biyyoonni biroo sagantaa gara garaatiin dhukkubsattoota kaansariitiif taasisan gaarii ta'uu kan kaasan Dr. Dirribaan, dhaabbileen tola ooltotaas, mootummaa fi hawaasni bal'aan wal ta'uun dhimma kanarratti deeggarsa akka taasisan gaafatu.
"Daa'imni har'aa keenyadha. Daa'imni boruu keenyadha; boru biyya nurraa fuudhu. Kun dhimma biyyaati" kan jedhan ogeessi kun, mootummaan xiyyeeffannoo addaa itti kennuun imaammata ittiin qorichi kaansarii tola ta'u irratti hojjechuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Maatiin daa'imman isaanii kaansariin qabaman Giddugala Fayyaa Yunivarsiitii Jimmaatti yaalchisaa turanii, gidduutti waldhaansa addaan kutuun manatti galan. Booda, dhukkubni daa'imman isaaniitti jabaannaan deebisanii fiduun yaalchisuu irratti argamu. Maaliif akka yaala addaan kutaniifi daa'ima kaansarii dhukkubsatu yaalchisun hagam akka ulfaatu akkanaan BBCtti himan.
Seefuu Abbaaraayyaa, jirataa Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa yoo ta'u, ilma umriinsaa ganna kudhaniitu jalaa dhukkubsate. Mana yaalaa erga fidee booda kaansariidhaan qabamuu ilmasaa bare.
Ji'oota lamaaf giddugala yaala fayyaa kanatti waldhaansisaa akka ture kan dubbatu Seefuun, beellamni qabameefii yeroof gara manasaatti deebi'uu hima. Haata'u malee, "haalli jireenyaas ulfaataadha waan ta'eef" yeroo beellamaa sanatti mucaasaa gara mana yaalaatti otoo hin deebisiin akka addaan kute dubbata, namni kun.
"Dhibichis dhibee baay'ee ulfaataadha. Kunuunsanii yaala kennuufiin baay'ee barbaachisaadha. Kunuunsuma kanayyuu ofiikoon ofdadhabe. Maatiin qofaa [otoo hin taane], kan hawaasni dhaabatee wal deeggaree daa'imman [kaansariin qabaman] ittiin yaalchisuu," qabu akka ta'e hima Seefuun.
"Walbira dhaabbannee daa'imman kana dhibeerraa baraarra" jechuunis tumsa hundaatiif waamicha dhiyeessa Seefuun. "Qoricha sana addaan kutee dhibeen sun deebi'ee hamma silaa caala babal'achuu danda'a" kan jedhu abbaan daa'imichaa qorichi dhaqnaan walbaruun dandeettiin itti wayyeessuu isaa akka hir'atu waan taasiuuf yaala gar gar kutuun ulfaataa ta'u kaasa.
"Daa'imman kan biraas nan qaba; fayyaadha, isaan mana jiru. Baatii lama asitti [mana yaalaa] dabarseen ture. Baasii guddaadha kanin baase. Sababa kanaatiif gaafan manatti deebi'u isaanis dadhabanii jiru.
''Haalli jireenyaa ulfaataadha waan ta'eef, kanarraa kan ka'en, gidduuttii addaan kute. Kanuman ofharkaa qabuu fi firootarraa liqeeffadheen, yaalchisaa jira" jechuun haala keessa darbeef keessa jiru ibsa, Seefuun. Yaalii kaansarii "eegalanii addaan kutuun daa'ima sanarratti dhiibbaa qaba" kan jedhu namni kun, hubannoon bal'aan waa'ee dhukkuba kaansarii uumamuu akka qabus dhaama.
Taajuree Abbaa Oliis, Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Dhidheessaarraa daa'imashee kaansarii dhukkubsatu yaalchisuuf gara giddugala waldhaansaa kana dhufte. "Isa duraa ji'a sadiif kudha afur teenyee galle" jechuun kan dubbattu Taajureen, rakkoo maatiifi dinagdee irraan kan ka'e yaala daa'imashee ittifufsisuu akka hin dandeenye himti.
"Jabbii cinaacha tokko qabna; isiima gurgurannee deemnee dhufne. Kan namaa fudhannee qotanna malee waa tokko hin qabnu" kan jettu dubartiin kun, "isa alanaa ittuma duunee fayyifannee galla malee addaan kutuun hin jiru" jechuun hawwii fayyina mucaasheetiif qabdu ibsiti.
'Reeffan baadhee dhufe jechuun ni danda'ama'
Tasfaayee Kabbadaa ammoo Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa Aanaa Saayilamii jedhamuu daa'imasaa yaalchisuuf gara Giddugala Yaalaa Yunivarsiitii Jimmaa dhufe.
ALI'tti bara 2015 mucaansaa dhamaatii hakimotaatiin erga bayyanattee booda, bara 2016 ammoo "fageenyi bakkaa fi [rakkoon] geejibaa" akkasumas rakkoo dinagdeetiin humna dhabuun waldhaansa addaan kutuu hima Tasfaayeen.
"Ani kanan [waldhaansa] addaan kuteef, biyyikoo baay'ee fagoodha. Namni tokko tokko tsabala deemi jedha. Xabala geesseen, maallaqa mijeeffadheen deebi'ee dhufa otoon jedhuu, yeroo darbe ennaan dhufu, reeffan baadhee dhufe jechuun in danda'ama" jechuun Tasfaayeen, haala yeroo mucaasaa yaala kaansarii addaan kute deebisee fidu ture ibsa.
"Gorsa namaa dhaga'uun, xabala yoon galche ni fayya" yaada jedhuun akka yaala addaan kutes kan himu namni kun, "yaalicha hordofaa, Waaqayyoon kadhachuu" malee yaala addaan kutuun akka furmaata hin taanes gorsa.
"Kufaatii dinagdee hamaarran jira. Anis gara dadhabuuttan jira. Waan nama gaddisiisurran jira. Jireenya mucaa tokkootiif jedhee jireenya nama baay'ee kan ijoollee kaanii, haadha manaa fi haadhakoo [hubaan] jira.
Akkamittan otoon ilaaluu lubbuu mucaakoo du'atti dhiisa jedheen malee garmalee dadhabaan jira" jechuun rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu kan dubbatu Tasfaayeen, fageenyi daandii fi daballiin kafaltii geejibaa seeraan ala taasifamus yaala kaansarii mucaa isaatti gufuu ta'uu dabaluun hima.












