Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doonaald Tiraamp bilbiloota ismaartii fi kompiitaroota qaraxa haaraa irraa bilisa taasisan
Bulchiinsi prezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp qaraxa %125 meeshaalee Chaayinaan biyya keessa galfamu irra kaa'an dabalatee, bilbiloota ismaartii, kompitarootaa fi meeshaalee elektironikii qaraxarraa irraa bilisa taasise.
Ibsa Gumurukaa fi Eegumsa Daangaa Ameerikaa baaseen, meeshaaleen kunneen qaraxa %10kan Tiraamp biyyoota irra caalaan irratti kaa'aniifi qaraxa Chaayinaa irra kaa'ame baay'ee guddaa ta'e akka hin ilaallanne ibseera.
Kunis qaraxa Tiraamp Chaayinaa irra kaa'an irratti jijjirama mul'ate guddaa jalqabaa yoo ta'u, xiinxalaan daldalaa tokko ''taatee tapha jijjiiru'' jechuun ibseera.
Tiraamp Samabata galgala gara Maayamiitti osoo imalanii, jalqaba torbee dhufuu irratti waa'ee bilisa ta'uu kanaa bal'inaan ibsa akka kennan dubbataniiru.
Gara xiyyaara ittiin imalaniitti osoo deemaa jiranu gaazexxessitootatti akka himaniitti, ''baayyee of qusattoota taana. Haata'u malee ammoo maallaqa baayyee argataa jirra. Akka biyyaatti maallaqa baayyee argataa jirra'' jedhan.
Tarkaanfiin kunis kan fudhatame, sababii dhaabbileen meeshaalee elektironiksii oomishan Chaayinaa keessaa waan ta'ef Ameerikaatti gatiin meeshaalee kanneenii qaala'u danda'a jechuun yaaddoo uumeen boodadha.
Meeshaaleen elektironikii fi meeshaaleen suphaasaanii oolan booddeetti deebii'ee Ebla 5 irraa kaasee bilisa qaraxarraa bilisa akka ta'aniif murtaa'eera.
Ittigaafatamoon Qorannoo Teeknolojii Idil-addunyaa Wedbush Sekuritiis, Daan Iviis toora X isaanii irratti ''kun kan abbootii qabeenyaa teknolojiitiif hin yaadamneedha'' jechuun barreessan.
''Qaraxa Chaayinaarra kaa'ame yoo ilaalu, bilbiloonni ismaartiifi Chiippiiwwan bilisa akka ta'an murteessuun jijjirama tapha jijjiruudha.''
Murtee kana hordofees dhaabbileen teknolojii gurguddoonni kan akka Apple, Niiviidii, Maayikorosofti fi kaan dhuma torban kanaarratti boqonnaan itti dhagahama jedhan itti dabaluudhaan.
Waayit Haawus qaraxa irraa bilisa gochuun kun kan taasifame, dhaabbileen oomisha gara UStti ceesisuuf yeroo dabalataa akka qabaataniif ta'uu beeksiise.
Pires sakreetariin Waayit Hawuus Kaarooliin Leeviit ''Pirezidanti Tiraamp Ameerikaan teknolojiiwwan murteessoo kanneen akka samikondaaktarootaa, chiipsiiwwan, bilbiloota ismaartii fi laaptooppii oomishuudhaaf Chaayinaa irratti akka hin hirkannee ifa taasisaniiru'' jedhan ibsa kennaniin.
''Haala qajeelfama pirezidantichaatti, dhaabbileen kunneen atatamaan oomisha saanii biyya keessa taasisuuf sardamaa jiru.''
Sambataa fi Dilbata mana jireenyaasaanii Filoridaatti argamutti kan dabarsan Doonaald Tiraamp, qaraxa Chaayinaarra kaa'ame olaanaadhaan gammado ta'u Jimaata darbe gaazexessitootatti himanii ture.
Walitti dhufeenya pirezidantii Chaayinaa Shiin Jiinpiing waliin qaban kaasuudhanis ''gamasiinis waan gaarii akka jiru natti dhagahama'' jedhan.
Waayiti Haawusitti itti aanaa ittigaafatamoo waajjirichaa kan ta'an, Isteefan Miilar gamasaanitti fuula X irratti, meeshaaleen elektironikiis kunneen ammas Fentalin waliin wal qabate qaraxa Chaayinaa irra kaa'ame %20 ni ilaalalata jedhanii ture.
Taateewwan tokko tokko akka agarsiisaniitti, qaranni kaa'ame kallattiidhaan kan gara fayyadamtootaatti dabarfamu yoo ta'e, Ameerikaa keessatti gatii iPhone dachaa sadiin dabalu danda'a.
Ameerikaan gabaa IPhone guddaa yoo taatu, Apple bara darbe gurgurtaa bilbiloota ismaarii isaa keessaa wallakaan ol Ameerikaatti raawwachuu qorannoon Kaawunti Pooyinti jedhamu mul'iseera.
Qorannoon kun bilbila Apple gurgurtaaf dhiyaatan keessa %80 kan ta'an kan Chaayinaatti hojjataman yoo ta'u kan hafe %20 ammoo Hindiitti oomishaman jedheera.
Waggoota dhiyoon asiitti akkuma dhaabbata guddiicha ismaartii Samsung, Apple's hidhata dhiyeessitisaa Chaayinaa qofaarra kaa'uu dhaabuuf yaalaa jira.
Hindii fi Veetinaam jidduugala oomishaa dabalataa ta'un akka filmaataatti tajaajilaa jiru.
Qaranni kun hojiirra ooluu isaatiin, Apple guyyoota darban keessa meeshaalee Hindiitti oomishaman saffisiisuu fi guddisuu akka yaale himama.
Tiraamp torban kana hojiirra akka oolu biyyoota addunyaa irratti qaraxa cimaa hedduu karoorfatanii turan.
Garuu Roobii darbe, biyyoota qaraxni Ameerikaan olaanaa ta'een miidhamaniif guyyoota 90f boqonnaan akka hojiirra ooluu beeksiseera, kunis Chaayinaa kan qaranni ishee gara %145tti ol guddifaemeen alatti jechuudha.
Tiraamp Chaayinaa irratti daballii qaraxaa kan taasifameef sababii biyyattiin meeshaalee Ameerikaa irratti qaraxa %84 kaa'udhaan haaloo ba'uuf qophii ta'uu isheetti jedhanii ture.