Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan oomishaalee Ameerikaa irratti taarifa %84 kaa'un haaloo baate
Waraanni daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa hammaataa adeeme. Ameerikaan oomishaalee Chaayinaa gara gabaa Ameerikaatti ergaman irratti taarifa 125% keesse.
Chaayinaan ammoo murtoo Tiraampi kana haloo bahuun oomishaalee Ameerikaa gabaa Chaayinaa galan irratti taarifa %84 murteessite.
Kana dura Chaayinaan oomishaalee Ameerikaa irraaa taarifni sassabuuf murteesite t%34 qofa ture.
Tiraampi taarifa biyyoota hedduu yeroof akka dhaabbatu godhaniiti Chaayinaatti ammoo hanga kana kan murteessan.
Biyyoonni hedduun isaaf bilbiluun akka mari'achaa jiran kan hime Tiraampi dirqamanii akka harka kennatn dhaadataa turan.
Chaayinaa wlaiin garuu waraana daldalaa kana hammeessaniiru.
Waraanni daldalaa biyyoota dinagdeen adunyaarraa gurguddoo tahan lamaan gidduutti jalqabe waan laaffataa deeme miti.
Baajiingi ''hanga dhumaatti falmachuuf'' qophii tahuu himte.
Waashingitanis murtoo ishee kana irraa akka duubatti hin deebine agarsiifteetti.
Taarifa qofa osoo hin taane Chaayinaan dhaabbileen Ameerikaa 20 ol tahan biyya ishee keessatti akka hin hojjenne ykn investi hin gooneef dhorkiteetti.
Hojii gaggeessitoota kaampaanota tokko tokkoo ammoo sirumaayyuu akka biyyicha hin galleef dhorkite.
Waraqaa irratti yoo ilaalle taarifni kun Ameerikaa caalaa Chaayinaa miidha. Dhaabbileen Chaayinaa oomishaalee isaanii gara gabaa Ameerikaatti erguun waggaatti doolaara biliyoona 440 ol argatu.
Kun ammoo isa kaampaanonni Ameerikaa gara gabaa Chaayinaatti ergatan dachaa sadiin caala.
Taarifa dabaluun kaampaanota Chaayinaa irratti miidhaa qabaata.
Akka xiinxaltoonni jedhanitti dhugaan jiru isa amma tilmaamamu caalaa wal xaxaadha.
Chaayinaan taarifa %84 oomishaalee Ameerikaa irratti dabarsuun ishee oomishaalee qonnaa Ameerikaa irra caalaa gabaa Chaayinaatti dhiyaatan irratti miidhaa guddaa qabaata jedhu qorattuun dhaabbata qorannoo 'Moody' Saaraa Taan.
''Daballiin tibbanaa isa duraan ture irratti bu'aalee aannannii, booyyee fi foon, kuduraa fi fuduraa, qamadii, boqolloo, jirbii fi oomisha lukkuu irratti fudhatame barbaacha gabaa Chaayinaa keessaa waan gadi buusuuf qonnaan bultoota US miidha.''
Taarifni US oomishaalee Chaayinaa irratti darbe ammoo oomishaalee kunneen gatii isaanii waan dabaluuf fayyadamtoonni US miidhaaf saaxilamu jedhu xiinxalaan 'Economist Intelligence Unit' Aleeksi Hoolmi.
Murtoo Tiraampi hordofee miidiyaan biyyaalessa Chaayinaa CCTV taarifa US kana irratti adunyaan hundi Chaayinaa waliin dhaabbachuun mormaa akka jiran akeekuun gabaasaa jira.
Dabalataan Chaayinaan taarifa US dabarsite kana Dhaabbata Daldalaa Addunyaa [WTO] irratti himachuu gabaafameera.
Dabalataan Chaayinaan dhaabbilee Ameerikaa 18 waliin daldala gaggeessaa turte hariiiroo daldalaa isaanii akka dhaaban ajajje.
Gamtaan Awurooppaa fi Kanaadaanis Ameerikaa haloo bahachuuf qophiirra akka jiran himama.
Hayyoonnii fi xiinxaltoonni dinagdee akka jedhanitti taarifni amma biyyoonni gurguddoon dabarsan kun dinagdee biyyoota reefu guddataa jiranii miidha.
Hayyuun Chaayinaa tokko CCTVtti akka himanitti Chaayinaan dhaabbilee taarifa kanaan miidhaman gargaaruuf ''imaammata faayinaansii fi maallaqaa gahaa tahe'' qabdi.
Tiraampi biyyoota addunyaa hedduu irratti taarifa dabaluun gabaafamus kan Chaayinaa %125 garuu CCTV hin gabaasne.
Tiraampi yeroo duula filannoo gaggeessaa ture Chaayinaa irratti taarifa guddaa dabaluun dhaabbilee biyya keessaa akka gargaaru himaa waan tureef pirezidaanti Shi Shiinpiingi qophii jabaa taasisaniiru jedhan xiinxaltoonni.
Piroofeser Giraam Alisan kan tibbana Chaayinaa daawwachuun gara Ameerikaatti deebi'an qondaalota olaanoo Chaayinaa qunnamuu himuun, pirezidaantii Chaayinaa waraana daldalaa Ameerikaan jalqabde kanaaf qophiidha jedhan.
''Yoo waa uumameef akkamitti dandamachuu akka qaban irratti kutaan hundiyyuu qophii isaa dursee xumureera. Kana ammoo ragaaleen argadhe irraa mirkaneesseera jedhan hayyuun kun.