Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afriikaatti dursaan olola Raashiyaa maaliif to'atame?
Maqaansaa Piroppogaandist Maaksiim Shugaaleey jedhama. Yoo rasaasaa fi dhohiinsa jalaa miliqu, akkasumas icciitii biyyaa yoo eeguu mul'ata.
Boombaastiik filmii ololaa dhiheenya hojjate keessatti taatoo Maaksiim Shugaaleey jedhuun goota nama siyaasa Raashiyaa taasiseera.
Namni kun biyyoota alaa biratti biyyasaa beeksiisuuf waanti hin raawannee hin jiru.
Fiilmiif jecha gaaruumaan itti dabalamulleen, addunyaa dhugaa keessatti taanaan namni kun Afriikaa keessatti dhiibbaan Raashiyaa akka cimuuf baayyee gumaacheera. Keessattuu ergamni kun akka milkaa'uuf garee Raashiyaafi mindeeffamtoota Vaangar waliin hojjateera.
Namni kaayyoosaa milkeeffachuuf kan isa dhaabu hin jiru jedhame kunis dhiheenya kana biyya Afriikaa Lixaa Chaad keessatti to'annoo jala oolfameera.
Inniifi Saameer Suweefaan, akkasumas I Saaryov kan jedhaman namoonni gara biraa Fulbaana darbe dhimma hin beekamneef isa waliin to'annoo jala erga oolfamanii booda gara biyyasaaniitti ergamusaanii Imbaasiin Raashiyaa beeksiiseera.
Ofii Maaksiim Shugaaleey eenyu?
Maaksiim ofiisaa ''Soshaaliisti'' jechuun ibsa. Haata'u malee xinxaltoonni basaasaa Raashiyaa fi dadamaqasaa siyaasaa hojiisaa Afriikaa keessatti babal'isaa jiruudha jedhuun.
Biyyoota Afriikaa keessatti gareen Vaagnar beeksiisuudhaan odeeffannoo dogongoraa tamsaaseera jedhamuun bara 2023 irraa kaasee Gamtaa Awurooppaatiin qoqophaan irra kaa'ameera. Namoota Yukireen keessatti qoqophaan irra kaa'ame keessaas tokko.
Bara 2012 irraa eegalee dursaa garee Vaangariifi hiriyaa dhiyoo Viilaadmiir Puutiin kan ture Veegenii Piriigooshiin waliin hojjataa ture.
Shugaaleey akkuma namoota kaan biraa warra Piriigoviin waliin hojjataniitti dhimma kana haalulleen, yeroo jalqabaatiif ijoo miidiyaalee kan ta'e yeroo garee Vaangar bakka bu'uudhaan filannoo jidduu galuudhaan himannaa basaasaatiin Liibiyaa keessatti to'annoo jala oolfame ture.
Piriigooshiin Shugaaleeyiif ajajni kenneef akka odeeffannoo walitti qabuufi ilma pirezidantii Liibiyaa duraanii, Mu'aammad Gaadaafii, Saayiif Al- Islaam Gaadaafiin akka 'tarsimoo' diriirsuufiidha.
Shugaaleey yoo Raashiyaatti deebii'uutti Ruubilii miiliyoona 18 ykn dolaara kuma 173 akka kenne Piriigoosgii dubbateera. Kunis tokko tokkoo baatii hidhaarratti dabarseef Ruubilii miiliyoona tokko jechuudha.
Amma filmii ta'e kan dhiyaatees guyyoota Shugaaleey Liibiyaa keessatti dabarseedha. Fiilmiicha maallaqaan kan deeggare ammoo Piriigooshii ture. Filmichis Baha Liibiyaatti deeggaraa Vaaganar kan ta'an Kaaliifaa Afaaxaarii leelliisuufi sochii Raashiyaan Afriikaa keessatti taasiftuu bareechanii dhiyeessuudha.
Shugaaleey ta'udhaan kan taatoo tabate Kiriil Pooliikiin yoo ta'u, ''akka Jeemsi Boond ykn akka Miishiin Impoosiibil'' ta'uun dhiyaatee jedhu xinxaltoonni dhimmoota Afriikaa kan ta'an Laad Isteewaarti.
''Namni fiilmiicharratti agaru baayyee cimaa fi kan haala kamu keessatti icciitii biyyaaleessaa dabarse hin kenniineedha. Akkasumas ajjeessaa mindeeffamaa gahumsa qabuu fi kan ofiisaa danda'ee oppareshiniin waraanaa gaggeessuu danda'u ta'e agarra.''
Gabaasni qorannoo BBCn bara 2018tti dhiyeesse akka agarsiiseetti, basaastoonni Raashiyaa baayyeen kaadhimamtoota filannoo Maadaaskaariif dorgomaniif maallaqa boorsaan saamsame kennaa turan.
Shuugaaleey osoo Raashiyaadhaan ala socha'u hin eegaliin dura, bara 2022tti filannoo paarlaamaa Piitarsibargi keessatti gorsaa ta'un hojjachuudhaan.
Yeroo sanatti Shugaaleey kaadhimamtoota keessaa tokko gorsaa ture. Walgahii komoshinii filannoo tokkorratti sanadni ragaa ta'e akka hin dhiyaanneef kukkutee nyaachuudhaan ijoo dubbii ta'e ture.
Shugaaleey dhiibbaa hangam qaba?
Piriigooshiin wayita lubbuun jiruutti ittigaafatamummaan Shugaaleey, dhaabbata deeggaraa Vaagnar kan eegumsa dudhaalee biyyaaleessaa jedhamu hogganuu ture.
Haata'u malee sadarkaa ifa hin taaneen bulchiinsoota garee Vaagnariif ni mijatu jedhaman biyyoota Afriikaa keessatti garaaangootti fiduufi aangoorra akka turan taasisuu ture hojiinsaa. Sochiin kunis Raashiyaan dhiibbaa Afriikaa keessatti qabdu cimsuu fi Faransaayii baasuu ture keeyyoonsaa.
Bara darbe keessa erga Viigeenii Piriigooshiin du'een booda garuu loltoonni Vaaginar jalatti Afriikaa keessa socha'aniifi Yukireen keessatti lolaa jiran akka raayyaa Raashiyaatti makaman taasifamaniiru.
Haaluma kanaanis bulchiinsi miidiyaa Piriigooshiin barbadeeffameera. Shugaaleey miseensa sochii miidiyaa kanaa ture.
Shugaaleey yeroo baayyee dhoksaan sababii socha'uuf dhiibbaa hangamii akka qabu beekuun cimaadha.
Ta'us namoonni tokko tokko akka jedhaniitti, Piriigooshiin du'us Shugaaleey ammalleen dhiibaansaa kan duraatiin gadi miti jedhu.
''Kiremiliin sochii garee Vaagnar fudhatuus Shugaaleey garuu ammas dhiibbaan qabu kan akka salphaatti ilaalamu miti'' jedhan xinxaltuun oolaantuun dhimmoota Afriikaa, Liivariilii Ochiiyangi.
Namtichi Piiriigooshiinii fi garee Vaagnar hidhata qabaachuun hin haalu. Chaanaalii Teelegraamii isaarrattis barreeffamoota hojiiwwan dursaa isaa du'ee leellisaniin guutameera. Yeroo tokko tokko miseensa garee Vaagnar ta'uf ulaagaalee barbaachisan maxxansa.
Erga baatii Adooleessaa Chaad keessatti to'annoo jala oolfameen booda, adeemsa wayita gara Angoolaatti imaleen fuula Teelegraamii irratti qoodeera. Amma haala keessa jiruu dubbachuun rakkiisaadha.
Maaliif Chaad keessatti hidhame?
Chaad Shugaaleey fi deeggartootasaa lama maaliif to'annoo jala akka oolchise ibsi ifatti kennite hin jiru.
Kana ilaalchisees yaadiiwwan hedduun bahaa jiru. Gariinsaan amanamummaa qabu, kaan garuu dhugaarraa fagoodha.
Buufanni mootummaa Raashiyaa -RTn namnitichi kan hidhame haala ajaja Faransaayiin jedhe. Ochiiyengi garuu kun dhigaadha jechuun hin fudhatan.
Caamsaa darbeerraa kaasee Raashiyaan dhibbaa biyyoonni Lixaa Chaad irratti qaban qabannaa'aa jira yaada jedhu babal'isaa jirti.
Chaad dhiheenya kana Raashiyaa waliin dhimmoota bu'uuraalee misoomaa fi nageenyaarratti waliita'insa mallatteessitulleen, faransaay ammalleen loltootashee Chaad keessaa qabdi.Bulchiinsoota Faransaay duraanii kan turan biyyoonni Afriikaa walitti dhufeenyi Paariis waliin qaban laaffatulleen Chaadii fi faransaay garuu walitti dhufeenya gaarii qabu.
Raashiyaan Chaad keessaa sochii waraanaa haa qabaatuu haa dhiiftuu hin beekamu.
Kaan pirezidantiin Chaad Maahimaat Deebii Raashiyaa fi biyyoota lixaa wal dhabsiisuudhaan Chaadiif waan fooyya'e fiduuf yaalaa jiru jedhu.
Loltoonni Vaagnar kanneen jidduugala gala Afriikaa keessaa kaa'an gara CHaadi galuudhaan erga walitti bu'iinsii umameen booda boodeetti deebii'uudhaan bahunsaanii himamee ture.
Raashiyaan walitti dhufeenya Chaad waliin qabdu yoo cimsu dandeesse dhiibbaa lixa Afriikaa keessatti qabdu balifachu dandeessi.
Shugaaleey erga Chaad yeroo lamaaf dowwateen booda Caamsaa darbe keessa filannoo taasifameen garee duula filannoo Pirezidanti Deebii waliin marii taasiseerra.
Bara darbe waajjiiraaleen nageenya Ameerikaa gabaasaalee baasaniin, gareen Vaagnar pirezidanti Deebii ajjeessuuf karoorfatanii osoo hin milkaa'iniif hafeera jedhe.
Shugaaleey to'annoo jala oolfamee kan ture kanaan ta'u akka hin ollees ni dubbatama.
Dhaabbanni gargaarsa Shugaaleey, namtichi basaasaa Vaagnar jedhamu haaluudhaan ''Shugaaleey gareen Vaagnar sochii basaasa Afriikaa kan beeku hin jiru'' jedhe.
Xinxaltoonni akka jedhaniitti, miidiyaaleen hawaasaa Raashiyaadhaan deeggaraman, buufataaleen TV fi maddeen oduu Afriikaa gabaasaalee waa'ee Raashiyaa hojjataa jiru.
Kanaafis akka fakkeenyaatti Afriikaa Midiyaa TV kan gabaasa isaa Kaameeruun irraa Riipablika Afriikaa Jidduugalaa, Ayivoorii Koosti, Maalii, Burkinaa Faassoo fi Niijar keessatti tamsaasuu eeruu. YouTube fi Facebook irratti hordoftoota kumaatamaan lakkaa'aman qabu.
Shuugaaleey viidiyoowwan Teelegraamii isaarratti gadi dhiisuun akka gara biyyoota Afriikaa hedduutti imalu agarsiisu. Nama of agarsiisuu jaalatu akka ta'e mul'isa.