Dhukaasa dhaabuun booda loltoonni Israa'el Libaanos keessaa bahaa jiruu?

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Hezboollaah giddutti taasifame hordofee humnootni waraanaa Israa'el naannawa qabatanii turan keessa ba'uuf sochii taasisaa jiru. Bakkeewwaan kana dura sochoo'uuf dhorkaa turan irraas amma uggurri tokko tokko ka'eera.

Magaalotni barbaadaa'anii namootni keessa baqatanis gara sochiitti deebi'uuf waan jiraniif waan abdii uume fakkata.

Garuu Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi garee Libaanos Hizbullah gidduutti erga taasifamee boodallee humnoonni ishee meeshaa waraanaa dhukaasuun fi haleellaa kibba Libaanos keessatti raawwachuu ibsiteetti.

Waraanni Israa’el bakka sochiin meeshaa waraanaa Hezbollaah guddaan jiruu fi konkolaattotni meeshaale waraanaa qabatan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun naannoo adda addaa socho'an erga argee booda shakkamtoota irratti dhukaasa banuu ibseera.

Libaanon Israa'el waliigaltee kana ''irra deddeebiin'' cabsite jechuun himattee, haala jirus hordofaa akka jirtu ibsiteetti.

Naannawa daangatti ciccitaa ta'us garuu hanga ammaatti sochiin dhukaasa dhaabuu baay’inaan kan jiru fakkaata. Daandiiwwan daangaa kaaba Libaanositti geessu kana dura waraanni Israa’el irra deddeebi'u fi dhorkaa ture amma waan boqotaa jiru fakkata.

Balaliisaan tokko, kan har’a ganama Libaanos qaxxaamuree ba’e, inniifi gareen isaa waraanaa keessaa ba’anii gara jireenya isaanii idileetti deebi’uutti gammaduu hime Garuu hundi isaanii waan irraa eegamu hojjetaniiru jedhes abdata.

"Yoo hin taanemmo, hundi keenya yeroo dhiyootti asitti akka of arginu ni beekna," jedhe. "Akka dhuunfaatti ammallee hojiin hojjetamuu qabu jira jedheen yaada. Hizbullaah ammallee cimaa ta'uu isaa agarsiisuuf Israa'el doorsisuun ifaadha."

Hoggantoonni Israa’el amanamummaa ummataaf qaban ibsaa jiru - naannoo tokko tokkotti uggura guyyaa guyyaa kaasuu fi naannawa meeshaan waraanaa itti buufatee buqqisaa jiru.

Ministirri Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuun garuu Hizbullaan yoo walii galticha cabse ''waraana cimaa'' akka eeggatu akeekkachiisan.

Waraana kana akka ka’umsa dhukaasa dhaabuu dhabbataa ta’etti fayyadamuuf Waashingitan irraa deeggarsa guddaatu ​​jira.

Akkasumallee Hamaas Gaazaa keessattillee waa’ee waliigalteen walfakkaataan akka taasifamuuf fedhii akka qabu agarsiiseera.

Garuu wali galteen dhukaasa dhaabuu taasifame dogoggora, kun gocha Hizbullaah "harka kennachiisuti" illee kan jedhan heddutu jiru.

Isaan keessaa tokko kantiibaa hawaasa kaabaa Hatzor Haglilit kan ta'an Michael Kabesa dha.“Dhukaasa dhaabuu caalaa waliigaltee harka kennachuuti”jedha.

“Hojii keenya hin xumurre, dhibbeentaa 70 irratti dhaabanne, kanaaf ni guddatu, dandeettii isaanii ni deebisu, ammas waggaa 20 booda deebinee wal argina.”

Xiyyeeffannaan guddaan gama daangaa jiraattonni yoomii fi akkamitti gara jireenya idilee jalqabbi waraanaa hordofee baqatanitti deebi’uu danda’udha.

“Safartuu nageenya baay’ee nu barbaachisa,” jechuun kantiibaan magaalattii kun kan himan. “Rayyaan ittisa biyyaa daangaa irratti bal’inaan arguu qabna, kanatu amantaa nuuf kenna.”jedhe.

Humnoonni Israa’el ji’oota lamaan dhufan keessatti naannoolee kibba Libaanos keeessaa suuta suutaan ba'uun waraana Libaanosin akka bakka buufaman Unifil deeggarsa fi waraani Ameerikaa fi Faransaayii ammoo to’annoo gochaa jiru.

Haleellaan bara darbe Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwatame – kan garee hidhate Falasxiin Hamas, michuu Hizbullaah Gaazaa keessatti raawwatame – jireenya hawaasummaa fi siyaasaa jijjiireera.

Garuu hawaasa kaabaa kana keessaa tokko tokko kanneen waraana ji’oota 14tti siquuf ture keessatti baqachuu didan, magaalota kanneen keessatti rookkeettii fi misaa’ela Hizbullaan haleelamaa turen jiru

Kiriis Kooyil, jalqaba Edinbarg irraa kan dhufe yoo ta'u, jiraattota afur qofa kanneen mana jireenyaa isaa Kiryat Shmona keessatti hafan keessaa tokko.

Foddaawwan manneen naanwa isaa keessa jiran hundi fi gamoowwan meetira 200 irra jiran misaa'iloota rukutamuun kukkufaniiru.

"Rookeetotni fi misaa'eloonni guyyaatti yeroo hedduu asitti bu'u, yeroo tokko tokko sa'aatii tokkottiyyuu yeroo hedduu." jedhe

Israa’el humna lafoo gara Libaanositti hang ergitee loltootni Hizbollaa naaannawa sanaa socho'anitti caccaba manaa keessa da'eeffachuun jiraachaa turuu isaa hima.

“Dhukaa dhaabuu nu barbaachisa, ji’a tokkoofillee yoo ture abdii wayii qabaachuu dandeenya.”

Waggaa darbeef Kiryat Shmona bakka duwwaa suuqiwwaan waa keessa bitachuun hin danda'amnellee akka hin turre yaadachuun tarii dhukaasa dhaabuun kun magaalattii gara jireenya akka deebisu abdata.

''Namoota baay'ee deebi'a jedhan waliin dubbadheera,'' jedhan. “Ji’a tokkoo fi lama fudhata, garuu ni deebi’u.”