Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Safaricom waajjirasaa Itoophiyaaf hoogganaa haaraa muude
Dhaabbati telekomii Safaricom waajjira isaa damee Itoophiyaaf hogganaa haaraa Wim Vaanhelepuut jedhaman muuduu beeksise.
Anwaar Sowusaa, kan dhuma ji’a dhufutti aangoo isaanii gadhiisan bakka bu’uun kan muudaman qondaalli kuni baatii Fulbaanaa hojii isaanii eegalu.
Vaanhelepuut kana dura dhaabbata Afrikaa Kibbaa MTN Group keessa waggootii dheeraaf sadarkaa adda addaa irratti tajaajilaniiru.
Qondaalli kuni yeroo tokko hogganaa MTN Yugaandaa ta'uun tajaajilan.
Lammiin Beeljiyeem kun gabaa guddaa dhaabati kun bara darbe irratti hirmaachuu eegale kana keessatti karoora guddinaa dhaabbaticha dhugoomsuuf hejjetu.
Xalayaan muudama Vaanhelepuut beeksisu hoogganaa dhaabbaticha Piitar Nideguwaan kan mallateeffamedha.
Dhaabbati buufata isaa Keeniyaa keessa godhate kuni Hagayya waggaa darbe ture Itoophiyaa keessatti tajaajila yaalii kan jalqabe.
Onkololeessa 6, bara 2022’tti immoo Itoophiyaa keessatti tajaajila telekoominikeeshinii ifatti kennuu eegale.
Baatii Caamsaa waggaa baranaa keessattimmoo tajaajila daldalaa M-pesa jedhamu akka dalagu Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa eeyyameefiira.
Addunyaa sochii maallaqaa dijitaalaatti geeddaramaa jirutti hojimaata beekamtii argatan keessaa tokko ‘Mpesa’dha.
Bara 2010tti biyyoota guddataa jiran keessatti sirna qarshii walii dabarsuu milkaa’aa tahe jedhamuun leelliffameera.
Keeniyaarra darbee Taanzaaniyaa, Demookiraatik Rippaabliika Kongoo, Masrii, Gaanaa, Leseetoofi Mozaambiik keessatti tajaajila kennaa akka jiru marsariitiin Safaariikoom agarsiisa.
Itoophiyaan biyyoota telekoomii yeroo dheeraaf mootummaan dhunfataman keessaa tokkodha.
Itoophiyaan gama isheetiin diinagdee ishee foyyeessuuf gahee telekoom mootummaadhaan yeroo dheeraaf dhunfatame akka gurgurte ibsite.
Gamtaan Safaariikoomiin hogganamu, ce’umsa dijitaalaa Itoophiyaaf deeggarsa akka godhu, namoota baay'eef carraa hojii akka uumu, jireenya lammiilee haala gaarii taheen akka geeddaru yeroo hundeeffama isaa ibsee ture.