Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnootiin Finfinneefi naannawaa isheetti hokkara uumuuf socho'aa turan to'atamuu mootummaan ibse
Humni Waloon Tikaa fi Nageenyaa biyyattii, qaamoolee Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti hokkaraa fi jeequmsa uumuuf turan to'annoo jala oolfamuusaanii beeksise.
Humni Waloo kun ibsa miidiyaa hawaasaa isaarratti Sambata Amajjii 14, 2023 baaseen, miseensoonni gareen finxaaleyyii Faannoo paartilee siyaasaa tokko tokko dahoo taasifachuun Magaalaa Finfinnee giddugala hokkaraafi jeequmsa taasisuuf turan 109 to’annoo jala oolfamuu ibse.
Kannneen to’ataman kunneenis ‘‘waraqaa eenyummaa sobaa qabachuufi kallattii gaaffiilee manneen barnootaatti ka'an tokko tokko maqsuun kaayyoo badiisaaniif fayyadamuun, ummata magaalattii sabaan walitti buusuu fi hokkaraa fi jeequmsa uumuuf’’ kan turaniidha jedheera.
Dhiyeenya kana manneen-barnoota mootummaa magaala Finfinnee keessatti faarun alaabaa Oromiyaa akka hin faarfatamne, akkasumas alaaban Oromiyaa maalif fannifama jechuun gareen hokkarri ka'ee turunsaa ni yaadatama.
Kanaanis wal qabatee manneen barnootaa tokko tokko keessatti alaabaa yoo buusan, manneen barnootaa kaanitti ammoo qabeenya mana baruumsaa mancaasaanii turan.
Akkasumaa miseensoonni finxaaleeyyii Faannoo 109 to’ataman kunneen haleellaa meeshaalee waraanaan deeggarame raawwachuuf kan socho'aa turan yoo ta’u, meeshaalee waraanaa itti fayyadamanii fi uffannaa caasaalee nageenyaa waliin to'atamuun ibsameera.
Haaluma walfakkaatunis, miseensoonni garee mootummaan shororkeessaa jedhun Shanee , kan tarkaanfii qindaa’aa tibbana mootummaan naannoo Oromiyaa keessatti fudhataa jiru baqachuun Finfinee seenuun haleellaa raawwachuuf turan 107 meeshaalee ittiin haleellaa raawwachuf turaniif uffata dambii caasaalee nageenyaa waliin to’achu beeksiise.
Kana malees, shakkamtoonni kan gareen ijaaramuun meeshaalee waraanaa fi meeshaalee waraanaa sagalee hinqabneetti fayyadamuun namootarraan miidhaa geessisaa, saamichaafi hawaasa yaaddessuun gamsiisan155, meeshaalee hatan, meeshaalee itti fayyadamanii akkasumas waltaatootasaanii waliin to'atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu humni waloo kun ibse.
Walumaagalatti, humni waloo Tikaafi nageenyaa kun oppireeshinii nageenya Magaalaa Finfinneefi naannawaashee mirkaneessuuf ummata waliin qindoominaan gaggeesseen, shakkamtoota 371, meeshaalee ittiin jeequmsa umuuf qopheessaniifi qabeenya saaman waliin to'achuun qorannoo irratti gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.
Shakkamtota to’ataman waliinis galmeewwan iccitii, waraqaa eenyummaa sobaa, qawweewwan kilaashinkoov, bombiiwwan, shuguxiiwwan, rasaasawwan heddu fi uffata dambii caasaalee nageenyaa akkasumas maallaqa itti gocha badii raawwataniifi konkolaatawwan fi qabeenyaawwan saaman waliin igizibitiif to’annoo jala oolchu humni waloo kun beeksiise.
Humni waloo kunis tumsa ummanni hanga ammaatti taasiseef galateeffachuun, kabaja ayyaana Cuuphaa kan ummanni hedduun irratti hirmaatu Finfinnee dabalatee, kutaa biyyatti hundatti haala nagaatiin akka gaggeeffamu gochuuf qaamolee nageenyaa bobbaasuun qophii barbaachisaa xummuruun gara hojiitti galu himeera.
Ayyaana kanarratti hawaasni yeroo kamuu caalaa qaamolee nageenyaa waliin tumsaan akka hojjetan waamicha dhiyeesseera.
Hawaasni gochaalee hokkaraa fi shororkeessummaa hubachuun, eeggannoo dursaa barbaachisaa akka taasisuufi haaloonni shakkisiisoon wayiita hubatuutti bilbilaan akka beeksiisuuf sarara bilbilaa tarreesseera.