Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qabiyyeen faaruu alaabaa Oromiyaa handhuraa Oromiyaa Finfineerratti falmiin irratti ka’e maal?
Dhaloonni Qubee faaruu alaabaa Oromiyaa irraa yaadannoo addaa qaba. Keessumaa ganama osoo daree barnootaa hin seenin dura faaruu "Oromiyaa, Oromiyaa haadha seenaa guddaa, handhuura Oromootaa galma Sirna Gadaa..." jedhanii faarfachuun alaabaa Itoophiyaa fi kan Oromiyaa fannisanii gara daree isaanii seenu.
Gulummaan [maqaan isaa kan jijjiirame] yeroo ammaa magaala Finfinnee kutaa magaala Lidataa keessaa mana-baruumsa sadarkaa 2ffaa keessatti barsiisaa jira. Ijoollummaa isaarraa kaasee faaruu alaabaa Oromiyaa irraa yaadannoo addaa akka qabu hima.
"Keesumaa barsiisan keenya Afaan Oromoo mana-baruumsaa keenyatti sabboonummaadhan beekamu nama faaruu alaabaa hin faarsine yoo arge harcummee tokko itti fixa ture," jedha.
Kanaaf, faaruu alaabaa Oromiyaa kana ganama osoo hin faarfatamiin daree seenuun hin jiru. Barataafi barsiisaa biratti bakka addaa qabas jedha.
Dhiyeenya kana manneen-barnoota mootummaa magaala Finfinnee keessatti argaman keessatti faarun alaabaa Oromiyaa akka hin faarfatamne, akkasumas alaaban Oromiyaa maalif fannifama jechuun gareen tokko hokkara kaasaa ture.
Manneen barnootaa tokko tokko keessatti alaabaa yoo buusan, manneen barnootaa kaanitti ammoo qabeenya mana baruumsaa mancaasaa turan.
Sababoota hokkara kanaa keessaa tokko magaalli Finfinnee bulchiinsa of danda’e waan ta’eef sirni alaabaa fannisuu fi faaruu alaabaa Oromiyaa faarfachuu 'humnaan nurratti fe'ame' kan jedhuudha. Kana malees, faaruun alaabaa Oromiyaa ergaa jibbiinsaa qaba kan jedhus sababa biraati.
Haata'u malee, aanga'oonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee dhimma fedhii biraan walqabatedha jechuun ibsu.
Ofii faarun alaabaa Oromiyaa dhuguma akka jedhamu ergaa jibbiinsaa qabaa? Akkamitti barreeffame? Eeenyutu barreesse? Ergaan isaa maalidha? Finfinnee magaala guddoo Oromiyaatti faaruun alaabaa Oromiyaa kan hin faarfatamne eessatti faarfatama?
'Fedhii addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu'
Heerri Itoophiyaa Keeyyanni 49 muraan 1 Finfinneen magaala guddoo mootummaa Federaalaa akka taate ibsa. Muraa 2 jalatti ammoo uummanni magaala Finfinnee of-bulcuuf mirga akka qabu ibsuun muraa 3 jalatti itti waamamni magaalattii Federaalaaf akka ta'e ibsa.
Gama biraan ammoo magaalan Finfinnee handhuura Oromiyaa ta'uu isheerraa kan ka'e magaala guddoo naannoo Oromiyaatis.
Bifuma wal-fakkaatuun Keeyyata 49 muraa 5 jalatti ammoo Oromiyaan magaala Finfinnee irraa fayidaa addaa akka argattu tuma.
Fayidaan addaa jedhame kun hanga ammaatti maal akka ta'e seeran tumamee taa'uu baatus gama tajaajila uummataatin, itti fayyadama qabeenya uumamaa fi wantoota biroo irratti seerri tumamee Oromiyaan Finfinnee irraa fayidaa addaa akka argattu taa'era.
Kuni ta'ee osoo jiruu namoonni manneen barnootaa magaala Finfinnee keessatti faaruun alaabaa Oromiyaa akka hin faarfatamneefi alaaban akka hin baane dhorkuun hokkara kaasan kana waan hubatan hin fakkaatu.
Akka heera Itoophiyaatti faaruun alaabaa Oromiyaa manneen barnootaa keessatti faarfatamuu qofa osoo hin taane fayidaaleen biroo Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabdu silaa yoona hojiirra ooluu qabu turan.
Dhimma faaruu alaabaa Oromiyaan wal qabatee hokkarri kun amma haa ka'u malee Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin barachuun erga eegalee waggaa shan akka guute Kantiibaan magaala Finfinnee Adde Adaanacha Abeebee marii dhimma kanarratti hawaasa fi bakka bu'oota uummataa magaalattii waliin taasisaniin dubbatanii turan.
Jijjiiramni siyaasaa bara 2018 Itoophiyaatti osoo hin dhufin dura qabxiilee ijoo Oromo Protest keessaa tokko kan ture gaaffin uummanni Oromoo barootaf magaala Finfinnee irraa qabu akka deebi'uudha.
"Finfinnee keessatti Afaan Oromoo barsiisun waggaa shan dura bara bulchiinsa ADWUI akka eegaleefi gaaffii ummanni Oromoo kaasaa tureef deebii kennuuf hoggansa yeroo sana tureen murtaa'e," jedhanii turan Adde Adaanach Abeebee.
Marii hawaasaa dhimma kana irratti magaalaa Finfinneetti torban dura gaggeeffame sanarratti namoonniifi bakka bu'oonni uummata magaalaa Finfinnee gochaan faaruu alaabaa dhorkuu sirrii akka hin taane himanii, "fedhii siyaasaa karaa barattootaafi hawaasa mana-barumsaatiin galmaan ga'achuuf sochii taasifamu akka ta'e" ibsan.
Uummanni Oromoo baroota dheeraatiif Finfinneerraa buqqa'aa, qe'ee, qabeenya, aadaafi eenyummaa isaa dhabaa as gahe har'a gaaffii isaa bara dheeraa keessaa tokko kan ta'e qe'ee isaarratti "faaruu alaabaa isaa yeroo faarfatu ija diimeffachuun" fudhatama hin qabus jedhan hirmaattonni marichaa.
Faaruu alaabaa Oromiyaa eenyutu barreesse?
Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyya’ee bahe Labsii Lak. 46/1994 keessatti naannon Oromiyaa faaruu eenyummaa, seenaa fi gootummaa uummata Oromoo ibsu akka qabaatu tumamee jira.
Heeruma kana Keeyyata 4 waa’ee faaruu ibsu jalatti akkas jedha: “Naannoon Oromiyaa seenaa gootummaafi qabsoo haqaa uummata Oromoo bara dheeraaf ture, akkasumas, injifannoo argame kan agarsiisuufi hawwii jireenya fooyya’aaf qabu faaruu calaqqisiisu ni qabaata….” jedha.
Kanuma irraa ka’uun faaruun alaabaa naannoo Oromiyaa akka barraa’u murtoo murtaa’en beeksifni bahee namoonni dandeettii walaloo faaruu barreessanii akka dorgoman godhamuu ragaaleen ni mul’isu.
Mohaammad Qophee waggoota dheeradhaaf hayyuu aartiifi hog-barruu Oromoo keessatti gumaacha guddaa qabaniidha. Bakka bu'aa uummataa ta’uunis yeroo dheeraaf tajaajilaniiru. Miidiyaa biyya keessaa Walta TV irratti dhiyaachuun faaruu alaabaa Oromiyaa akka barreessan dubbatan.
Mahaammada Qophee walaloo faaruu alaabaa Oromiyaa kana gaafa barreessan faaruu uummanni Oromoo keessa darbe, injifannoo argameefi hawwii uummanni qabu giddu galeessa godhachuun akka barreessan dubbatan.
Ofii faarun Oromiyaa maal jedha? Meeqaa keessantu beeka?
Oromiyaa, Oromiyaa haadha seenaa guddaa
Handhuura Oromootaa galma Sirna Gadaa
Dachii heeraa fi seeraa haadha Caffee Odaa
Badhaatuu, gabbattuu magarsituu hundaa
Xurii bara dhibbaa dhiigaan sirraa dhiqnee
Wareegama qaaliin alaabaa kee ol qabnee
Gammannee gammadii bokkuu deebifannee
Nagaaf dimokraasii tabaroo namummaa
Misoomaa amansiisaa guddina hatattamaa
Ummatootaa wajjiniis jaalalaafi tokkummaa
Wabii jireenyaatiif goonee kaayyoo cimaa
Irree gamteeffannee kaanee nu abdadhuu
Oromiyaa lalisii dagaagii jiraadhuu!
Obbo Mohaammad Qophee faaruu alaabaa kana gaafa barreessan kutaa saditti qoodanii akka barreessan ibsu. Kutaan jalqabaa seensa yoo ta’u, eenyummaa uummata Oromoo kan of keessaa qabu akka ta’e dubbatu.
Kana jechuun sararoota walaloo faaruu alaabaa gara jalqabaa Oromiyaan badhaatuu, gabbattuu, handhuura Oromootaa fi dachii Sirna Gadaa ta’uu ishee isa ibsuudha.
“Kuni Oromiyaa bifa gabaaban ibsuudhaf waan kaa’ame,” jedhu Obbo Mohaammad.
Kutaan itti aanu ammoo karaa uummanni Oromoo irra darbee as gahee fi eessaa ka’ee eessa akka gahe kan ibsu akka ta’e himu. Kutaan kun Oromoon qabsoo hadhaa’aa keessa darbuu isaa kan agarsiisudha.
Oromoon waggoota dheeraaf sirnoota dhufaa-darbaa keessatti eenyummaa, afaan aadaafi qabeenya isaarratti abbaa ta’uudhaf bifa garaa garaan qabsoo gaggeessaa ture.
Keessumaa bara Dargii bifa qindaa’aa ta’een dhaabbileen Oromoo qabsoo hidhannoo gaggeessaa turan Adda Bilisummaa Oromoo fi Dhaabbata Dimokiraatawaa Uummata Oromoo (DhDUO) dha.
Kufaatii dargiin booda naannoleen mirga afaan ofiitin barachuu fi naannoo isaanii bulchuu erga argatanii booda, naannoo Oromiyaattis sirni barnootaa Afaan Oromoo fi manneen barnootaa keessatti alaaban Oromiyaa akka faarfatamu godhame.
Qabiyyee faaruu alaabaa Oromiyaa kana keessaa tokko injifannoo sirna eenyummaa sabaa sarbaa ture irratti argame, akkasumas gidiraa fi garbummaa uummanni Oromoo waggoota 100 oliif keessa darbe yaada ibsuudha.
Kutaan lammaffaan faaruu kanaa karaa Oromoon keessa darbe agarsiisa: “Karaa kam irra deemnee rakkoo akkam keessa dabarree as geenye isa jedhu ibsuu xurii bara dhibbaa dhiigaan sirraa dhiqnee,- Wareegama qaaliin alaabaa kee ol qabnee, Gammannee gammadii bokkuu deebifannee jedheen ibse” jedhu Obbo Mohaammad Qophee Walta TV irratti dhiyaatanii akka dubbatanitti.
'Xurii bara dhibbaa dhiigan sirraa dhiqnee...'
Faaruu alaabaa Oromiyaatin wal qabatee mormii dhiyeenya manneen barnoota magaala Finfinneetti ka'e keessaa tokko faarun kun diinummaa fi saboota gidduutti jibba kan uumudha kan jedhu ture.
Keesumaa sararoonni gara jidduu seenaa Oromoon keessa darbee fi gidiraa isarra gahaa ture ofirraa kaasuf gatii qabsoo itti baase ibsu: "Xurii bara dhibbaa dhiigaan sirraa dhiqnee, wareegama qaaliin alaabaa kee ol qabnee" jedhu irratti mormiitu ka'a.
Xuriin bara dhibbaa dhiigan dhiqame sun maali? Alaaban biyyaa tokkichi osoo jiruu alaabaa dabalataa maalif ol-kaasun barbaachise? kanneen jedhan gaaffilee ka'aniidha.
Obbo Mohaammad qophee garuu kana "itti yaaden barreesse" jedhu. "Alaabaa dhaabbanne hin jenne, alaabaa kee ol qabnen jedhe. Alaaban kun isaan dura jira. Xuriin bara dhibbaa kun osoo nutti hin dhufin dura alaabaa qabna.
Namatu alaabaa keenyarra ijjatee gadi qabe, sana ol qabne. Itti yaadetan godhe. Har'a warra alaabaa keenya gadi qabetu maalif olqabdan, maalif waggaa dhibba cunqurfamne jettan nuun jedha," jechuun garaa garummaa alaabaa dhaabbachuu fi alaabaa ol qabuu gidduu jiru himu.
Namoonni alaabaa Oromiyaa qeeqan garuu miidiyaa hawaasaa gubbaatti akka waan naannon Oromiyaa akka biyyaatti alaabaa dhaabbateefi yaada kana ammoo magaala Finfinneerratti fe'eetti osoo dubbatanuu mul'atu.
"Xurii bara dhibbaa dhiigaan sirraa dhiqnee" kan jedhu ammoo dhiibbaa fi hacuuccaa waggoota dhibbaaf Oromoorra ture sana gatii dhiigan injifachuu agarsiisuf akka barreessan dubbatu.
Faaruu kana keessatti "xurii" jechi jedhu "garbummaa" uummanni Oromoo keessa ture ibsuuf akka itti fayyadaman ibsan Obbo Mohaammad.
"Garbrummaan xuriidha, fafa, waan nama jibbisiisudha. Dubbii dachaatinan xurii bara dhibbaa dhiigan sirraa dhiqnen jedhe. Wareega kaffallee kan jedhus asuma keessa jira. Har'a achi keessaa baane, qabsoodhan injifanne jechuudha," jechuun homaa waan nama walitti buusu akka hin taane ibsu.
Akka isaan jedhanitti, faarun alaabaa Oromiyaa namoota gidduutti jibba kan uumu osoo hin taane inumaayyuu uummatoota gidduutti jaalallii fi tokkummaan akka dagaagu kan jajjabeessu akka ta'e himu.
Sarri faaruu alaabaa : "Misoomaa amansiisaa guddina hatattamaa, Ummatootaa wajjiniis jaalalaafi tokkummaa, wabii jireenyaatiif goonee kaayyoo cimaa" jedhu uummatoota walitti fiduu fi tokkumaa isaanii cimsuuf akka barreessan himan Obbo Mohaammaf Qophee.
Bulchiinsi magaala Finfinnee gama isaatiin rakkoo faaruu alaabafi alaabaa Oromiyaa wajjin wal-qabatee manneen barnootaa keessatti uumame hiikaa akka jiruufi ajandaa jiraattota magalattii akka hin taane ibsuun sirna barnootaa ofii isaa qopheessaa akka jiru beeksisee jira.
Yeroo ammaa kana manneen barnootaa Finfinneetti argaman 557 keessaa manneen barnootaa 403 keessatti Afaan Oromoon barsiifamaa jiraachuu Itt-Aanaa Hoogganaa Kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee kan ta'an Obbo Salamoon Dibaabaa BBCtti himanii turan.