Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan IMF irraa liqaa dolaara biliyoona lama gaafatte
Itoophiyaan dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa yoo xiqqaate liqaa dolaara biliyoona lama argachuuf gaafachuu Rooyitars gabaase.
Itoophiyaan dinagdeeshee sababii waraanaafi haala addunyaatiin dadhabe si’omsuudhaaf IMF irraa maallaqa argachuuf yaalaa jiraachuu maddeen afur beekurraan argadhe jechuun Rooyitars gabaaseera.
Torbanoota darban keessa qondaalonni Itoophiyaa olaanoofi aanga’oonni IMF Finfinneefi Waashingitanitti marii gaggeessaa akka turan ni yaadatama.
Deeggarsa IMF Itoophiyaaf kennuu danda’u irratti ‘‘hojii teekinikaa raawwachuuf’’ qondaalonni dhaabbatichaa torban tokkoo ol Finfinnee keessa turuu isaanii Biluumbarg gabaasee ture.
Turtii aanga’oonni IMF Itoophiyaatti taasisan kun erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture dhaabbateen booda yoo ta’u, yeroo biyyattiin dinagdee walitti bu’insaafi hongeedhaan miidhame akka dandamatuuf carraaqaa jirtuttidhas.
Sababa waraana wagga lamaaf gaggeeffamaa tureen IMF dabalateevhariiroo Itoophiyaan jaarmayaalee maallaqaa idil-addunyaa gara garaa waliin qabdu laafee akka ture ni beekama.
Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa gaaffii liqaa maallaqa guddaadha jedhe Itoophiyaarraa dhiyaate kana ilaalchisuun [idaa] biyyattiirra jiru waliin ilaalaa kan jiru yoo ta’u, mariin IMF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti qofa gaggeeffamaa jiraachuu madden maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadan Roohitarsitti himaniiru.
“Deeggrsa Itoophiyaan dhaabbaticharraa argattu ilaalchisuun hanga ammaa wanti murtaa’e hin jiru; qaamoleen lachanuu liqaan waara’aa akka ta’uuf waan isaanirraa eegamu hojjechaa jiru,” jedheera maddi Roohitars kun.
Roohitars dhimma kana ilaalchisuun aanga’oota IMF, Ministeera Maallaqaa Itoophiyaafi Baankii Biyyaalessaa irraa odeeffannoo dabalataa gaafatus deebii hin arganne.
Hojmaata IMF qabuun idaa mijeessuu ykn sisirreessuu biyyoota galii gadi aanaa qabaniif akka taasifamuuf waggaa lamaan dura gaafachaa turteetti Itoophiyaan.
Haata'u malee, waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame adeemsa kana walxaxaa taasiseera. Mariin dhimma liqaa kennuu, sissirreessuufi haquu IMF fi Itoophiyaa gidduutti taasifamaa ture sababa waaraanaatiin harkifatee ture.
Torban tokko dura yeroo jilli IMF gara Finfinnee dhufanitti dubbi-himaan dhaabbatichaa akka jedhetti, Itoophiyaan jijjiirama dinagdee taasiftuuf deeggarsi maallaqaa akka taasifamuuf gaafatteetti.
“Deeggarsi kennamuu danda'u fooyya'insa dinagdee maddi isaa biyya keessaa ta'e taasisuuf, hojii uumuufi hiyyummaa hir'isuuf kan oolu ta'a," jedhe dubbi-himaan kun.
Gareen ogeessota IMF turtii Finfinneetti aanga'oota Itoophiyaa waliin deeggarsa dinagdee maddi isaa biyya keessa ta'e foyyeessuuf taasisan irratti dubbatan gaarii akka ture ibsamees ture.
Biluumbarg akka jedhetti, Itoophiyaan mancaatii sababa waraanaatiin ishee mudate deebistee ijaaruudhaaf, akkasumas hanqina sharafa alaa ishee mudate dandeessee omishawwan barbaachisoo ta'an kaffaltee alaa galchuudhaaf deeggarsa ishee barbaachisa.