Maqaleetti haleellaan qilleensarraa raawwatamuun ibsame

Madda suuraa, Tigray TV
Magaala Maqalee keessatti haleellaa qilleensarraa raawwatame aang'oonni TPLF fi sabaa himaan naannichaa beekisan.
Mootummaan haleellaan kun raawwatamuu booda ibsa baaseen ammoo naannolee adda bahan irratti haleellaan akka gaggeefamu beeksise.
Miidiyaan naannoo Tigraay Tigraay TV suura gamoowwan diigamanii kan agarsiise yoo ta’u, haleellaa qilleensarraa kanaan namoonni nagaa ajjeefamuus gabaaseera.
Aheellaan qilleensarraa raawwatame kunis daa’imman lama dabalatee, you xiqqaate namoota afur ajjeesuu Roohitars hogganaa hospitaala magaalicha keessa jiru tokko waabeffachuun gabaaseera.
Haleellaan qilleensaa kun dhagaahamuu sa'aa tokko booda Ministeerri tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen, naannolee filataman irratti haleellaan akka raawwatamu beeksiseera.
Waayee haleellaa amma gabaasamee hoomaa kan hin jenne ibsichi, ''mootummaan buufataalee waraanaa 'Juntaa' filataman ni haleela,'' jedheera.
Lammiileen naannoo Tigraay keessa jiraatan keessumaa, ''bakka kuusaa meeshaa waraanaafi buufataalee leenjii waraanaa jirtan naannolee kanaa akka of fageessitan'' jechuun akeekkachiiseera.
Televizhiniin Tigraay kan naannoo Tigraay keessatti argamu haleellaan qilleensaa kun Jimaata guyyaa sa'aa 6:40 irratti kutaa magaalaa Maqalee naannoo Sameen Kifla Katamaa jedhamutti bakka oolmaa daa'immaniitti raawwatame jechuun gabaase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbii himaan TPLF Getaachew Reddaa haleellaa qilleensaan namootni nagaan miidhamuu tiwiitara gubbaatti barreessaniiru.
Haleellaan amma mudate kun waraanni gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuuf jecha dhukaasa dhaabuu labsame hordofee ji’oota shaniif tasgabbaa’ee ture torban kana keessa deebiyee jalqabe kun hammaachuu isaa agarsiisa.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen, haalduree malee mariyachuuf ejjennoon mootummaan qabate akkuma eegametti ta'ee '' qaama farra nageenyaa kanaaf galtee waraanaa ta'an irratti haleellaan xiyyeefate itti fufa,'' jedheera.
Kaaba Itoophiyaa bakkeewwan naannolee Tigraay, Aamaaraafi Affaar waliin waldaangessan irratti walitti bu'insi akka haaraatti jalqabame kun guyyaa sadaffaa isaa keessa jira.
Hanga ammaatti garuu waa'ee waraana bakkawwan sana jiruu odeeffannoon qaamolee lamaan irraa bahu hin jiru.
BBCn walitti bu'insa gaggeeffamaa jira jedhame kana ilaalchisuun qaamoleen lachanuu irraa odeeffannoo argachuudhaaf carraaqqiin taasise deebii argachuu hin dandeenye.
Hawaasni idil-addunyaa waraana Kaaba biyyattiitti gaggeeffamaa jiru furuuf filannoo nagaa mootummaan Itoophiyaa filate deeggaruu qaba jedhe Waajirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa.
''Gareen TPLF waraana malee jiraachuu hin dandeenye, karra nagaaf baname hunda cufaa jira'' jedhe Waajirri kun ibsa Jimaata Hagayya 26, 2022 baaseen.
Walitti bu'insa kana abbaan dura jalqabe inni tokko isa kaan himachaa kan jiru yoo ta'u, dhaabbileen idil-addunyaafi mootummoonni humnoonni TPLF fi mootummaan Federaalaa walitti bu'insa kana dhaabanii mariif akka taa'aniif waamicha dhiyeessaa jiru.
Jimaata har'aa ganama bilbilli kan addaan cite ta'us, namoonni gara ganamaa maatii isaaniitti bilbilanii argachuu danda'an BBCf akka ibsanitti, bakkawwan Qobboo irraa fagaatanii jiranitti halkan dhukaasni meeshaa gurguddaa dhaga'amaa tureera jedhan.
Warri bakkawwan dhukaasni meeshaaleen gurguddaa itti dhaga'amu jiraatan, gadhiisanii ba'uudhaaf kan yaalan ta'us bulchiisni bakka snaa hojii tasgabbeessuu hojjecha jiraachuu dabalanii ibsaniiru.
Akkuma kana aanaa Raayyaa Qobbootti uummanni naannawaa isaa dammaqee akka eggatuuf itti himama jiraachuu ibsaniiru.
TPLF waraanaaf qophaa'aa akka tureefi marii irraa fagaachuuf sababa barbaadaa ture kan jedhe mootummaan ammoo, Roobii ganama haleellaa baneera jechuun himateera.
sababa waraana ji'oota baayyeef gaggeeffameen Kaaba Itoophiyaatti, keessattuu Tigraay keessatti rakkoo namoomaa hamaan uumamuun isaa ni beekama.
Waraanni kun gargaarsa namooma gufachiisuu isaatiin namoonni kuma dhibba hedduutti lakkaa'aman beelaaf saaxilamuun isaanii himamaa kan ture yoo ta'u, erga dhukaasa dhaabuun namoomaaf taasifameen booda gargaarsi dhiyaachuu jalqabee utre.
Haa ta'u malee, waraanni deebiyee jalqabame kun gargaarsa dhiyeessuu gufachiisuun namoonni miliyoonaan lakkaa'aman gargaarsa eeggatan balaaf saaxiluu akka danda'u sodaa uumeera.
Karaa warra araarsaniitiin mariin nagaa yeroo dhiyootti jalqabama jedhamee eegamullee, osoo mariin kun dhugaatti hin jalqabamiin waraanichi jalqabameera.
Ta'us garuu, ammayyu qaamoleen lamaan gara mariitti deebiyuudhaaf fedhii akka qaban ibsa ajiru.












