Waraanni Kaaba Itoophiyaa deebiyee hammaateefi yaaddoo jiraattota naannawaa waraanichaa

Loltoota duulaa jiran

Madda suuraa, AFP

Ji'oota muraasaaf tasgabbaa'ee kan ture waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffama ture A L I Hagayya 18, 2014 deebiyee hammaachuun gara dhiiga wal dhangalaasuu hamaa ta'etti deema jechuun yaaddoo uumeera.

Walitti bu'insa kana abbaan dura jalqabe inni tokko isa kaan himachaa kan jiru yoo ta'u, dhaabbileen idil-addunyaafi mootummoonni humnoonni TPLF fi mootummaan Federaalaa walitti bu'insa kana dhaabanii mariif akka taa'aniif waamicha dhiyeessaa jiru.

Kaaba Itoophiyaa bakkeewwan naannolee Tigraay, Aamaaraafi Affaar waliin waldaangessan irratti walitti bu'insi jalqabame kun guyyaa afraffaa isaa keessa jira.

Hanga ammaatti garuu waa'ee waraana bakkawwan sana jiruu odeeffannoon qaamolee lamaan irraa bahu hin jiru.

BBCn walitti bu'insa gaggeeffamaa jira jedhame kana ilaalchisuun qaamoleen lachanuu irraa odeeffannoo argachuudhaaf carraaqqiin taasise deebii argachuu hin dandeenye.

Jimaata har'aa ganama bilbilli kan addaan cite ta'us, namoonni gara ganamaa maatii isaaniitti bilbilanii argachuu danda'an BBCf akka ibsanitti, bakkawwan Qobboo irraa fagaatanii jiranitti halkan dhukaasni meeshaa gurguddaa dhaga'amaa tureera jedhan.

Warri bakkawwan dhukaasni meeshaaleen gurguddaa itti dhaga'amu jiraatan, gadhiisanii ba'uudhaaf kan yaalan ta'us bulchiisni bakka snaa hojii tasgabbeessuu hojjecha jiraachuu dabalanii ibsaniiru.

Akkuma kana aanaa Raayyaa Qobbootti uummanni naannawaa isaa dammaqee akka eggatuuf itti himama jiraachuu ibsaniiru.

Haata'u malee, jiraattonni bakkawwan waraanni deebiyee itti jalqabametti dhiyoo jiran hanga Kamisa Hagayya 25, 2022 galgalaatti waan jiru ilaalchisuun dubbiseera.

Bakkawwan naannoleen Tigraay fi Amaaraa waldaangessaniifi humnoota Federaalaafi Tigraay gidduutti walitti bu'insi deemaa jira jedhamerraa kiiloomeetira 20 fagaattee kan argamtu magaalaa Qobboo irraa jiraattonni Roobii irraa kaasanii dhukaasa meeshaa waraanaa gurguddaa akka dhagahan Kamisa galgala BBCtti himaniiru.

Jiraattonni kunneen maqaan isaanii akka hin dha'amne hayyamamoo kan hin taane yoo ta'u, erga waraanichi jalqabeen booda sagaleen dhukaasaa dhaga'amu yaaddoo akka itti uume himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Dhukaasa meeshaa gurguddaa dhagahaa jirra. Hanga ammaa dhukaasni addaan hin cinne. Waraanichi cimeera. Humni dabalataas gara bakka sanaa galaa jira" jechuun jiraattuun tokko haala jiru BBCf ibsiteetti.

Jiraataan biraa sagaleen dhukaasa meeshaa gurguddaa dhaga'amuun itti fufeera, kun ammoo jiraattota naannawaa sana jiran yaaddoo itti uumeera jechuun ibsa.

Namoonni tokko okko ammoo "gara magaalaa dhiyoo jiruu" deemuu isaanii BBCtti himaniiru.

Qote-bulaan Qobboo jiraatu Rooyitarsi dubbise tokko ammoo, "kan gaafa Roobii caalaa Kamisa dhukaasni meeshaa gurguddaa irra deddeebiin dhaga'aama jira," jechuun humni ittisaafi humni addaa naannoo Amaaraa gara bakka waraana sanaatti galaa akka jiran ibseera.

Waraanni kun kaaba naannoo Amaaraatti aanaa Qobboo keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, akkuma kana ammoo aanaalee naannoo Affaar keessatti sagaleen dhukaasa meeshaa gurguddaa akka dhaga'mu jiraattonni ibsaniiru.

Waraanni kun debiyee kan hammaachuu jalqabe ji'oota ja'an darban keessa humnoonni Tigraay fi mootummaan marii taasisuudhaaf hayyamamoo ta'anii qophiirra osoo jiraniiti.

Gaafa Roobii haleellaan narratti raawwatameera jechuun TV Tigraay irratti kan beeksisan humnoonni Tigraay, humnoonni milishaa Amaaraa, Faannoo fi raayyaan ittisa biyyaa waliin qindaa'uudhaan kallattii kibbaan haleellaa bal'aa gaggeessuu jalqabaniiru.

TPLF waraanaaf qophaa'aa akka tureefi marii irraa fagaachuuf sababa barbaadaa ture kan jedhe mootummaan ammoo, Roobii ganama haleellaa baneera jechuun himateera.

Karaa daangaa naannoo Amaaraafi Affaar waraanni jalqabamuu hordofee jiraattonni daangaarra jiran waraanni kanaan dura dhalatee ture dabalamuu danda'a sodaa jedhu isaanitti uumuu dubbatu.

sababa waraana ji'oota baayyeef gaggeeffameen Kaaba Itoophiyaatti, keessattuu Tigraay keessatti rakkoo namoomaa hamaan uumamuun isaa ni beekama.

Waraanni kun gargaarsa namooma gufachiisuu isaatiin namoonni kuma dhibba hedduutti lakkaa'aman beelaaf saaxilamuun isaanii himamaa kan ture yoo ta'u, erga dhukaasa dhaabuun namoomaaf taasifameen booda gargaarsi dhiyaachuu jalqabee ture.

Haa ta'u malee, waraanni deebiyee jalqabame kun gargaarsa dhiyeessuu gufachiisuun namoonni miliyoonaan lakkaa'aman gargaarsa eeggatan balaaf saaxiluu akka danda'u sodaa uumeera.

Karaa warra araarsaniitiin mariin nagaa yeroo dhiyootti jalqabama jedhamee eegamullee, osoo mariin kun dhugaatti hin jalqabamiin waraanichi jalqabameera.

Ta'us garuu, ammayyu qaamoleen lamaan gara mariitti deebiyuudhaaf fedhii akka qaban ibsaa jiru.