Jeettiin waraanaa Kooriyaa Kibbaa shaakalarra ture 'dogongoraan' bombii darbatee hedduun miidhaman

Kooriyaa Kibbaatti erga jeettiiwwan waraanaa lama osoo shaakala irra jiranu boombii saddeet naannoo jireenyaa namoota nagaa irratti ''dogongoraan'' darbatanii namoota 15 irra miidhaan qaqabeera.

Isaan keessayis lama ammoo miidhaa cimaadhaaf saaxilamusaan yoo ta'u, kunis jeettiiwwan kunneen Kamisa kaleessaa kallattii dhukaasaa dogongoraa irratti boombicha darbachusaanittin kan mudate ta'u miidiyaalee biyya keessaa gabaasan.

Taatee kunis xiyyaara humna qilleensaa KF-16 kan hirmaachise yoo ta'u, magaalaa Pocheon kan dhiheenya Kooriyaa Kaabaattuufi bakka shaakala idilee biyyattiin haleellaa Kaabaa irraa dhufuu kam irrattiyyuu qophii lolaa taasisuuf shaakala itti gaggeessitu ture.

Humni Qilleensaa Kooriyaa Kibbaa taatee kana qorachaa akka jiru ibsuun, miidhaa qaqqabeef dhiifama gaafachuun namoota miidhamaniif beenyaa akka kennu ibseera.

Dhuukaasni tibba shaakala dhukaafamu yeroo tokko tokko kallattiin bira darbuun dhiheenya naannoo mana jireenyaa siiviilii kan bu'u yoo ta'u, darbee darbees miidhaa ni geessisa.

Akka gabaasa miidiyaalee biyya keessatti, namoonni lamarratti miidhaan mormaa fi gateetti irra gaheera.

Maanguddoon waggaa 60 yeroo dhohinsichi mudateetti konkolaataa oofaa turan dhokaatuun marmasaanii irra rukuutuu miidiyaan biyya keessaa Yoonhaap gabaase.

''Yeroon sagalee dhohiinsaa dhagahuutti oofaan ture. Yeroon of baruutti ammoo ambulaansii keessattan of arge'' jedhan.

''Jeettiin waraanaa KF-16 keenya haala malee boombiiwwan MK-82 saddeeti darbatan. Isaanis kiyyeerrannaa dhukaasaatiin alatti kufan'' jedhe ibsi humni qilleensaa Kootiyaa Kibbaa BBC'f kenne.

Waraanni akka jedhetti, balaliisaan jeettii tokkoo qiyyeeffannaa dogoggoraa galchee, boombiin hawaasa siiviilii keessatti akka gadi bu'u taasise.

Jeettiin lammaffaan ammoo maaliif boombii isaa akka darbate hanga ammaatti hin mirkanoofne kan jedhe waraanichi, shaakala dhukaasa kallattiin raawwatamu hundi akka addaan citees ibseera.

Sababa taatee kanaatiin gamoo mana amantaa tokkoo fi manneen jireenyaas miidhamaniiru.

Suuraaleen miidiyaalee biyya keessaarratti maxxanfaman akka mul'isaniitti, foddaan gamoo tokkoo cabuufi foddaan bataskaanichaa miidhameera.

Jiraataan naannoo sanaa tokko Yonhaap'tti akka himetti, yeroo dhohiinsi mudatuutti mana keessa taa'uun televijiinii ilaalaa kan ture yoo ta'u, dhohinsi "akka balaqqeetti" dhaga'ame kunis mana raasee ture.

Daareektarri jidduugala kunuunsa lammiilee maanguddoo naannichatti argamuu akka jedhaniitti, foddaan gamoo cacabuu fi barsiisaan isaanii tokko miidhaa irra gaheef mana yaalaatti geeffameera.

Maanguddoota keessaa kan miidham kan hin jirre yoo ta'u, ''baayyee sababii sodaataniif akka hundasaanii gara manasaaniitti erginuuf nu gaafatan'' jedhan.

Kamisa ammoo wayita dhootuuwwan boombii qullefamaa tureetti jiraattoonni naannicha keessaa baafamanii turan jedhameera.