Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisoonni Oromiyaa 'lapheerra dhahuun nama galaafatan' hidhaan waggaa 11 itti murtaa’e
Miseensonni poolisii Oromiyaa lama ajjeechaafi yakka malaammaltummaan himannaan irratti dhihaate yakkamaa ta’uu isaanii mirkanaa’ee hidhaan waggaa 11’n itti murtaa’e.
Waldhibdeen kun sababa lola dhuunfaan himannaa ''narra ejjette’’ jedhurraa kan jalqabe ta’uu, Abbaan Alangee Godina Harargee Bahaa dhimmicha hordofan BBC’tti himaniiru.
Dhaddacha irratti poolisoonni kunneen badii akka hin raawwanne ibsuun waakkataniiru. Ta’us ragaa irratti dhihaate ofirraa ittisuu akka hin dandeenye ibsameera.
Abbaan alangee badiin raawwate jabaa ta’uufi murteen darbe gahaa miti jechuun ol iyyannoo akka gaafatullee hime.
Maaltu ta’e?
Yakki kun Baha Oromiyaa, Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannoo Magaalaa Baddannoo keessatti raawwatame.
Hoogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa, Obbo Asladdiin Ahimadnuur BBC’tti akka himanitti, walitti bu’iinsi poolisii tokkoofi nama yeroo ammaa lubbuun hin jirre gidduu jalqabe.
''Iddoo sanyii filatamaa hawaasaaf itti raabsamutti …miilarra na ejjette’’ jedhuun Gargaaraa Saajin Jamaal Jibriil fi namichi boodarra du’e walitti bu’an.
Gaafas namoonni gidduu seenanii akka gargar qaban galmeen isaanii ni agarsiisa. Garuu dhimmichi sanumaan hin dhaabbanne.
Akka Abbaan Alangee jedhanitti, himatamaan afraffaa faana nama badiin irratti raawwate hordofuun, himatamaa tokkoffaa kan namicha waliin walitti bu’etti odeeffannoo kennuu eegale.
Miseensonni poolisii sadii ALI Ebla 28, 2014 Magaalaa Baddannoo Ganda 01 keessatti nama badiin irratti raawwate kanas ‘karaa waajjira faayinaansii geessu’ arganii to’atan.
''Fuudhaniiti [namoonni sadan] waajjira poolisii ykn turmaata duuba geessanii tuman [reeban]. Kuun kopheedhaan, kuun qomarra, kaan booksiidhaan tumanii miidhaa irraan gahan.
''Sababa miidhaa irra gahe kanaan dhangala’oon sombarratti kuufame [dhukkubsate],’’ jechuun himan.
''Eega akkasitti tuman boodallee mana hidhaa toora guyyaa sadii ta’u bulchan. Sanirraa kan ka’e namni du’aan [kan boqote] kun dhukkubsatee eega bahe booda du’e jechuudha,’’ jechuun BBC’tti himan.
Osoo hidhaa keessa jiru garuu haadha warraa nama du’e kanaa irraa qarshii 3,000 fidi siif hiikna jedhanii harkaa fudhachuu Abbaan Alangee himaniiru.
Akka manni murtii ibsetti nami yeroo ammaa lubbuun hin jirre Sammaan Shariif jedhamu haleellaan irra gaheen yaalarra osoo jiruu, torban tokko booda jechuunis ALI Caamsaa 06, 2014 lubbuun isaa darbe.
Namoonni shakkamanii qoratamaa turan miseensota poolisii sadii dabalatee namoota afur turan.
Himannaan irratti banamees ''yakka ajjeechaa, mattaa’aa fudhachuufi hidhaa seeraan alaa raawwachuun’’ kan jedhudha.
Erga badiin raawwate booda poolisoonni kunneen to’annoo jala oolanis, ALI Fulbaana 25, 2015 ture himannaan kan irratti baname.
Himatamtoonni seera yakkaa keewwata 32 fi 539 (1,a), keewwata 423 akkasumas labsii yakkoota malaammaltummaa lakkoofsa 881/2007 keewwata 10(1) bira darbuun himataman.
Shakkamtoonni badii hin raawwanne jedhanii waakkatanis, ragaa namaafi sanadaa irratti dhihaaten yakkamaa ta’anii argamuu Abbaan Alangee himaniiru.
Ragaa irratti dhihaate keessaa tokko ragaa mana yaalaati. ''Irra guddaa sababa du’aa jedhamee ragaan yaalaa nu kennamees dhahicharra dhangala’oon sombarra kuufameeti du’aaf saaxilame,’’ jedhan.
Akkaatuma kanaanis, dhaddacha ALI Guraandhala 14, 2015 ooleen ''miseensonni poolisii lama waggoota 11 fi qarshii 10,000 kan mata mataadhaan’’ itti murtaa’u himan.
Kunneenis Gargaaraa Saajin Jamaal Jibriil fi Saajin Olaanaa Suleeyimaan Adam akka jedhaman ibsame.
Himatamaan afraffaa qarshii haadha warraa irraa fuudhee poolisootatti geesse ''daddabarsa matta’aa/malaammaltummaan’’ yakkamaa ta’e baatii 10 fi qarshii 1,000 adabame.
''Yakkichi haalaan cimaafi sukanessaadha. Adabbiin kenname xiqqisho. Gahaa miti yaada jedhu qabna. Kan ol iyyannu ta’uu isaati,’’ jechuun Abbaan Alangee BBC’tti himan.
Bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti humnooti poolisii badiiwwan garagaraan komiifi himannaan irratti ka’us dhimmichi mana murtii gahee yoo haqa argatu baay’inaan hin mul’atu.