Arsenaal v Man Yunaayitid: Eenyu mo'ata?

Arsenaal bara kana Piriimer Liigii Ingiliiz taphoota 18 hanga yoonaatti taphateen takkaa qofa mo'ame. Kunis Maanchester Yunaayitidiin Oold Tiraafoord irratti ture.
Amma ammoo yeroon gahee gareen lamaan har'a dirree Arsenaal, Emiratis Istaadiyeem irratti waliif ba'uuf jiru.
Arsenaal ammoo torban kana keessa taphataa cimaa warra Biraayitan Liyaandiroo Tiroosaard fidatee hamilee gaarii duraan qabu daran cimsateera.
Eenyuti mo'ata?
Ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Satan dorgommii Arsenaal fi Maanchester Yunaayitid gidduutti gaggeeffamuufi taphoota Piriimer Liigii biroo eenyu akka mo'atu tilmaamee ture.
Kiriis Satan tapha Kamisa galgala Maanchester Siitiifi Tootenhaam gidduutti gaggeeffame abbaa mo'atu tilmaamee ture.
Akka tilmaama isaatti Maanchester Siitiin 3-1n Tootenhaamiin mo'ata jedhee ture garuu 4-2n mo'ate.
Arsenaal bara kana jalqaburraa kaasee cimee itti fufeera. Maanchester Yunaayitd ammmoo taphoota gara jalqabaa mo'amus dhiyeenya keessa erga leenjisaa eriik Ten haag argatee walitti fufee mo'achuun amma Piriimer Liigii keessatti sadarkaa sadaffaarra gaheera.
Sambata

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Liiverpuul VS Chelsii
Kilaboonni lamaanuu bara kana gahumsa duraan qaban agarsiisaa hin jiran kan jedhu Satan, tapha kanaan eenyu akka mo'atu tilmamuun akka itti ulfaatu dubbatee ture.
Liiverpuul torban darbe Biraayitaniin 3-0n mo'amee ture. Haata'u malee, Liiverpuul dorgommii waancaa FA CUP taasifamuun Wolvisiin mo'atee marsaa itti aanutti darbeera.
Chelsiis taanaan ciminni isaan barana qaban amansiisaa miti kan jedhu Kiriis Satan, gareen lachuu qabxii sadii argachuun dharraa itti ta'aa dhufeera jechuun 1-1 xumurama jedhee ture.
Taphni Liiverpuuliifi Chelsii gidduutti kaleessa gaggeeffame kun garuu 0-0n xumurame.
Taphoota Piriimer Liigii biroo Sambata taphatamaniin Nootinghaam Forest Barnimaawoziin 1-0n mo'ata jedhee ture. Tapha kanaan garuu jarri 1-1n walqixa bahan.
Biraayitan ammoo Leester Siitiin 2-1n mo'ata jechuun tilmaamee turus, isaan kunis goolii 2-2n walqixa bahaniiru.
Saawozhampitan Aston Viilaa waliin, Kiristaal Palaas ammoo Niiwukasil waliin 1-1n xumurama jechuun tilmaama isaa kaa'eera Satan.
Haata'u malee, Aston Viilaan Saawozhaapitaniin 1-0n mo'ateera, Kiristaal Palaasiifi Niiwukasil ammoo akka inni jedhe 1-1n osoo hin taane 0-0n walqixa gargar deeban.
Taphni West Ham fi Everten Sambatuma taasisan ammoo akka tilmaama Satan kanaatti goolii tokko malee xumurama. Garuu dhugaan jiru West Ham 2-0n Everten injifateera.
Dilbata
Xiinxalaan kubbaa Kiriis Satan tapha Liidis fi Bireentiford waliin har'a taasisan irratti goolii afuritu lakkaa'ama jedhe. Kanaaf, taphni kun 2-2n xumurama jechuun tilmaameera.
Piriimer Liigii dursaa kan jiru Arsenaal waliin garaagarummaa qabu gara qabxii shaniitti kan xiqqeeffateeru maanchester Siitiin Dilbatau har'aa galgala kana Wolvis waliin taphata.
Tapha kanaan Maanchester Siitiin 2-0n Wolvis akka mo'u tilmaame.
Arsenaal V Maachester Yunaayitid
Taphni guddaan torban kana keessa haalaan eegamu Arsenaal fi Maanchester Yunaayitid gidduutti har'a kan gaggeeffamudha.
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal dura dhaabbachuudhaaf taphattoonni Maanchester Yunaayitid warri akka Rashford, Fernandeez fi Erkisan gahumsa gaarii irratti argamu jedheera Satan.
Haata'u malee, walitti aansee kaarddii kelloon waan itti agarsiifameeruuf Kasemiiroon tapha kanarraa hafuun Maanchester Yunaayitidiif yaaddoodha.
Maanchester Yunaayitid gara cimina duraan qabuutti deebiyaa jiraatus, Arsenaal kaka'umsa guddaarratti waan argamuuf ni mo'ata jedhe Kiriis Satan.
Kanaaf Arsenaal 3-0 Maanchester Yunaayitd mo'ata jedhee tilmaameera.

Madda suuraa, Getty Images
Wixata
Darbii Landan Kaabaa Dilbata darbe dirree isaarratti Arsenaaliin 2-0n kan mo'atame Tootenhaam Kamisa galgalas Maanchester Siitiidhaan 4-2n mo'ameera.
Wixata dhufu ammoo gara Fuulhaam deemee gara mo'achuutti deebiyuudhaaf ni yaala jedha Satan.
Haata'u malee, taphni Fuulhaam warra Tootenhaamiif salphaa hin ta'u jedhe ogeessi kubbaa miilaa kun.
Akka tilmaama Satan kanatti Fuulhaam Tootenhaamiin 2-1n mo'ata. Kana gochuun ammoo dhiibbaa leenjisaa Tootenhaam Antooniyoo Kontee irratti jabaataa dhufe hammeessu jechuudha.
Fuulhaam tapha kanaan yoo mo'atan Tootenhaam darbanii sadarkaa shanaffaarra gahuu danda'u.
Piriimer Liigii Ingiliiz Arsenaal qabxii 47n dursaa jira. Tapha dabalataa tokko kan taphateeru Maanchester Siitiin ammoo qabxii 42n sadarkaa lammaffaarra jira.
Maanchester Yunaayitid, Niiwukasil, Tootenhaam fi Fuulhaam walitti aansuun hanga sadarkaa ja'affaatti qabataniiru.















