Haati gadameessa lama qabdu guyyaa lama keessatti ijoollee lama deesse

Waan baayyee hin baramnedha, dubartii'' miliyoona keessaa tokko" yoo mudatedha.

Dubartiin Ameerikaa gadameessa lamaa qabdu garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti ijoollee lama deesse.

Dubartiin kun daa'imman lamaan da'uuf sa'aatii 20'f ciniinsuu keessa turte.

Dubartiin kun maqaan ishee Kelsey Hacher jedhama. Umuriin ishee waggaa 32 guuteera.

Yunivarsiitii Alabaamaa Hospitaala Birminghaam (UAB) keessatti mucaa durbaa tokko Kibxata, ishee lamaffaa ammoo gaafa Roobii deesse.

"Daa'imman ajaa'ibaa" Kibxataafi Roobii gadameessa qabdu lamaan keessaa argatte miidiyaa hawaasaarrati yeroo beeksiftu, Aadde Kesley Hacher hakiimota ishee deessisan "ajaa'iba" jechuun jajatte.

Aadde Kesley akka jettutti, maatiin amma "ayyaana gammachuun dabarsuuf" manatti deebi'aniiru. Guyyaa da'umsashee kana Ayyaana Qilleerra oola jettee yaaddee ture.

Hospitaala UABtti ogeettiin da'umsaa haatiifi ijoollee lamaan nagaa ta'uu mirkaneessuun, namoonni hojii ishee kanaan walfakkaatu hojjetan "bara hojii isaanii keessatti tasa arganii kan hinbeekne" jechuun BBCtti himte.

Addunyaarratti taateen akkasii darbe darbee mul'ata.

Bara 2019 hakimni tokko Baangilaadeesh irraa BBCtti akka himanitti, dubartiin tokko ijoollee lakkuu deesse.

Dubartiin sun daa'ima jalqabaa otoo hin gahiin kan deesse yoo ta'u, ji'a tokko booda ammoo gadameessaa lammataa keessaa daa'imni kan biraa dhalate.

Aadde Kesley Hacher yeroo umuriin ishee waggaa 17 jiru ture gadameessa lama (uterus didelphys) akka qabdu kan itti himame.

Akka UAB jedhutti, gadameessa lama qabaachuufi lamaan isaan ulfaa'uun baayyee argamee kan hinbeeknedha. Gadameessa lama qabaachuufi lamaan isaani ulfaa'uun [uteri - a dicavitary pregnancy] baayyee argamee hin beeku "miliyoona keessaa tokkodha".

Aadde Kesley Hacher kanaan dura ulfa sadii fayyaalessa godhattee turte. Yeroo kana ammoo, hanga qorannoo altiraasaawondiin gadameessa lammaffaatiinis ulfoofte bartutti ganameessa tokko qofaanan ulfaa'e jettee amanti ture.

" Afuura dheeraan baafadhe... Nuti amanuuyyu hin dandeenye," jechuun guyyaa barte sana yaadatti.

Imala hin baramne keessa darbite kana fuula Instagram irratti itti fuftee ol kaa'aa turteetti.

UABn ulfa ishee akka waan barameetti ibseera. Da'umsa kana waliin kan hoogganan Prof Riichaard Deevis, daa'imni lamaanuu isaanii ''bakka gahaa guddinaafi dagaaginaaf barbaachisu gahaa'' akka argatan akeekaniiru.

Kunis daa'imni tokkoon tokkoon isaanii gadameessa ofii isaaniif waan qabaniif ture jedhe - ulfa lamaan idilee irraa adda.

Ciniinsuun Aadde Kesley Hacher torban 39tti kan jalqabe yoo ta'u, hordoffii hospitaalicha keessatti dachaa lama barbaada ture - akkasumas hojjettoota dachaa lama.

Hojjettoonni UAB ''ragaa ykn daataa hedduu'' harka isaanii akka hin qabne Dr Paatel BBC'tti kan himan yoo ta'u, beekumsa ulfa idilee irratti qaban hojiirra oolchuun dirqama ta'a.

Doktoroonni beekumsa deessisuufi wallaansa deessuu baramaa ta’een ala beekumsa dabalataa qorachuun ture jetti Dr. Paatel yeroo BBCtti himtu.

Daa'imman kunneen "sammuu mataa isaanii" akka qaban mirkanaa'aa ture. Lamaan isaanii garuu tooftaa gara garaatiin dhalatan.

Isheen jalqabaa Raaksii jedhamtu Kibxata naannoo sa'aatii 19:45tti karaama uumamaan dhalatte. Isheen lamaffaa Reebel jedhamtu ammoo Roobii saatii 10 ishee jalqabaa biraa haftee mala C-section jedhamuun dhalatte.

Prof Davis akka jedhanitti, daa’imman kunneen lamaan obbolummaa [fraternal twins ] jedhamuu danda'u - jechi kun yeroo daa'imni hanqaaquu adda ta'e irraa uumaman, tokkoon tokkoon isaanii isparmii adda ta'een kan hormaanidha.

"Dhuma irratti, yeroo tokkotti daa'imman lama garaa tokko keessa turan," jedha. "Appaartaamaa adda addaa qofa qaban turan."