Itoophiyaan himannaa Masriin ''Hidhi Haaromsaa Sudaanitti balaa lolaa uume'' jechuun dhiheessite kuffiste

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali
Masiriin ''hidhi haaromsaa qabiinsa sirrii ta'e dhabuun bishaan gadhiifame Sudaanitti lolaan akka mudate taasiseera,'' jechuun himannaa dhiheessite mootummaan Itoophiyaa kuffiseera.
Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa ibsa baaseen himannaan Masirii kun ''soba shiraan guutame'' jechuun deebii kenneera.
Osoo hidhi haaromsaa Guddichi Itoophiyaa hin jiraannee yeroo darbe ''roobni hamaan'' kutaalee baddaa Itoophiyaatti roobe Sudaan fi Masiriitti namaa fi qabeenya irraan balaa hamaa geessisuu danda'a jedha ibsi kun.
Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa ibsa Sambata har'aa (Onkoloolessa 4, 2025) baase keessatti ''Masiriin ibsa sobaan guutame, komii kan fakkaatuu fi dhugaarraa kan fagaatedha,'' jechuun himateera.
Ibsi Ministirri Bishaanii fi Jallisii Masirii baase ''hawaasa idiladdunyaa dogoggorsiisuuf'' akkasumas ''sobaan miidhamne jedhanii amansiisuu kan kaayyeffatedha,'' jedha ibsi gama Itoophiyaan ba'e kun.
Masiriin Jimaata kaleessaa (Onkoloolessa 3, 2025) baaste keessatti hidha haaromsaan ''seeraan ala'' jechuun waamte.
''Tarkaanfii maal na dhibdee'' bulchiinsi hidhichaa fudhateen balaan lolaa mudateera jechuun Itoophiyaa himatte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ibsi Masirii akka jedhutti Itoophiyaan guyyaa eebba pirojektii hidha haaromsaa yeroo bishaan dhangala'u agarsiisuuf jecha ''hamma bishaanii barbaachisuu ol kuustee turte,'' jedha.
Eebbi raawwatee borumtaa isaa bulchiinsi hidhichaa ''guyyaa tokkotti bishaan meetir kuubii miiliyoona 485 (sadarkaa olaanaa) irraan ga'uun isa booda gadi dhiisuuf murteessan,'' jedha ibsi Masirii.
Taateen kunii fi itti aansees akkaataa bishaan itti gadhiifamu irratti bulchiinsi hidhichaa to'annoo kan hin qabnee fi akka fedhetti kan raawwataa jiru ta'uu mul'isa jedha ibsi Masirii kun dabaluun.
Haala kanaan tasa bishaan guddaa gadhiisuun akkasumas bulchiinsa hidhichaan walqabatee sababoonni biroon ''dacheen qonnaa'' fi gandoonni Sudaan hedduun lolaadhaan akka liqimfaman taasiseera jechuun himatte Masiriin.
Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa ammoo himannaan dhihaate kun ''daba kan of keessaa qabuu fi bu'uura kan hin qabne'' ta'uu eeruun kuffiseera.
Ibsi gama mootummaa Itoophiyaan dhihaate kun hidhi kun ijaaramuu dura lolaan Hagayya keessa meetir kuubii miiliyoona 800, Fulbaana keessa ammoo meetir kuubii miiliyoona 750 ga'aa ture jedha.

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
Hagayya 2017 A.L.I garuu lakkoofsi kuni giddugalaan kiyuubiik meetirii miiliyoona 154.7 irraa gadi siquusaafi Fulbaana irratti ammoo kiyuubiik meetirii miiliyoona 472 tahee galmaa'uusaa hubachiiseera.
''Lakkoofsiyyuu ni dubbata'' kan jedhe ministeerri bishaaniifi inarjii hidhi kuni to'annoon bishaan Biluu Naayil irratti godhameen akka yaa'u gochuun ''biyyoota yaa'a gadii keessatti hawaasni argatu lolaa hamaa irraa akka eegamu gochuu,'' ibseera.
''Hidhi Haaromsaa otoo hin ijaaramnee waggoota darban keessa roobni yandoo naannolee baddaa Itoophiyatti mudate Sudaaniifi Masriitti lolaa namaafi bu'uuraalee misoomaa irratti balaa hamaa qaqqabsiisa ture,'' jechuunis faayidaa hidhichaa himeera.
Dabalataanis komiin Masrii himannaa qondaaloti Sudaan kaasanirraa ''faallaa'' akka tahe ibsi kun eerera.
Ministeerri Qonnaafi Masnoo Sudaan, ''sababiin lolaa Itoophiyaa wajjin hidhata akka hin qabneefi yaa'a bishaanii Naayil adiirraa kan dhufu dha,'' jedhe.
Dabaluunis qondaalota Sudaan lolaan kuni kan mudate ''jijjiirama haala qilleensaan akka taheefi lolli biyyattii keessa jiru bu'uuraalee misoomaa waan jijjigseef haalichi akka hammatu godheera,'' jechuu ibsichi eereera.
Ibsi Masrii ''maqaa ollotasheen mirga dubbachuu akka qabdu,'' godhee dhiyeesse jechuun kan eere ministeerri bishaaniifi inarjii, qondaaloti biyyattii waan Sudaan jette dhiisanii badii gara Itoophiyaa naannessuuf akka yaalan himeera.
Ministeerichi Sudaan wajjin hojjechuufi odeeffannoo wal jijjiruuf waliigaltee akka qabu akkasumas Hidhi Haaromsaa balaa hir'isuuf akka dandeessisu hubachiisuuf dhiyeenyaan qondaalota mootummaafi ogeessota wajjin akka hojjetu himeera.
''Itoophiyaan hidha haayidroo elektiriikii ijaaruufi bulchuun muuxannoo waggaa dheeraa kan qabdu yoo tahu Hidha Haaromsaa dabalatee kaanifis ogummaa olaanaa qabdu eegsisaa jirti,'' jedheera.
Qondaaloti mootummaa Masrii yaa'a Naayil irratti ''olaantummaa bishaanii'' qabaachuuf yaaluu dhiisanii biyyoota yaa'a kanaa wajjin tumsaafi badhaadhinaaf hojjechuuf ''dhugaa haaraa fudhachuu akka baratan,'' yaadachiiseera.








