Lagni Abbayyaa maaliif jireenya Masriif hangas murteessaa ta'e?

Laga Naayil

Itoophiyaan kaleessa hidha guddicha Afrikaa irraa isa jalqabaa ta'e kan laga Abbayya irratti waggota 14 hojjatamaa ture eebbisiftetti.

Lagni Abbay garreen Itoophiyaa keessaa madduun bishaan laga Naayil harka 85 ta'u gumachuun, Naayil laga Afrikaa keessaa isa dheeraa (6,650 km)fi biyyota 11 keessa qaxxamuru isa taasisa.

Biyyoota Afrikaa 11 landi kun keessa qaxxaamuru kunneen Burundi, Tanzaaniyaa, Ruwandaa, Keeniya, Ugandaa, Rippablika Demokiraatawa Koongoo, Itoophiyaa, Eritiraa, Sudaan Kibbaa, Sudaani fi Masrii keessa qaxxamuruun hanga galaana Meedatiriyaanitti fulla'a.

Itoophiyaa Masrii fi Sudaan ammoo biyyoota kaan caalaa kallattiin dhimma laga wal qabatuuf waggootaf takka mari'ataa takka wal himataa turaniiru.

Keessumaa Masriin hidhi guddaan Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti ijaaraa turte akka dhaabatuuf hanga Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti himannaa dhiyeessa turte, ammalee dhiyeessaa jirti.

Itoophiyaan gama isheen fedhii qabeenya qabdutti fayyadamuu fi misoomurraa kan hafe,fedhii biyyoota jireenyi isaanii laga sana irratti bu'ureeffatee miidhuu akka hin taane irra deddeebin ibsaa turte.

Wayita hidhu kun xumuramee eebbifamus MM, Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad Itoophiyaan fedhii ollaa ishee waliin guddachuurraa kan hafe bishaan biyyootni yaa'a gadii miidhuu akka hin qabne MM Abiy irra deebin mirkaneessaniiru.

Masriin biyyoota kaan caala guutummaan jireenya hawaasa biyyatti lagaa kana irratti waan hundaa'eef yaaddoon isheen hidha lagichaa waliin qabdu baayyee guddadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkamiin haalli jiruuf jireenya ummata Masrii laga kanatti akka hirkatee jiru muraasa haa ilaallu.

Waggoota kumaatamaaf lagi kun Masriif bishaan qofa hin turre. Utubaa jireenya biyyatti ture.

Laga ganna fi bona danbali'ee yaa'u kanaan lafti gammoojjii haalan ulfaataa keessa jirtu biyya magariituu fi waa hedduun badhaate ta'uu qofa utuu hin taane madda qaroomina addunyaa kanaaf akka gumaacha guddaa baaatu ishee taasiseera.

Osoo Lagni Abbay kan Naayiliif galtee guddaa ta'u kun hin jirre ta'ee silaa qaroomni Masrii durii- kan impaayeeroota seenaa addunyaa irratti beekamoo ta'an keessa tokko ta'e seenaa keessatti ka'u hin beekamu ture.

Laga Abbay Itoophiyaan hidha irratti ijaaruun xumurte kanatu lafa gammojji gogaa jiisee biyyee gabbataa uwwisee, qaroominan, qonnan, dinagdee fi guddinaan biyyatti badhaase.

Lagdi Abbay garreen Itoophiyaa irraa biyyoo gabbataa haree deemuun Masriitti lafa qonnaa fi jallisiif galtee guddaa fi bakka oomshi guddaan irraa argamuu godhe.

Jallisii fi biyyee gabbataa laga kanarraa argattuun biyyattiin, yoo xiqqaate waggatti marsaa sadiif oomishuu akka dandeessu ishee gargaarera.

Abbay biyyee qofa utuu hin taane albuudata Itoophiyaa haree biyyaa baasaa akka ture MM Itoophiyaa waa'ee eebbaa hidha laga abbayya ilaalchisuun dhiyeenya ibsa kennaniin himuun isaanii kan yaadatamuudha.

Jireenyi, qaroominni, falasamnii fi Amantiin hawaasa Masrii duriirraa kaasee lagicha irratti bu'ureeffatee jira.

Fakkeenyaaf seenaan laga Naayilii fi Amantii Masrii durii akka Ra, Osiris fi Isis jedhamaan laga kana waliin hidhata guddaa kan qabu.

Falaasamni,oduu durii fi sheekkoowwaan biyyatti keessattillee akka kennaa ummata Masriif waaqayyo kennetti seeneffama.

Kana qofa utuu hin taane haalli teessuma lafa Masrii har'a mul'atu kan bocame, lakkoofsi kalandarii biyyattiin har'a dhimma itti baatu kan bocame fi sadarkaan guddina biyyattii kallattiin laga Naayil waliin walitti hidhata.

Bishaan Hidha laga Abbayyaa booda bishaan yaa'u

Madda suuraa, Abiyi Ahimed

Har'as, lagi Naayil lammilee Masrii miliyoona 110 ol ta'aaniif lafee dugdaa ta'ee tajaajilaa jira.

Bishaan laga kanaa waqtii gannaa dambali'u biyyee lafa gammoojja'aa irra uwwisuun akka inni oomishaaf oolu taasisuudhan midhaan gosa adda addaa, kuduraalee fi muduraalee lamilee biyyatti soorurra darbee alatti akka ergamu taasisaa jira.

Lagni kun madda bishaan dhugaatii qulqulluu biyyatti,maddaa bashannanaa fi turizimii, madda annisaa fi haalaa jireenyaa biyyatti walii galaati.

Osoo laga Naayilii hin jiraatin, jireenya gammoojji Masrii keessatti itti fufsiisuun baay'ee qormaata ture.

Biyattiin bishaan gannaa bona walitti fufee yaa'u kana kaan jallisii ammayyaan kaan ammoo jallisii aadattin fayyadamuun maddaa soorata hawaasaa biyyatti taasifataa jirti.

Jallisiin kun ammoo oomisha qonnaaf malees bishaan dhugaatii slphatti aummata biyyattiif dhiyeessuuf ishee dandeessisera.

Lagni Naayil kun akka daandii geejjibaa guddaa ta'ees kan tajaajilu yoo ta'u, geejjibaa fi daldala naannoolee Masrii adda addaa gidduu jiru salphatti wal qunnamsiisa.

Doonii fi bidiroonni salphaatti biyyattii keessa oliif gadi akka socho'an godheera. Kun ammoo meeshaalee adda addaa bakka bakkatti sochoosuuf, daldalaa fi guddina walii galaa biyyattii saffisiisera

Bareedinni laga Naayil, hiikkan seenaa qaroomaa fi falasama ishee, hambaawwan, fi siidaawwan beekamoon biyyatti keessatti argaman turistootni fi dawwattootni addunyaa hedduun gara biyattiti akka yaa'an taasiseera.

Horsiifni qurxummii haroo namtolchee kana keessatti ta'u, madda nyaataa fi galii guddaa argamsiisudha.Omishi jirbii fi Abaaboo, biqiltuuwwaan tajaajiloota adda addaa adda akka qorichaa oomisha waraqaa kanneen biroo Masriif haala jiruuf jireenyaa salphiseera.

Hidhi guddaan laga Naayil irratti hojjatame Aswaani fi lagdi Naayil magaalota biyyatti giduu qaxxamuraa yaa'ullee simboo bareedinaa fi bakka haara galfii turistoota hedduti.

Hidhi Aswaan bara 1960moota irraa eegalee annisaa guddaa maddisiisuun biyyattiin tajaajila humna elektrikaa guddaa akka argattu ishee dandeessiseera.

Kun ammoo guddinni magaalotaa, indaastirii fi dinagdee waligalaa biyyattii saffisaan akka guddatu taasiseera.

Kanaanis biyyattiin biyyota Afrika dureeyyi ta'an keessa kanneen tarree duraa irratti tarreeffaman keessatti argamti.

Akka gabaasa Forbees bara 2025tti Masriin Naayijeeriyaa fi Afrikaa Kibbatti aantee biyya dureettii Afrikaa irraa sadarkaa 3ffaa irratti argamtu akka taate ibsa.

Horsiifni qurxummii haroo namtolchee kana keessatti ta'u, madda nyaataa fi galii guddaa argamsiisudha.Omishi jirbii fi Abaaboo, biqiltuuwwaan tajaajiloota adda addaa adda akka qorichaa oomisha waraqaa kanneen biroo Masriif haala jiruuf jireenyaa salphiseera. Kunnen hangam jiruufi jireenyi biyyatti akka laga naayil irratti hundaa'e kanneen mul'isas keessa muraasadha. Kannen biroo heddu eerunis ni danda'ama.

Biyyattiin bakka tarsimawaa ta'etti argamuu isheetinis hariiroo idil addunyaa fi daldalaa cimaa biyyoota adda addaa waliin qabdi. Amerikaan wagga waggaan bajata guddaa ramaduun humni waraana biyyatti akka jabaatu tumsa taasifti.

Dhageettummaa qabdu kana fayyadamtee wayita hidhi laga Abbayyaa hojjatamaa tures dhiibba dippilomaasii biyyoota lagicha irraa fayyadamanii fi biyyoota michuu ishee ta'an Itoophiyaa irratti taasisuuf yaaliwwaan adda addaa taasiftus garuu akka yaadde hin milkoofne.

Haa ta'uu malee akkataa bulchiinsaafi itti fayyadama bishaanii irratti marii fi waliigalteen adda addaa akka uumuuf sababa taatetti.