Tartiiba taateewwan ijoo ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Abbayyaa jalqabaa hanga eebbaatti

Dhagaa eebbaa hidha guddicha abbayyaa

Madda suuraa, SM

Itoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha Laga Abbayyaarratti waggoota 14'n darbaniif ijaaraa turte har'a Fulbaana 09, 2025 eebbiifameera.

Pirojektiin kun jalqabee hanga xumuraatti dhiibbaan keessaafi alaa isa mudatu adda citee hin beeku. Kun ammoo dhiibbaa biyyoota yaa'a gara gadii jiranirraa, addatti ammoo Masiriirraa kan maddudha.

Yeroo kamirrayyu caalaa garuu bishaan qabachuun wayita eegalamerra kaasee dhiibbaan jiru kan yeroo kamiirra caalaa qoramaata kan qabu akka ture Ministirrri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad adeemsa Pirojektiin kun keessa darbe yeroo ibsanitti dubbataniiru.

Ijaarsa pirojektichaa waggoota 14 ture keessatti yoom, maaltu ta'e?

2010: Itoophiyaa Hidha akka ijaartu beeksifte

Itoophiyaan hidha tokko dolaara biliyoona hedduu gaafatu akka ijaartu beeksifte. Baruma kana biyyoonni Laga Abbayyaa waliin qooddatan Masiriifi Sudaan irraa kan hafe waliigaltee Nile Basin Cooperative Framework Agreement ykn maqaa Waliigaltee Entebee jedhamu mallatteessan.

Waliigalteen Entebee [Yugaandaa] kun ammoo waliigaltee dulloomaa bara sirna kolonii ture biyyoonni lama -Masiriifi Sudaan qofti bishaan Abbayyaa maqaaciin (dhuunfaa isaaniitti) akka fayyadaman taasisu bara 1929 fi 1959 ture bakka bu'edha.

Ebla 2011: Ijaarsi Hidha haaromsaa Abbayyaa ifatti eegale

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhagaan bu'uuraa kaa'amee ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichi Laga Abbayyaa ifatti eegale. Pirojektiin kun baasii dolaara biliyoona 4.8 akka ijaaramuufdhaabbata ijaarsaa Saalinii Kostiraatorii waliin waliigalteen mallattaa'e.

Baruma 2011 Caamsaa keessa jilli dippilomaasii hawaasaa Masirii Itoophiyaa daawwachuun biyyoonni lamaan garaa garummaa qaban furuun akka wal tumsii cimsatan waliif galan.

Fulbaana 2011 keessa ammooKaayiroo fi Finfinneen koree idil-addunyaa dhiibbaa Hidhi kun Masirii fi Sudaanirraan gahu qoratu tokko hundeessuuf waliigalan.

Sadaasa 2011 Yaada Ministirri Muummee Itoophiyaa dhiyeessan hordofee koreen tekinikaa biyyoota sadanii ministiroota jallisii Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan dabalatee walga'ii jalqabaa taasisan.

2012: Paanaaliin ogeessotaa idil-addunyaa hundeeffamuu f MM Malla sdu'uu

Paanaaliin Ogeessotaa Idil-addunyaa miseensota kudhan of keessaa qabu (tokkoo tokkoo biyyoota sadanii-Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan irraa nama lama fi ogeessota idil-addunyaa afur) ijaaramee haala Hidhichaa hunda akka qoratu taasifame.

Adoolessa 2012 keessa Pirezidantiin Masirii yeroo sanaa Mohaammad Morsii Itoophiyaa daawwachuun dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaa irraatti akkaataa wal tumsuun danda'amurratti dubbatan.

Hagayya 2012 ammoo Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawwii du'anii yeroo sana ministira dhimma alaa kan turan Hayilemaariyaam dassaaleny bakka bu'na.

Hidha Haaromsa Guddicha Laga Abbayyaa

Madda suuraa, Waajira Ministira Muummee

2013: Itoophiyaan bishaan Abbayyaa jalliste, Paarlaamaan Waliigaltee Entebee raggaaise

Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Laga Abbayyaa ilaalchisee barri 2013 taatee ijoo lamaan yaadatama. Pirezidantiin duraanii Sudaan Omaar Al-Bashir Hidha Haaromsa guddcha laaggaabbayaa akka deeggaru ambaasaaddar Itoophiya aSudaan jirutti himan. Kun kan ta'e Bitootessa bara 2013 keessa ture.

Adoolessa 2013 ammoo Paarlmaan Itoophiyaa Waliigaltee Entebee 2010 kan duraan ture (1929 fi 1959) akka Masirii fi Sudaan olaantummaan bishaan kanatatti fayyadaman godha ture bakka bu'e raggaasise.

Bishaan Laga Abbayyaas yeroo jalqabaatiif jallatee keenyan Hidhichaa ijaaruun kan eegalames baruma 2013 kana keessa ture.

2014: Ijaarsi Hidha Haaromsaa parsantaa 32 qaqqabe

Itoophiyaan jalqabdee waggaa sadaffaatti Bitootessa 2014 ijarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Laga Abbayyaa parsantaa 32 irra gahuu beeksifte.

Baruma 2014 kana keessa Pirezidantiin Masirii yeroo ammaa aangoorra jiran Abdel Fattaah El-Siisiin aangootti dhufanii booda Ministira Muummee Itoophiyaa waliin wal arganii booda miidhaa Hidhi kun Masiriirraan gahuu malu hir'istee Itoophiyaan akka ijaaruu itti fufuu dandeessurratti waliigalanii ibsa waloo baasan.

Hagayya 2012 ammoo Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan yaada gabaasa bara 2013 dhiyaate ojiirra oolchuuf waliigalanii booda dhaabbata qorannoo gaggeessu filatan.

Onkoloolessa 2014 koreen biyyoota sadanii qorannoo akka gaggeessaniif dhaabbata Faransaay fi Daach filatan.

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Waajira Ministira Muummee

2015: Mariin biyyoota sadan gidduutti itti fufuu...

Bitootessa 2015 gaggeessitoonni Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan dhimma Hidhichaarrati mariyachuun waliigaltee yaadaarra gahan.

Adoolessa 2015 marii biyyoota sadan gidduutti marsaa torbaffaaf Sudaan-Kaartuum keessatti taasifameen, akkaataa dhaabbileen gorsaa hojjetanirratti waliigalteerra gahan.

fulbaana 2015 ammoo dhaabbanni Gorsaa Daach hojiin kun loogii malee hjjechuun na yaaddessa sababa jedhu dhiyeessun keessaa bahe.

2016: Ijaarsi Hidhichaa %60 ol xumuramuu...

Caamsaa 2016 Itoophiyaan ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Laga Abbayyaa parsantaa 60 ol xumuramuu beeksifte.

2017: Mariin biyyoota sadan gidduutti ture karaatti hafuu...

Caamsaa 2017 dhaabbanni Faransaay turtiin booda qorannoo dhiibbaa Hidhichi qabu gabasa duraa baase.

Sadaasa 2017 ammoo korri 17ffaa koreen tekinikaa biyyoota sadanii dhimma Hidhaa Laga Abbayyaarratti Kaayirootti qabatan osoo hin milkaa'iin hafe.

2018: MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu fi mariin itti fufu...

Bitootessa 2018 Abiy Ahimad Ministira Muummee Itoophiyaa ta'uun Hayilemaariyaam Dassaaleny bakka bu'an.

Ebla 2018 biyyoonni sadan walga'ii ministiroonni jallisii fi ministiroonni dhimma alaa, akkasumas qonaalonni tikaafi nageneyaa biyyoota sadanii irratt hirmaatan gaggeeffatan. Walga'iin kun garuu waliigalte etokko malee xumurame.

Caamsaa 2018 mariin biyyoota sadanii ministiroota jallisii biyyoota sadaniin bakka bu'uun gaggeeffatanis osoo fiixaan hin ba'iin karaatti hafe.

Waxabajji 2018 MM Abiy Ahimad Masirii daawwacchuun Hidha haaromsaa Laga Abbayyaa misoomsuun dhiibbaa akka hin geessisne pirezidanti El-Siisiif mirkaneessan.

Kaartaa Laga Abbayyaa

2019: Dhimmi Hidha Haaromsa Abbayyaa UNGA'tti geeffame

Bara 2019 keessa dhimmi Hidhaa Haaromsaa Guddichi Laga Abbayyaa Kora dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNGA), achiin booda ammoo Waashingiteen bira gahe.

Kora waliigalaa UNGA 74ffaa irratti pirezidantiin Masirii El-Siisii fi Pirezidantiin Itoophiyaa yeroo sanaa Saahile-warq Zawudee Hidha Haaromsaa ilaalchisuun ejjennoo isaanii dhiyeessan.

El-Siisiin dhimmi bishaan Abbayyaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuudha yoo jedhan, Saahilee-warq ammoo misooma Itoophiyaan yaaddoo biyyoota yaa'a gara gadii jiran ilaalcha keessa galchuun of eeggannoon ijaaraa jirtu ta'uu kaasan.

Bauma 2019 kana keessa Aeerikaan biyyoonni sadan "waliigaltee ittiin wal tumsan, waaraa ta'ee fi hunda fayyadamaa taasisurra" akka ga'aniif waamicha taasisuun ibsa baaste.

Kana hordofee ministiroonni dhimma alaa Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan hoggantoota Ministira Qabeenyaa US fi Pirezidantii Baankii Addunyaa waliin walga'ii gaggeessuun waliigalteerra akka gahaniif Doonaald Tiraamp waamicha taasise ture.

2020: Korri Waashingiten karaatti hafuu fi Itoophiyaan Hidhicha bishanaiin guutuu jalqabuu

Amajji 2020 mmariin marsaa afraffaa Finfinneetti gaggeeffame waliigaltee tokkorra osoo hin ga'amiin xumurame. Guraandhala 2020 ammoo Itoophiyaan waliigaltee kana keessaa baate.

Ebala 2020 Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad biyyisaanii waqtii gannaa itti aanee dhufu Waxabajjii-Adoolessaa Hidha Haaromsaa bishaaniin guutu akka jalqabdu beeksisan. Yeroo kanatti ijaarsi Hidha kanaa %72.4 ol xumuramuun labsame.

Caamsaa 2020 keessa ammoo Masiriin tarkaanfii Itoophiya akana mormuun xalayaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Mana0-maree Nageenyaaf (UNC)f barreessite.

Masiriin hanga waliigaltee tokkorra gahamutti bishaaniin guutuu hin qabdu jettus, Itoophiyaan garuu Hidhaa Haaromsaashe ebishaaniin guuttachuuf hayyama Masirii eeggachuun ishee hin brbaachisu jechuun gamasheetiin xlayaa UNSCf barreessite.

2021: Bishaan marsaa lamaffaa guutamuu...

Bara kana keessa Masiriin karaa bulchiinsa haaraa US, Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaa Afrikaa Itoophiyaan Hidhaashee bishaan guutuu akka dhaabduuf waan hedduu yaalaa turte.

Haata'u malee, MM Abiy Ahimad Itoophiyaan Hidhaa Haaromsaa Guddicha Laga Abbayyaa marsaa lamaffaatiif waqtii gannaa keessa akka guuttachuuf deemtu beeksisan.

2022: Hidhi Haaromsaa ibsaa maddisiisuu jalqabe...

Itoophiyaan Hidha kana ijaaraa, waqtii gannaa ammoo bishaaniin guuttachaa osoo jirtuu, Guraandhala bara 2022 keessa ammoo tarbaayinoota muraasaan ibsa amaddisiisuu eegaluu labsiteetti.

Fulbaana 2023: Hidhaa Haaromsaa bishaan guutuun xumurame..

Masiriin Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Abbayyaa bishaan guutuu akka dhaabdu dhiibbaan taasiftu itti fufeera. Karaa dandeesseen hanga guyyaa dhumaatti dhaabsisuuf hedduu demeteetti.

Ta'us garuu, Fulbaana 2023 Itoophiyaan Hidha Haaromsaa kana bishaaniin guutuun akka xumurame labsite.

2025: Hidhaa Haaromsa Guddicha Laga Abbayaa eebbifamuu...

Hidhaan Haaromsaa Guddichi Laga Abbayaa Fulbaana 9 bara 2025 eebbifame.

Hidhi bara 2011 kaappitaala dolaara biiliyoona afuriin eegale 5,000MW ol akka maddisiisu eegama.

Hidhaan kun dheerinni isaa lafarraa meetira 145 yoo ta'u, lafarra dalga ammoo meetira 1,780 dheerata.

Hidhaan Haaromsaa Abbayaa kun bishaan qabachuu qabu Kiyuubiik Meetira Biliyoona 74 guutummaan guutuutti yeroo qabatu, dheerinni lafa bishaan irra ciisuu kiiloomeetira 246 akka ta'u ogeessonni ni dubbatu.