Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhukkubni lukkuu Itoophiyaatti mudate maali?
Tibbana gidduugala horsiisa lukkuu kan taate Bishooftuu, Finfinneefi naannolee ollaa tokko tokko keessatti dhukkuba lukkuu hin beekamne mudateen lukkuu kumaatamni du’uu isaanii irraa kan ka’e Ministeerri Qonnaa lukkuu fi bu’aawwan lukkuu gabaaf akka hin dhiyaanne gaafa A L I 03/2014 dhorka dabarse.
Buufataalee horsiisa lukkuu tokko tokko keessatti lukkuu kumaatama ajjeesera kan jedhame dhukkubni lukkuu kun hanga maalummaan isaa baramutti cuucii fi hanqaaquun bakkaa bakkatti geeffamuu akka hin dandeenye dhorka dabarse.
Dabalataan namootni lukkuu horsiisan lukkuu fi bu’aa ishee gabaaf dhiyeessu akka hin dandeenye Dr Fiqiruu Raggaasaa Ministera Qonnaatti ministera damee beeylidaa himaniiru.
Magaalota dhibeen kun keessatti mudate Magaalaa Finfinnee, Bishooftuu, fi naannaa isaanii keessaa baasuus tahe biyya alaa irraa galchuun hin danda’amu.
Bakkuma mudatetti akka dhaabbatuu fi bakka biraatti akka hin babal’anneef yaadamuun akka dhorkames ibsaniiru.
Naannooleen kaanis eeggannoo mataa isaanii akka godhan akeekkachiisaniiru.
Amma isa yeroo jalqabaa irraa duuti lukkuu kun akka xiqqate himuun garuu gara dhaabachuutti hin dhufne jedhan.
Sababa dhukkub akanaan cuucii handaaqoo yaa’an akkasumas hanqaaquun qophaa’e gabaarra akka hin oole tahuu isaan omishtootni rakkoof saaxilamniiru.
Dhukkubichi maali? Miidhaa hagamiis dhaqqabsiise?
Akka ibsa Ministeerri Qonnaatti, weerarri kun torban tokko dura magaalaa Finfinnee, Bishooftuu fi naannoolee ollaa Ityoophiyaa keessatti mudate.
Tatamsa'inni dhibee kanaas Bishooftuu irra darbee hanga Adamaatti babal'achuu isaas Obbo Berhaanuun BBC'tti himaniiru.
Dhukkubni akkasii kun irra deddeebiin kan mul'atu tahus, dhukkubni kun daddarbaa olaanaa waan ta'eef wiirtuuwwan horsiisaa isaa hunda keessatti hanqaaquu hedduu ajjeeseera jedhu Dr Fiqiruun.
Keessattuu bakka horsiisee lukkuu xixiqqaa fi giddu galeessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, bakka horsiisa lukkuu dhuman hundaatti mul’ateera.
Hanga ammaatti lukuuwwan kuma dhibbaan ol lakkaa’aman akka du’an kan ibse ministerichi hanga ammaatti odeeffannoo tokkollee waan hin arganneefi ammas haala jiru qorachaa akka jiru ibse.
''Saffisaan waan babal'atuuf lukkuuwwan baay’inaan ajjeesuu danda’a soda jedhu uumeera.
Yoo callisamee ilaalame wiirtuu hormaataa tokko irraa gara wiirtuu biraatti babal'achaa jira."
Weerarri dhukkuba lukkuu dhiheenya kana mul’ate oomisha lukkuu gurguddoo irratti dhiibbaa kan hin geessisne ta’us, wiirtuuleen kunneenis oomisha lukkuu fi bu’aa isaanii geejibuu hin danda’an.
Ogeessi beeyladaa Dr Demeke Wondmageng Mengiste akka jedhanitti, qonna lukkuu xixiqqaa fi giddu galeessaa keessatti lakkoofsi lukkuu du’anii ol’aanaa ta’uu isaa ilaalcha keessa galchuun dhibeen kun hamaa ta’uu danda’a jedhan.
Dhukkubni kun lukkuu dabalatee cuucii hedduu ajjeesee lafa bal'aa waan uwwiseef dhukkubichi ''weerara'' jedhamuu akka danda'amu Dr Dammaqaan ibsu.
Obbo Birhaanuun gama isaanitiin dhukkubni kun kan miidhaa jiru lukkuu hanqaaquu waan taheef kan foonii miidhuu dhiisuu danda’a jedhan.
Dhiibbaa uggurri kun geessise
Ministeerri Qonnaa yeroo ammaa sababa dhibee kanaa adda baasuuf qorannoo gaggeessaa jira.
Haa ta’u malee, maalummaa dhibee kanaa fi maalummaa dhibee kanaa irraa kan ka’e magaalota Finfinnee, Bishooftuu fi Oromiyaatti oomisha lukkuu kamuu akka hin galchine ykn gara alaatti akka hin galchine murtaa’eera.
Akka Ministirri Ministeera Dhimmichaa jedhutti, horsiisitoonni tokko tokko yeroo lukkuun dhukkubsattu dhabamsiisuu irra baasanii gurguraa jiraachuu isaaniif deebii kennuudhaan murtoon kun kan kennamedha.
Haa ta’u malee, horsiiftotni lukkuu magaalaa Finfinnee fi naannoo Oromiyaa, Bishooftuu fi naannoo ollaatti argaman oomisha isaanii geejjibuu fi gabaaf dhiyeessuu dadhabuu isaaniitiin kasaaraa guddaa irra ga’uu dubbatu.
Keessattuu, irra caalaan isaanii Nmoota horsiisa lukkuu irratti hirkatan waan tahaniif miidhamaa jiru.
Torban darbe qofa sababa uggura lukkuu fi hanqaaquu irratti kaa'ameen cuuciin gara 40,000 ta'an bakka horsiisa isaanii tokkotti awwaalaman.
Obbo Biraanuun wiirtuun oomisha cuucii hojii dhaabuu isaa irraa kan ka’e hanqaaquu kuma 50 tahu tajaajilan ala taheera jedhan.Akkasumas wiirtuuleen hanqaaquu doolaara guddaadhaan biyya alaatii bitanii galchuun gurguruu osoo qabanii hafuun kisaaraa guddaa keessa galaniiru jedhan.
Kunis qonnaan bultoota, keessattuu horsiiftoota xixiqqaa irratti miidhaa geessisa jedhan.
Rakkoon biraa ammoo horsiisee bulaan kunneen galii isaanii irraa nyaata horii bitachuu waan hin dandeenyeef, uggurri kun yoo itti fufe balaa qaba jedhan.
Obbo Biraanuun dhiyeessii hanqaaquu biyyattii keessaa harka 50 ol kan qaban qonnaan bultoonni xixiqqaadha.
Ministeerichi yeroo dhiyootti furmaata akka argatu itti himame. Dhibee kana hamaa kan taasises amala daddarbuu qabaachuu isaati jedhan Obbo Biraanuun.
''Dhukkubni Lukkuu jira. Lukkuun yeroo hunda dhukkuba waliin jiraatti. Fayyaa namaa yoo hin miidhu ta'e talaallii kennuun dandamachuun ni danda’ama jedhan.
Dr Fiqiruun buufata horsiisa lukkuu tokko keessatti lukkuu dhibbenta 100 fixuun qofti weerara hin jechisiisu jedhan.Dhibee kana qorachuuf, naannoo horsiisa lukkuu adda addaattis hordoffii gochuuf gareen tokko waajjiraalee adda addaa irraa akka ijaarame ministerri Qonnaa ibseera.
Lukkuun du'an bakka bakatti akka hin gatamnee fi dhibee kana kana caalaa hin babal'isne hordoffii taasisu.