Shamarreen ganna 18 gadii osoo waliigaltee butamtee seerri maal jedha?

Madda suuraa, Getty Images
Baatii darbe keessa magaalaa Hawaasaatti dubartoonni lama yeroo garagaraatti butamanii hordoffii poolisiin lameenuu gara maatii isaanii deebi'aniiru.
Isaan keessaa barattuu kutaa 8ffaa kan taate Meelaat Mohaammad mana barumsaatii yeroo galaa turtetti naannoo mana jireenyaa yeroo geessu konkolaattota lamaan kan butamtee turte.
Erga butamtee torbee tokkoon booda namni ishee bute magaala Yirgaalam keessatti to’atamuu maatii fi poolisiin magaalaa Hawaasaa BBC’f mirkanneessaniiru.
Yeroo butamtee turtetti maatiisheerra darbee hawaasni magaalaa hawaasaa ijoolleesaaf akka yaadda'u, dhimmi kuni furmaata akka argatu jiraattonni mootummaafi hawaasatti iyyachaa naannoo isaanittis eegumsa jabaa akka fedhan BBCtti himaniiru.
Gama biraan miidiyaa hawaasaa irratti namooni muraasni yaada kennan, barattuun ganna 14 Meelaat,''barbaaddeeti nama ishee bute waliin deemte'' jechuun gochaa raawwatame butii akka hin taane falmaa turan.
Kana malees barattuun kuni akka ''barbaaddee butamtetti otoo haasoftuu,'' viidiyoon agarsisu bal'inaan qoodamaa ture.
Ijoolleen waggaa 18 gadi yeroo butaman seerri yakka kana akkamiin ilaala waan jedhuufi yaada ''eyyama kennuu'' jedhurratti ogeettii seeraafi rogeettii mirga dubartootaa kan taate Akliil Solomoon dubbisneerra.
Akliil seerri Itoophiyaa hiika butiidhaaf kennu ibsuun jalqabdi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Nama kamiyyuu humnaan, doorsisaan, gowwomsaa akkasumas mala biraan ukkaamsanii fudhachuun ykn eeyyama malee fudhachuun yakka dha,'' jedha seerri yakkaa Itoophiyaa jetti.
Kana malees addatti, ''dubartoota gaa'elaaf yaadanii fudhachuun immoo adabbii olaanaa ni qabaata,'' jetti.
Daa'imman, namoota dhukkuba sammuu qaban, kanneen of eeguu hin dandeenye fa'i butuu adda baaseeti seerri Itoophiyaa yakkaan gaafata jechuun ibsiti ogeettiin kuni.
Seerichi humnaanis tahe humna otoo hin fayyadamiin nama fudhachuu yakka dha jedha.
''Namni tokko doorsisaafi gowwomsaan eeyyama kenneera yoo taheefillee akka eeyyamaatti hin lakkaa'amu.''
Walumaagala nama tokko butuun hidhaa waggaa torbaan adabsiisuu danda'a.
Butiin duabartoota gaa'elaaf yaadanii fudhachuu, daa'immaniifi namoota dhukkuba sammuu qaban fa'i yeroo tahu ammoo hamma waggaa 15'tti adabsiisu danda'a.
Akkasumas yeroo butiin raawwatetti midhaan qaamaafi gudeeddiin raawwateera yoo taheef adabbiin hamma waggaa 25 gahuu mala jetti Akliil.
Eeyyama kennuun maali?
Walumaagalatti gochaa tokkoof eeyyamni kennameera kan jedhamu, ''eeyyamichi bilisaa fi dhiibbaa kamiyyuu malee yoo argame dha,'' jechuun ibsiti ogeettiin seeraa Akliil.
Haa tahu malee qaamoleen eeyyama kennuu hin dandenye jiru.
Fakkeenyaaf ijoolleen waggaa 18 gadi akka seera biyyattiitti eeyyama kennuu hin danda'an.
''Otooma eeyyama kennanillee eeyyamani isaan kennan fudhatama hin qabaatu, sababinsaas ijoolleen waan xiinxalaniifi madaalanii eeyyama kennu jedhamee gatii hin yaadamneefi,'' jechuun ibsiti.
Gama biraan ga'eessa tahanillee dhukkuba sammuu qabu taanaan ''eeyyama kennu, jedhamee ijaa hin yaadamneef eeyymani isaan kennan seera fuulduratti fudhatama hin qabu,'' jechuu dha.
Akkasumas ga'essi tokko dhibbaa dhugaatii alkoolii fi kanneen biroo kan dandeettii waa murteessuu isaa daangeessan keessa tahee eeyyamn waa dalaguuf kennu fudhatama hin qabaatu.
Akka Akliil jettutti ''eeyymani waan dhaabbata miti.'' Kanas yeroo ibsitu, ''takkaa namni tokko waa gochuuf waliigalee deebisee akka hin barbaanne yoo ibse sa'atii sanarraa kaasee eeyyamasaa malee gochaa tokkoof akka diqisiifametti ilaalama.''
Gochaan tokko yeroo raawwatamu qaamni eeyyama gaafatu, ''eeyyamni guutummaan guutuutti bilisaan kennamuusaa mirkaneeffachuu qaba, kunis eeyyamani gaafatamu nama umriinsaa eeyyama kennuuf gahe, dhiibbaa alkooliifi kaan jala kan hin jirreefi rakkoo fayyaa sammuu kan hin qabne yeroo tahu dha,'' jetti Akliil.
'Ijoolleenis yakkaan ni gaafatamu'
Butii dabalatee ijoolleen yeroo yakka raawwatan seeraan ni gaafatamu, akkataan isaa kan nama ge'eessaa irraa adda haa tahuyyuu malee.
Keesumaa ijoolleen waggaa sagaliin ol yeroo yakka raawwatan akkaataa raawwii yakka sanaan ni gaafatamu.
''Ijoollee gatii tahaniif qofa yakka yeroo raawwatan adabbii seeraa jalaa miliqu jechuu miti,'' jetti Akliil.
Akkaataa umrii isaaniin adabbii isaan madaalu akka argatan ni taasifama seeraan, ''yeroo immoo umriin isaanii 17, 18tti siqaa adeemu akka nama ga'eessatti yerootti gaafatamantu jira,'' jetti Akliil.
Haa tahu malee dhimma butii irratti yoo dhufu, ''ijoolleen umriin isaanii walfakkaataa tahe yoo wal-fudhatanii badan sana keessatti inni tokko isa kaaniin yoo hin dirqisiisne akka yakkaatti ilaalamuu dhiisuu mala,''
Ammas garuu umriin isaanii eeyyama kennuuf ijaa hin qaqqabneef gochaan kuni eeyyamaan raawwatame jechuun hin danda'amu.
Dabalataan ijoolleen waggaa 18 gadi gaa'ela akka dhaaban seerri biyyattii hin eeyyamu.
Haala biraan ijoolleema umrii 18 gadi tahanii, ''fakkeenyaaf inn waggaa 17 isheen waggaa 12 taatee wal-fudhatanii badan yoo jedhame, haallisaa ni qaoratamaa jechuu dha, humnaani moo? Gowwomsaadhaani? Kan jedhu akkaataa addaan ilaalamuu mala,'' jechuun ibsiti.
Dimshaashatti garuu akka Akliil jettutti ijoolleen waggaa 18 gadi waa sirnaan hubatanii eeyyama kennu jedhamee ijaa hin amanamneef, 'seeratu isaaniif eegumsa taasisuun, waan isaan irratti raawwatuuf gaafatamummaa kenna,'' jetti.












