Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin turtiin hawaarraa waa'ee Dachee hedduu ishee barsiise himti
"Dachee keenya hawaarraa yoo gadi ilaatu wal-falmii fi atakaaroon kamuu bilaashaa fi hiika kan hin qabne dha."
Astiroonaawutii NASA kan taate Saniitaa Wiiliyaamsi kan waggoota kurnan sadiif hojii kana keessa turteef hawaarra teessee dachee gaafa gadi ilaaltu waa'ee dachee ilaalcha isheen qabdu jijjiirera: waa'ee namooma, teknoolojii fi mana jireenyaa irratti qabdu.
Dubartiin ganna 60 kun ergama hawaa dhedheeraa sadiin imala gara Buufata Hawaa Idil-addunyaarratti (ISS) gooteen guyyoota 600 ol orbiitirra turteeti. Deemsa hawaarraa dubartoonni godhan keessaa dheerinaan kan ishee kan gitu hin jiru.
Hawaarratti daangaa fi walitti bu'iinsi dhimmooni jedhaman hiika hin qaban, jetti.
" Achii gadi pilaanetii yoo ilaaltu, hundi keenya dachii tokkittii tanarrawaliin akka jirru hubatta," jetti. " Bishaan tokko, qilleensa tokko, dachii tokko''
Ilaalchi kun ilma namaa gidduutti duudhaa waliif badaduu (naatoo qabaachuu) waan uumuu jetti Wiiliyaams .
''Hundi keenyayyuu bakka wayii deemnee yeroo fudhannee, uumama ilaaluu qabna. Achii wal dhagahuu qabna, maaliifii, hundi keenyayyuu yaada gaarii wayii qabna ta'a" jetti.
Ergama hawaa dheeraa
Gara qe'eetti deebi'uu
Saniitaa Wiiliyaams, Mudde darbe NASA keessaa waggaa 27 booda sooroma baate. Ergama hawaarra dalaguu qofa osoo hin taane waahillan faana dalagdellee dinqisiifatti.
"Namoota jajjaboo na qajeelchan, na leenjisanii fi bakka kanaan na gahan nan dinqisiifadha" jetti.
Imalli ishee gara hawaa 2024 keessa godhame guyyoota muraasaaf karoorrfame ture, garuu sababa xiyaar-samiin Booyingi Istaarlaayinar Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa keessatti rakkoon teeknikaa mudateef ji'oota sagaliif samii keesssa turan. Isheen garuu hawaa waan jaalattu hiree kana akka gaaritti ilaalte.
"Wantootan jaaladhu hedduu gochuuf hireen itti argadhe. Foddaan gadi ilaaluu, joornaalii barreessu, laaboraatorii keessatti yaalii dalaguu, laaboraatorii ajaa'ibaati"
Guyyoota yaalii saayinsii, leenjii maashaa roobootii, suphaa meeshaalee, konfiransii tuuta lafarra jiranii fi sochii qaamaan dabarsiti.
"Guyyoonni hunduu kan addaa turan, baacoon kan guutamani," jetti.
Guyyoonni hawaarra turtu jalaa dheerachuun garuu ulfaataa ture. Maatii waliin wal arguuf karoora qabdu, harmee ishee ganna 80 waliin fa'i.
"Yeroo dheeraaf waan wal hin agarreef harmee koo yaadeen ture. "Ijoollee obbolaa kiyyaa waliinis waan yaade silaa hedduu ture" jetti. Akkasuu ta'ee tumsi maatii ishee jabaa ture.
"Itti fufi, jabaadhu naan jedhu, na waliin qoosu, numa waliin turani hanga deebinee Dacheerra qubannutti'. Humna guddaa naa ta'ani."
Saniitaa Wiiliyaams, dhiyoo yeroo jalqabaaf biyya hidda dhaloota ishee Hindii daawwachuun feestivaala Og-barruu Keeraalaa Keedikood keessatti qophaayerratti hirmaattee turte
Yeroo Hindii deemtettis barattoota, saayinstiistoota, fi hirmaattota festivaalaan wal qunnamte. Muuxannoo kan hawaa fi mudannoo ishee boqonnaa dhumaa hojiishee qooddeef.
Daawwannaan hundi kan duraarraa adduma. Hawwiin saayinsii fi kalaqaa Hindii keessatti guddachaa jiru heddu ishee dinquu himte.
"Namoonni damee teeknolojiitiin qormaata hunda cehuuf qophii dha. Hanga dhuunfachuutti,"jetti.
Hariiroon Hindii faana qabdu kan namoota dhuunfaa faana dha. Qe'ee akaakilee fi habaabilee ishee kan taate Julaasan kan Gujiraat keessatti jiraattonni walitti dhufanii milkii ishee akka kan isaanitti qophii godhanii gammachuu ibsatan.
"Dhuguma waan nama boonsu dha," Abbaa koo fi maatii koo waliin dabarseera. Anaaf miira addaa ti. Namoota achii nan beeka."
AI, Hawaa abuuruu fi hiree Indiyaan qabdu
Saniitaan hubannoo namtolchee (AI)akka hidhannoo saayinsii fi ergama hawaatti ilaalti. Garuu daangaa qabas jetti.
"AI'n odeeffannoo qaaccessuutti saffisa qaba, lakkoofsota xiinxaluu, odeeffannoo adda baasuudhaan," jetti.
Roobootiin dalagaa hedduu irra deddeebiin dalaguun namni immoo murtoo irratti dabarsuurratti akka xiyyeeffatuuf haala mijeessu jetti.
"Waa- hunda yeroo-hundaaf garuu miti. Isaan meeshaa garfaarsaa ti" jetti.
Hindiin immoo biyya humna namaa fi sammuu waa uumu hedduu qabdu dha kan jetti Saanitaan,
Kana booda gara hawaa deemuuf karoora akka hin qabne kan ibsitu Saanitaan, jireenya ishee itti aanu, do'iiwwan gara garaa fi maatii waliin akka dabarsitu himte.
Hindii sirriitti keessa deemtee ilaaluu feetiu. Qarqara bishaanii Keeraalaa hanga gaarren Ladaak.
"Gaarren daawwachuun jaaladha, hanga fiixee gaarrenii laaluun barbaada jette. "Imalli hawaa obsa na barsiisera. Nama dhaggeeffachuus" jetti muuxannoo hawaa ishee yoo qooddu.