Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Nukilaraan alatti sagantaan misaa'elaa Iraan yaaddoo itti ta'uu Ameerikaan ibsite

Iraan sagantaa Nukilaraa qabduun alatti misaa'eloonni furgguggifamaniifi raayyaan humna galaanaashee yaaddoo nageenyaa hamaadha jechuun Ameerikaan ibsite.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daawwiteen maaliif biyyatti galuu dhabe?

    Artist Daawwitee Mokonniin waggoota 30 oliif walleewwan aadaafi ammayyaan maqaa guddaa horate. Ammallee sirbuutti jira.

    An dhufeen jira', 'Beenu Ka'ii', 'Mee Xiqqoo gad taa'imee', 'Yaa Saawwakoo' fi sirboota hedduun jaalatama.

    Ammoo miidiyaarraa badeera. Eega biyyaa bahees biyyatti hin deebine.

    Sirbi isaa tokkommoo Afaan Amaaraan dalagame ijoo dubbii ta'eera.

    Turtii addaa BBC waliin taasiseen gaaffii hedduu gaafanne. Waan haaraa danuus dubbate. Dhihaadhaa!

  2. Eppistiin hidhamuusaatiin guyyaa tokko dura Morookoodhaa masaraa qaalii bitachuuf akka ture ibsame

    Haala sanadoota waajjirri Haqaa Ameerikaa baatii darbe keessa ifa taasiseetiin, Jeefrii Eppistiin bara 2019 keessa hidhamuusaatiin baatii tokkoon dura Morookoodhaa masaraa doolaara miiliyoonotaan lakka’amaniin bitachuuf dhumarra gahee ture jedhame.

    Eeppistan bara 2011 irraa kaasee masaraa Morookootti argamuufi Biin Enaakool jedhamu bitachuuf yaalii taasisaa kan ture ta’ulleen, nama gurguru waliin dhimma gatiifi waliigaltee bittaa irratti waliigaluu sababii hin dandeenyeef waggootaaf harkifachuu danda’eera.

    Marasaa guddaan naannoo Paalmeereey Maaraakeeshiitti argamu kun kan ogeessoota ijaarsaa 1,300 ijaaramee fi kan bocawwan faayaa adda addaa fi diizaayiinoota bareedaniin faayame jedhameera.

    Eeppistan osoo bara 2019 hin to’atamiin dura kanfaltii dolaara miiliyoona 14.95 raawwachuuf mallatteesseera. Kunis dhaabbata qabeenyaa kana to’atu waliin waliigaltee yuuroo miiliyoona 18n bituudhaaf waliigalteerra erga gaheen boodadha.

    Haala sanadoota ifa ta’aniitti, waliigaltee bittaa dhumaa Epistiin yakkoota quunnamtii saalaatiin walqabatee aanga’oota Ameerikaatiin osoo hin to’atamiin dura isa raawwateedha.

    Osoo to’annoo jala hin oolfamiin guyyoota sadiin dura oggeessi herregaa Eppistiin, Riichaard Kaahaan maallaqichi akka hin kanfalamne taasisuu isaatti bittaan masaraa kanaa osoo hin raawwatamiin hafeera.

    Waajjiirri haqa Ameerikaa sanadoota yakkamaa daldala quunnamtii saalaa Eppistiin hedduu ifa taasiseera.

    Epistiin Hagayya 2019 keessa yakka dadabarsa daldala quunnamtii saalaatiin himatamee, erga gaaffiin wabii isaa kufaa taasifameen booda, osoo mana hidhaa Niiw `yoorkiitti argamu keessa ta’ee murtee eegataa jiruu ture kan du’e.

    Daa’imman daldala quunnamtii saalaatiif dhiyeessuun ‘erga yakka quunnamtii saalaa’ jedhamuun farajameen booda inni garuu balleessaa akka hin qabne mormaa turuunsaa ni yaadatama.

  3. Imbaasiin Ameerikaa Israa'el hojjettoonnisaa Israa'el keessaa akka bahan ajaje

    Imbaasiin Ameerikaa Jerusaalem hojjettoonni Imbaasichaa, kanneen gargaarsa hatattaamaarra hin hojjenna marti maatiisaanii fudhatanii akka Israa'el keessaa bahan har'a Guraandhala 27, 2026 ajajje.

    Akeekkachiifni kun sababa yaaddoo nageenyaa waraana Iraan waliin wal qabatu akka ta'es ibsan Ambaasaaddarri Ameerikaa Jerusaalem.

    Yaadachiisa kana malees sababa yaaddoo nageenyaa, Imbaasichi lammiileen Ameerikaa fi maatiin isaanii iddoowwan Israa'el kanneen akka magaalaa moofaa Jerusaalem, fi Westbaank akka hin imalle akeekkachiise.

    Israa'elitti Ambaasaaddara Ameerikaa Mike Huckabee The New York Times irratti akka dubbatanitti hubachiisni kun jimaata hojjettoota Imbaasiitti kan himame yoo ta'u kanneen bahuu fedhan "har'uma bahuu akka danda'an" beeksifaman jedhan.

    Ambaasaaddarichi "rifaatuun hin barbaachisu garuu kanneen bahuuf jedhan osoo hin turre dafanii karoorfatanii akka bahan" jedhan.

    Kanneen Israa'el gad lakkisanii bahan Israa'elii fi Westbaanki keessatti rakkoowwan shororkeessummaa fi hookkaraa ilaalcha keessa galchuu akka hin daganne hubachiise.

    Gara Gaazaa, qaraqara Gaazaa sababa shororkeessummaa fi walitti bu'iinsaa, kaaba Israa'el immoo daangaa Libanosii fi Siiriyaatti sababa qubsuma waraanaa ta'eef akka hin imalle jedheera.

    Daangaa Masiriitti dhiyoos akka hin imalle hubachiiste Ameerikaan.

  4. Afgaanistaan waliin "waraana ifa ta'e keessa galleerra" -Paakistaan

    Paakistaan magaalaa guddoo Afgaanistaanirratti walitti fufuun haleellaa qilleensaa erga gaggeessiteen booda, "waraana ifa ta'e" keessa galuushee ministirri ittisaa biyyattii beeksise.

    Ministirri ittisaa Kawaajaa Mohaammad Asiif Afgaanistaan irratti haleellaa erga raawwatanii booda "obsi keenya dhumateera" jedheera.

    Taalibaanonni Afgaanistaan Kamisa buufataaleen humna ittisaa Paakisaan daangaa dhiyoo jiranirratti haleellaa raawwachuu hordofeeti deebii kan kennite Paakistaan.

    Magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabul dabalateeti magaalota Afgaanistaan garagaraa bakkawwan filatamanirratti xiyyeeffachuun jeettiin kan reebde.

    Haaluma walfakkaatuun Taalibaanonni Afgaan Jimaata ganama Paakistaan keessatti bakkeewwan hedduurratti xiyyeeffachuun haleeluu himan. Maddeen mootummaa haleellaan kun kan raawwatame dirooniin ta'uu BBCf ibsaniiru.

    Ministirri muummee Paakisaan Shebaah Shariif raayyaan ittisaa isaanii "tuttuqqaa kamiyyu barbadeessuuf humna" akka qabuufi biyya isaaniirraa ittisuuf tarkaanfiin hin fudhanne akka hin jirre dubbateera.

    Humnoonni biyyoota lamaanii yeroo garagaraatti walitti bu'aa kan turan yoo ta'u, Onkoloolessa darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu waaraa hin taane taasisanii walitti bu'iinsawwan guutummaatti dhaabsisuuf waliigaltee daangaarra ga'uuf mariiwwan taasisan osoo bu'aa hin argamsiisiin hafeera.

    Paakisaan dhiyeenya kana masgiida magaalaa guddoo biyyattiirratti haleellaa warri balleessanii badannii raawwatan dabalatee Afgaanistaan, "shororkeessitoota farra Paakistaan" deeggarti jechuun himatti.

  5. Dhimma Obbo Taayyeen walqabatee hogganaan mana sirreessaa akka dhiyaatan manni murtii irra deebiin ajaj

    Beellama har'aatiin Obbo Taayyee Danda'aa harkisaanii kaateenaan osoo hin hidhamin dhaddachatti dhiyaachuusaanii abukaatoonsaanii himaniiru.

    Himatawwan sadii irratti banamee dhimmisaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru Deetaan Ministeera Nagaa duraaniifi miseensi Caffee Oromiyaa, Obbo Taayyee Danda'aa, beellama har'aatiin kaateenaa malee dhaddachatti dhiyaachuunsaanii himameera.

    Mana sirreessaa Abbaa Saamu'el jedhamuun beekamutti kan argaman angawaan duraanii kun beellama Guraandhala 6, 2018 tureen dhimma kaateenaan harkisaanii hidhamuun walqabatee dhaddachatti osoo hindhiyaatin hafanii ture.

    Guyyichattis manni murtichaa Obbo Taayyeen kaateenaa malee akka dhiyaatan har'atti beellamee ture.

    Kana malees "hogganaan mana sirreessichaa beellamawwan darberratti Obbo Taayyeedhaan 'kaateenaa yoo sif goone malee sin dhiyeessinu' jechuun hambisan sababasaanii qabatanii akka dhiyaataniif ajaja kennee ture" jechuun abukaatoon himatamaa Obbo Abarraa Nigus BBCtti himaniiru.

    Dhimma Obbo Taayyeen walqabatee odeeffannoo dabalataaf

  6. Nukilaraan alatti sagantaan misaa'elaa Iraan yaaddoo itti ta'uu Ameerikaan ibsite

    Iraan sagantaa Nukilaraa qabduun alatti misaa'eloonni furgguggifamaniifi raayyaan humna galaanaashee yaaddoo nageenyaa hamaadha jechuun Ameerikaan ibsite.

    Ministira dhimma alaafi gorsaan olaanaa nageenya biyyaalessaa Tiraamp kan ta'e Maarkoo Ruubiyoo, "yaaddoo Ameerikaa yeroo dheeraa taatee kan turte Iraan, ammallee yaaddoo taatee itti fufteetti," jedhe.

    Ijaarsa nukilaraa taasisaa jirturratti Ameerikaa marii sadii kan taasifte Iraan, sagantaan nukilaraashee tajaajila naga qabeessaaf kan ooludha jechuun irra deddeebiin waakkataa turteetti.

    Haleellaa Ameerikaa fi Israa'el Waxabajji darbe irratti gaggeeffame Iraan, "wiirtuuwwan nukilaraashee erga manca'anii booda deebistee akka hin ijaarre itti himamee ture. Haata'u malee, ammas irra deebiyanii ijaaruuf yaalaa jiraachuutu mul'ata," kan jedhe Rubiyoon, "amma Yuraaniyeemii gabbisaa kan hin jirre ta'ullee, sadarkaa sanarra ga'uudhaaf hojjechaa jiru," jechuun ibseera.

    Sagantaa nukilaraatti dabalataan Iraan misaa'eloota lafa fagoo qaqqaban akka qabduufi kunis Ameerikaafi michootasheerratti balaa guddaa kan fidu akka ta'e dabaluun ibseera.

    Sagantaa misaa'eloota furguggifamanii Iraan kun, keessumaa fageenya gabaabaa kan deeman "michoota Ameerikaa naannoo sana jiraniifi buufataawwan waraanaa irratti kan xiyyeeffatanidha," jedheera.

    Ameerikaan naannawa Iraan kanneen jiran akka Yunaayitid Arab Emiretis, Qaataaar, akkasumas Baahireen michootashee jaboo yoo ta'an, biyyoota kanneen keessaa buufataaleen waraanaa qabdi.

    Ruubiyoon itti dabaluun, ciminni humni galaanaa Iraan qabu yaaddessaa ta'uufi " dooniiwwan daldalaafi miseensota humna galaanaa Ameerikaarratti xiyyeeffachuu danda'u," jedheera.

    Iraan sagantaa nukilaraan ala misaa'elootasheerratti Ameerikaa waliinis ta'e qaama biroo waliin fedhii mariyachuu akka hin qabneefi kunimmoo "rakkoo guddaadha" jechuun ibseera.

    "Hunduu akka beeku kan barbaadamu Iraan sagantaa nukilaraasheetiin ala Ameerikaa haleeluuf adda durummaan kan gargaaru meeshaa waraanaa idilee qabdi. Haleellaa gaggeessuuf kan murteessan yoo ta'e garuu dhimmichi deebiin kennamuufiif qaba," jechuun akeekkachiiseera.

    "Marii biyya keenyaafi Iraan gidduutti gaggeeffamu ilaachisees, Pirezidant Tiraamp furmaanni dippilomaasii akka argamu akka barbaadu garuu mariin kun kan hin milkoofne taanaan filannoowwan kaan banaa ta'uu isaanii ibseera.

  7. Magaalota Tigraayitti hiriirri mormii gaggeefamaa oole

    Magaalota Tigraay garagaraa keessatti hiriirri mormii murtoo boordiin filannoo biyyaalessaa mormu gaggeefamaa oolera.

    Boordiin filannoo biyyaalessaa naannolee filannoo shan kanneen naaannoleen Tigraayi fi Amaaraa irratti wal dhaban qofatti ba'anii kallattiidhaan filannoon mana maree bakka bu’oota uummataaf akka dorgoman murteesse ture.

    Naannolee filannoo Humaraa, Addii ramats,Xallamt, Kooram ooflaa, fi Raayyaa allaamaaxaa keessatti murtoo Manni Maree Federeeshinii dabarse irratti hundaa'uun qofatti akka bahan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Wiixata darbe kan ifa taasise.

    Magaalota naannoo Tigraay har’a ganamaa eegalee hiriirri mormii waamamerratti pireezdaantiin bulchiinsa yeroo naannichaa Leetanaant Jeneraal Taaddasaa Warradaa, dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’el, akkasumas bakka bu’oonni paartilee mormitootaa haasawa godhanii jiru.

    Hiriira mormii kanaaf dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa akkasumas manneen barnootaa cuccufamanii jiru.

    Murtoon mana maree Federeeshiinii fi Boordii Filannoo kun hanga naannoleen Tigraayi fi Amaaraa qabiyyee atakaaroo kanarratti waliigalteerra gahanitti akka ta’uu ibseera.

    Murtoon kanarratti hanga sirreeffamni kennamutti filannoo irratti akka hin hirmaanne kan ibse paartiin Paartiin Dimookraasummaa Simret Tigraay (SIMRET), dhimma kana ilaalchisee mana murtiitti himata baneera.

    Manni murtii Olaanaa Federaalas murtoon Mana mareeFedereeshinii fi Boordii Filannoo kun akka hojiirra hin oolle “yeroof” Uggureera.

    Bulchiinsi yeroo Tigraay, TPLF, Paartiin Dimookraasummaa Simret Tigraay (SIMRET) fi paartileen mormituu naannoo Tigraay kun murtoo kana yoo morman, qaamoleen siyaasaa naannoo Amaaraa murtoo boordii filannoo kana deeggaranii jiru.

  8. Xiyyaaronni waraana Ameerikaa buufata xiyyaaraa Israa'elitti argaman

    Xiyyaaronni humna qilleensaa Ameerikaa Booyingi KC-135 hedduun kanneen qilleensa keessaatti boba'aa guuttachuu danda'an buufata xiyyaaraa Ben Goryan naannoo Tel Aviv jedhamutti mul'atan.

    Xiyyaaronni kunneen guyyaa lama dura naannawa san akka gahan gabaafameera.

    Xiyyaaronni KC-135 kunneen xiyyaarota waraanaa fageenya dheeraa imaluun haleellaa raawwatan yoo ta'u qilleensa irratti boba'aa guuttachuun hojii isaanii itti fufuu danda'u.

    Kunis qophii waraana Ameerikaa naannoo baha Giddu galeessaa keessatti taasistu kan cimsudha jedhameera.

    Xiyyaaronni kunneen gara Israa’el kan dhaqan yeroo mariin niwukilaraa Teehran fi Waashingitan gidduutti taasifamaa jirutti.

    Gama biraatiin ammoo itti aanaan preezdaantii Ameerikaa JD Vance haleellaan Iraan irratti raawwatamu naannicha gara waraana yeroo dheeraatti kan geessu miti jechuun ibsan.

    Itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa kun haleellaan Iraan irratti raawwatamu naannichatti waraana yeroo dheeraa akka hin fidne ibsuun, yaada ''Baha Giddu Galeessaa keessatti waraana xumura hin qabnetu jalqabama '' jedhu kuffiseera.

    Vaans, "Daandii dippilomaasii filanna" jedhan, ''garuu sun waan Iraan hojjettu irratti hundaa'a" jedhan.

    Mariin marsaa sadaffaa Iraanii fi Ameerikaa Siwiizarlaanditti gaggeeffamaa ture Kamisa darbe xumurame.

    Ministirri Dhimma Alaa Omaan marii qondaaltota Ameerikaa fi Iraan jidduutti Jenevaatti taasifameen ''jijjiiramni guddaan'' taasifamaa jira jedhan.

  9. MM Abiy humna ittisaafi dhimmoota biroorratti Azarbajaan waliin waltumsuuf waliigaluu himan

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad jila aanga'oota mootummaa olaanaa dabalatanii daawwannaa hojiitiif Azarbaajaan jiru.

    Azarbaajaan waliin waggoota muraasa darban keessa tumsa dinagdee gama aveeshiniitiin, paarkiiwwan industiriitiin, akkasumas qaxanaa daldalaa bilisaafi Itoophiyaa Invastimant Hooldingisin Azarbaajaan waliin taasifamerratti hundaa'uun, michummaan keenya yeroodhaa gara yerootti guddachaa dhufeera jedhan Abiy.

    Tumsawwan kunneen hariiroon biyyoota lamaanii akka cimaniif bu'uura kan kaa'an yoo ta'u, "har'a ammoo marii gadi fageenyaan taasifneen hariiroon keenyaafi tumsi waliif qabnu gara sadarkaa kana caalutti guddisuuf waliigalleerra. Guyyaa har'aa gama [humna] ittisaafi dhimmoota biroorratti sirna waliigaltee walhubannoo (MoU) waliif mallatteessuurratti wal geenyeerra," jedhan MM Abiy.

    MM Abiy daawwannaa hojii jalqabaa Azarbaajanitti taasisaniin simannaa ho'aa pirezidantiin Azarbaajaan Iilihaam Aliyeev taasisaniif galateeffataniiru.

  10. Atileet Dirribee Waltajjii qoricha nama jabeessuun walqabatee waggaa lamaaf dhorkamte

    Dorgomtuun fiigicha fageenya giddugaleessaa Atileet Dirribee Waltajjii Guraandhala 2025 qorannoo qoricha nama jabeessu irratti qorannoo gaggeessuuf hayyamamtuu ta'uu dhabuusheetiin mana-murtii ispoortiif fala kennuun waggaa lamaaf dorgommii ispootii kamirraayyu dhorkamte.

    Atileetiin kun saamuda kennuuf hayamamtuu ta'uu erga diddee kaastee bu'aa isheen galmeessiste akka haqamanis murtee dabarseera.

    Bitootessa 2025 keessa dorgommii Chaayinaatt gaggeeffameen Shampiyoonsii Mana Keessaa Idil-addunyaarratti lammaffaa ba'uuun dorgommiin medaaliyaa meetii itti argatte sababa murtee kanaan warra haqaman keessaati.

    Dhaabbanni Farra Fayyadama Qoricha Jabeessuu Itoophiyaa badii tokkollee hin raawwanne jechun Atileetii kanaaf falmullee Atileetiksiin Addunyaa gamasaatiin waggaa afuriif haa dhorkamtu jechuun mana-murtii dhimma ispoortiif fala kennu kana gaafateera.

    Manni-murtichaa Kamisa akka beeksisetti, Dirribeen waggoota lamaaf dorgommii ispoortii kamirraayyu dhorkamteetti.

    "Atileetiin kun Guraandhala 25, 2025 irraa kaastee haga guyyaa manni-murtichaa murtee dabarseetti bu'aan galmeesite hunduu kufaa ta'u," jechuun manni-murtichaa ibsa kennene beeksiseera.

  11. Chaayinaan walga'ii siyaasaa murteessaa dursitee qondaalota waraanaa sagal aangoorraa kaaste

    Chaayinaan walga'ii siyaasaa waggaa guddaafi murteessaa torban dhufu gaggeefamu dursitee qondaalota waraanaa sagal dabalatee aanga'oota 19 aangoorraa kaaste.

    Namoota aangoorraa kaasuun kun qaama seera baastuu olaanaa biyyattii koree dhaabbii National People's Congress (NPC)n kan beeksifame.

    Aanga'oota kana sababiin kaasaniif ifatti wani himame hin jiru, gauu Pirezidant Shii Jiinping jeneraala olaanaa biyyattii Zhanga Youxia fi michuu isaa dhiyoo biroo aangoorraa kaasuu torbanootaan booda tarkaanfii fudhatamedha.

    Shii Jiinpiing erga aangootti dhiyaatee kasee malaammaltummaan Paartii Komunistiif "yaaddoo hunda caaludha" jechuun duula walirraa hin cinne gocha jira.

    Haata'u malee, qeeqxonni tokko tokko akka jedhanitti, malaammaltummaan morkattoota siyaasaa ittiin maqsuuf akka meeshaatti kan gargaarudha.

  12. Lola Paakistaaniifi Afgaanistaan gidduutti bifa haaran ka'e dhaabsisuuf Iraan waamicha jaarsummaa dhiyeessite

    Paakistaanifi Afgaanistaan bifa haaran lolatti seenuu hordofee Iraan isinan araarsa jechuun waamicha dhiyeessite.

    Ministiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyoonni lamaan waraana dhaabanii mariitti akka deebi'aniif waamicha dhiyeessuun, Iraan jaarsa araaraa taatee walitti isaan fiduuf qophii ta'uu fuula X gubbaatti barreessan.

    Paakistaanifi Afgaanistaan "garaa garummaa isaanii mariifi miira ollummaatiin furachuu qabu" jechuun waamicha godhan.

    Kanan duras Paakistaanifi Afgaanistaan daangarratti yeroo walitti bu'an Iraan jaarsummaan walitti fiduuf waaicha gotee turte.

    Paakistaan humnoota Taalibaaniin loltoonni koo ajjeefaman jechuun Kaabuul dabalatee magaalota Afgaanistaan haleelaa jirti.

    Bulchiinsi Taalibaanis lolatu narratti baname jechuun naannoo daangaa Paakistaanitti haleellaa cimaa banuu beeksise.

  13. Dubartiin ji'oota sagaliif hawaarra turtee deebite turtiinshee waa'ee Dachee waan ishee barsiise himti

    "Dachee keenya hawaarraa yoo gadi ilaatu wal-falmii fi atakaaroon kamuu bilaashaa fi hiika kan hin qabne dha."

    Astiroonaawutii NASA kan taate Saniitaa Wiiliyaamsi kan waggoota kurnan sadiif hojii kana keessa turteef hawaarra teessee dachee gaafa gadi ilaaltu waa'ee dachee ilaalcha isheen qabdu jijjiirera: waa'ee namooma, teknoolojii fi mana jireenyaa irratti qabdu.

    Dubartiin ganna 60 kun ergama hawaa dhedheeraa sadiin imala gara Buufata Hawaa Idil-addunyaarratti (ISS) gooteen guyyoota 600 ol orbiitirra turteeti. Deemsa hawaarraa dubartoonni godhan keessaa dheerinaan kan ishee kan gitu hin jiru.

    Hawaarratti daangaa fi walitti bu'iinsi dhimmooni jedhaman hiika hin qaban, jetti.

    " Achii gadi pilaanetii yoo ilaaltu, hundi keenya dachii tokkittii tanarrawaliin akka jirru hubatta," jetti. " Bishaan tokko, qilleensa tokko, dachii tokko''

    Ilaalchi kun ilma namaa gidduutti duudhaa waliif badaduu (naatoo qabaachuu) waan uumuu jetti Wiiliyaams .

    ''Hundi keenyayyuu bakka wayii deemnee yeroo fudhannee, uumama ilaaluu qabna. Achii wal dhagahuu qabna, maaliifii, hundi keenyayyuu yaada gaarii wayii qabna ta'a" jetti.

  14. Mariin US-Iraan waliigaltee malee xumurame, maaltu ittaana?

    US fi Iraan jaarsummaa Omaaniin kaleessa Jeneevitti mariirra oolanis waligaltee malee adda bahan. Haata'u garu, maricharratti "jijjiiramni guddaan" jiraachuu ministiirri dhimma alaa Omaan ibse.

    Marii biyyoonni lamaan gaggeessaniin jijiiramni jira jedhamus, carraa waraana hambisuu qabaachuusaa waanti ifa ta'e hin jiru.

    Omaan bakka bu'uun Iraanifi US mariyachiisaa kan turan Badir Albusaayidii akka jedhanitti, bakka buutonni biyyoota lamaanituu mootummaasaanii waliin erga mariyatanii booda "yeroo dhiyootti" marii itti fufuuf fedhii qabaachuusaaniis himan.

    Iraan bakka bu'uun maricharratti kan hirmaatan ministiira dhimma alaa kan ta'an Abbaas Araagchii "jijjiiramni gaariin jira" jechuun dhimmoota tokko tokorratti waliigalanis dhimmoota kaan irratti garaa garummaan akkuma jirutti itti fufuu dubbatan.

    Mariin ittaanus torbee tokko osoo hin guutin akka itti fufus dubbatan Abbaas Araagchii. Mariin hanguma itti fufaa adeemu carraan US Iraan irratti haleellaa raawwachuu xiqqaataa adeema.

    Tiraamp humna waraanaa guddaa gara Baha Giddugaleessatti akka bobba'u ajajeera.

    US bara 2003 yeroo Iraaq irratti waraana bantee as humna waraanaa guddaa gara Baha Giddu galeessatti erguun kun kan jalqabaati.

  15. Nukilarri Iraan sadarkaa maalirratti argama? Ammallee yaaddoodhaa?

    Saganataan nukilaraa Iraan ammas ija keessa galeera. Yunaayitid Isteetis jeettiiwwan waraanaasheefi dooniiwwan ishee gara naannawaa sanaatti geessiteetti.

    Ameerikaan Iraan waliigalteerra hin geessu taanaan haleellaa raawwachuuf qophooftee eegaa jirti.

    Pirezidant Tiraamp Guraandhala 19, 2026 "waliigaltee qabatamaarra ga'uun yoo hin danda'amne waan hamaatu ta'a" jechuun akkeekkachiiseera.

    "Meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuu hin danda'an; dhimma baayyee salphaadha... meeshaa waraanaa nukilaraa qabaannaan Baha Giddugaleessaa keessa nagaan jiraachuu hin danda'u," jechuun ejjennoo isaa beeksise.

    Iraan garuu nukilaar boombii qabaachuu akka hin barbaadne irra deddeebiin dubbatteetti.

    Haata'u malee, biyyoonni baayyeen, akkasumas dhaabbanni idil-addunyaa nukilara to'atu jecha Iraan amananii taa'uu hin barbaadan

  16. Hilaarii Kilintan waa'e yakkoota Eppistiin 'omaa akka hin beekne' miseensota Kongirasiitti himte

    Ministirri dhimma alaa duraanii Ameerikaafi dubartiin siyaasaa beekamtuu Hilaarii Kilintan waa'ee yakkoota Eppistiin 'omaa akka hin beekne' miseensota Kongirasiitti himte.

    Hilaarii Kilinton itti dabaluun Pirezidant Doonaald Tiraamp hariiroo yakkamaa saal-qunnamtii amma lubbuun hin jirre Jefrii Eppistiin waliin qaba turee kakuu raawwatee akka gaafatamuuf gaaffii dhiyeessiteetti.

    Hilaarii Kilintan, Eppistiin ilaalchisee Koree Kongirasii qorannoo gaggeessuuf cufatanii sa'aatiidhaaf erga mariyatanii booda "haalli kun bahee arguun barbaada" jetteetti.

    Abbaan warraashee pirezidantiin duraanii Ameerikaa Biil Kilintan ammoo har'a Koree Kongirasii duratti dhiyaatee dhimmuma Eppistiin kanarratti ragaa dhiyeessa jedhameera.

    Abbaan warraafi haati warraa kun maqaa waamicha paanaalii kana siyaasadha jechuun mormaa turanis Kongirasii salphisuun gaafatamuu dandeenya jechuun dhiyaatanii ragaa bahuuf waliigalan.

  17. MM Abiy daawwataa kan jiran, Azarbaajaan, biyya akkamiiti?

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad yeroo ammaa biyya Awurooppaafi Eshiyaa wal qunnamsiistu, Azarbaajaan daawwachaa jiru.

    Biyyi boba'aan badhaate kuni booda kana biyyoota Afrikaa waliin hariiroo cimsataa jirti.

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Giiftii Duree Aadde Zinnaash Taayyaachaw, akkasumas jila Itoophiyaa biroo waliin Kamisa waaree booda biyyattii dhaqqabuun gabaafameera.

    MM Abiy buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Hayidar Aliyav yeroo gahan Ministirri Muummee I/Aanaa Saamir Shaarifov fi Ministira Di'eetaa Ministeera Dhimma Alaa Azarbaajaan Yaalchin Raafiyav isaan simatuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    MM Abiy guyyoota hammamiif biyyattii akka turan, dhimma irratti mari'achuuf jedhaniifi eenyu waliin akka wal argan ammatti ifa hin taane ykn hin beekamu.

    Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa hariiroon biyyoota lamaanii erga waggoota dhihoo as cimaa dhufuufi kanaafis agarsiistuun hariiroo dippilomasii tokko ta'uu ibse.

    Daawwannaa Ministira Muummeefi jila isaaniin taasifamu hariiroo Itoophiyaafi Azarbaajaan akka guddisu ni eegama jedha.

  18. Paakistaan Afgaanistaan haleelte

    Paakistaan magaalota Afgaanisaanirratti haleellaa erga banteen booda MM Paakisaan waraanni biyyattii humnoota Afgaan Taalibaan 'cabsuuf' qophiidha jedhe.

    Paakistaan loltoonni lama humnoota Taalibaaniin jalaa ajjeeffamuu hordofee magaaota Afgaanistaan Kaabuliifi Kandahaar irratti haleellaa qilleensaa gaggeessuu aanga'oonni mootummaa himan.

    Muddamni cimaan wayita jiru kanatti Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaz Sharif biyyattiin "hawii weerara kamiiyyu cabsuudhaaf humna guutuu qabdi" jechuun dhaadate.

    Ministirri ittisaa Paakistaan ammoo Taalibaan irratti "waraanni banamuu" labsaniiru.

    Dubbi-himaan Taalibaan fuula X irratti haleellaa haaraa loltoota Paakistaan irratti banuun deebii kenneera jedhee ture. Barreeffamni X irratti bahe kun garuu amma kaafameera.

    "Halelamnaan haaloo ni baana, garuu ammatti nuti walitti bu'iinsa kana jalqabuu hin barbaadne," jechuun dubbi-himaan waraana Taalibaan BBCtti himeera.