Iraan sagantaa Nukilaraa qabduun alatti misaa'eloonni furgguggifamaniifi raayyaan humna galaanaashee yaaddoo nageenyaa hamaadha jechuun Ameerikaan ibsite.
Ministira dhimma alaafi gorsaan olaanaa nageenya biyyaalessaa Tiraamp kan ta'e Maarkoo Ruubiyoo, "yaaddoo Ameerikaa yeroo dheeraa taatee kan turte Iraan, ammallee yaaddoo taatee itti fufteetti," jedhe.
Ijaarsa nukilaraa taasisaa jirturratti Ameerikaa marii sadii kan taasifte Iraan, sagantaan nukilaraashee tajaajila naga qabeessaaf kan ooludha jechuun irra deddeebiin waakkataa turteetti.
Haleellaa Ameerikaa fi Israa'el Waxabajji darbe irratti gaggeeffame Iraan, "wiirtuuwwan nukilaraashee erga manca'anii booda deebistee akka hin ijaarre itti himamee ture. Haata'u malee, ammas irra deebiyanii ijaaruuf yaalaa jiraachuutu mul'ata," kan jedhe Rubiyoon, "amma Yuraaniyeemii gabbisaa kan hin jirre ta'ullee, sadarkaa sanarra ga'uudhaaf hojjechaa jiru," jechuun ibseera.
Sagantaa nukilaraatti dabalataan Iraan misaa'eloota lafa fagoo qaqqaban akka qabduufi kunis Ameerikaafi michootasheerratti balaa guddaa kan fidu akka ta'e dabaluun ibseera.
Sagantaa misaa'eloota furguggifamanii Iraan kun, keessumaa fageenya gabaabaa kan deeman "michoota Ameerikaa naannoo sana jiraniifi buufataawwan waraanaa irratti kan xiyyeeffatanidha," jedheera.
Ameerikaan naannawa Iraan kanneen jiran akka Yunaayitid Arab Emiretis, Qaataaar, akkasumas Baahireen michootashee jaboo yoo ta'an, biyyoota kanneen keessaa buufataaleen waraanaa qabdi.
Ruubiyoon itti dabaluun, ciminni humni galaanaa Iraan qabu yaaddessaa ta'uufi " dooniiwwan daldalaafi miseensota humna galaanaa Ameerikaarratti xiyyeeffachuu danda'u," jedheera.
Iraan sagantaa nukilaraan ala misaa'elootasheerratti Ameerikaa waliinis ta'e qaama biroo waliin fedhii mariyachuu akka hin qabneefi kunimmoo "rakkoo guddaadha" jechuun ibseera.
"Hunduu akka beeku kan barbaadamu Iraan sagantaa nukilaraasheetiin ala Ameerikaa haleeluuf adda durummaan kan gargaaru meeshaa waraanaa idilee qabdi. Haleellaa gaggeessuuf kan murteessan yoo ta'e garuu dhimmichi deebiin kennamuufiif qaba," jechuun akeekkachiiseera.
"Marii biyya keenyaafi Iraan gidduutti gaggeeffamu ilaachisees, Pirezidant Tiraamp furmaanni dippilomaasii akka argamu akka barbaadu garuu mariin kun kan hin milkoofne taanaan filannoowwan kaan banaa ta'uu isaanii ibseera.