Nukilarri Iraan sadarkaa maalirratti argama? Ammallee yaaddoodhaa?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Saganataan nukilaraa Iraan ammas ija keessa galeera. Yunaayitid Isteetis jeettiiwwan waraanaasheefi dooniiwwan ishee gara naannawaa sanaatti geessiteetti.

Ameerikaan Iraan waliigalteerra hin geessu taanaan haleellaa raawwachuuf qophooftee eegaa jirti.

Pirezidant Tiraamp Guraandhala 19, 2026 "waliigaltee qabatamaarra ga'uun yoo hin danda'amne waan hamaatu ta'a" jechuun akkeekkachiiseera.

"Meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuu hin danda'an; dhimma baayyee salphaadha... meeshaa waraanaa nukilaraa qabaannaan Baha Giddugaleessaa keessa nagaan jiraachuu hin danda'u," jechuun ejjennoo isaa beeksise.

Iraan garuu nukilaar boombii qabaachuu akka hin barbaadne irra deddeebiin dubbatteetti.

Haata'u malee, biyyoonni baayyeen, akkasumas dhaabbanni idil-addunyaa nukilara to'atu jecha Iraan amananii taa'uu hin barbaadan

Sagantaan nukilaraa Iraan sadarkaa maaliirratti argama?

Bara darbe Amajji keessa Israa'el fi Iraan gidduutti waraanni guyyoota 12f ture erga gaggeeffameen booda, sagantaan nukilaraa Iraan sadarkaa maaliirra akka jiru ifatti hin beekamu.

Yunaayitid Isteetis waraana kana yeroo gabaabaatiif itti makamtee, dhaabbileen nukilaraa Iraan irratti haleellaa qilleensarraa raawwatteetti.

Dhaabbileen haleellaan irratti raawwatame dhaabbata qorannoo nukilaraa Isfahaan keessatti argamu, wiirtuuwwan gabbisa Yuraaniyeemiif gargaaran Naatanziifi Foordootti ragamanicha.

Ejensiin Tgo'annoo Nukilaraa Idil-addunyaa bara darbe Amajji 13, 2025 Israa'el yeroo haleellaa raawwattetti iraan Yuraaniyeemii gabbifameefi sadarkaa qulqullinaa dhibbentaa 60 irra gahe kiiloogiraam 440 kuufattee qabdi jedheera.

Kana jechuun ammoo meeshaa waraanaa nukilaraa omishuurra gahuuf xiqqoo qofatu hafe jechuudha.

Giroosii Onkoloolessa keessa Assoosheetid Pireesitti akka dubatetti, hangi kun caalaa gabbifamnaan nukilaar boombii 10 qabaachuuf gahaa ta'a.

Sadaasa keessa ministirri dhimma alaa Iraan abbaas Araagchii Ze Ikonoomistitti akka dubbatetti, Yuraaniyeemii gabbisuun "amma dhaabbateera" jedheera.

Ji'a darbe Fox News'tti ammoo "Eyyeen, dhaabbileen kanneen, maashinoota mancaastaniittu...haata'u malee tekinooloojii isaa rukkutuun hin danda'amu waan ta'eef murannoon keenyas rukkutamuu hin danda'u" jedheera.

Giroosiin Amajji Roohitarsitti akka dubbatetti, Ejensiin Idil-addunyaa Nukilara To'atu Iraan keessatti halleellaa boombiin kan irra ga'iin buufataalee nukilaraa 13 arguu danda'eera. Haata'u malee, bakka ijoo kanneen sadan qorachuu hin dandeenye.

Ejensiin kun yeroo dhumaatiif kuufama Yuraaniyeemii guddaa Iraan erga sakatta'ee ji'a torba ta'eera.

Keessumaa bakkiifi haalli kuufama isaa, akkasumas haalli dhaabbilee gabbisaarratti waan mirkaneeffate hin qabu.

Akkamiin asirra gahe?

Mootummaan Iraan kaayyoon nukilaraa tajaajila nagaa qabuuf qofa kan oolu ta'uu irra deddeebiin ibsa.

Waliigalteen biyyattiin mallatteessite kan hayyamu, tekinooloojii nukilaraa wallaansa fayyaaf, qonnaaf, akkasumas tajajaila annisaatiif qofa fayyadamuu yoo ta'u, meeshaa waraanaa nukilaraa hidhachuu ni dhorka.

Haata'u malee, qorannoon waggaa kudhan fudhate Ejensii Idil-addunyaa Nukilara To'atuun taasifame, Iraan baroota 1980oota gara dhumaatii hanga 2003tti "nukilara irraa meeshaa waraanaa hojjechuu waliin walqabsiisee gochawwan garagaraa" akka raawwatteettu mirkaneeffateera.

Akka odeeffannoo Ejensichaa agarsiisutti, sagantaan Pirojekt Amaad jedhamee beekamu kun isaan booda addaan citeera. Ta'us garuu dhaabbileen basaasaa warra lixaa bara 2009 dhaabbanni Foordoo ijaaramuu baruu danda'eera.

Gabaasni Ejensichaa bara 2015 akka agarsiisutti, "bara 2009 booda Iraan keessatti sochiiwwan qabatamoo ta'an meeshaa waraanaa nukilaraa ijaaruu waliin wal qabatan hin mul'anne," jedhan.

Akkuma kana bara 2015 keessa Iraan biyyoota gurguddoo addunyaa ja'a waliin waliigaltee mallatteessiteetti.

Sababa kanaan qoqqobbiirraa aara galfachuuf bakka isaa sochii nukilaraa isheerratti dhorkaa cimaa kaa'uuf waliigalteetti.

Waliigalteen kun omisha humna nukilaraaf mijataa kan ta'e dhibbentaa 3.67 gabbisuufi gabbisa Foordoo jiru hordoffii cimaan dhaabuu kan jedhu keessatti argama.

Haata'u malee, bara 2018 Pirezidant Tiraamp carraaqqii Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa omishuuf taasiftu dhaabsisuu hin dandeenye jechuun waliigaltee sana keessaa ba'uun irra deebiinb qoqqobbii kaa'eera.

Iraan daagaa waliigalteen sun kaa'e cabsuun Yuraaniyeemiishee gara dhibbentaa 60'tti gabbisuun, meeshaaleen ciccimoo Yuraaniyeemii gabbisuuf gargaaran fayyadamuun, akkasumas gabbisa Foordoo irra deebiin hojii jalqabsiisuun deebii kenniteetti.

Waxabajji 12, 2025 hoggantoonni Boordii Ejensichaa Iraan waggaa 20 booda waliigaltee fudhatte yeroo jalqabaatiif cabsuu ishee ifatti beeksisan. Bulee isaa Israa'el haleellaa qilleensarraa jalqabde.

Iraan amma dhaabilee nukilaraashee keessatti maal gochaa jirti?

Suuraawwan saatelaayitii ji'oota dhiyoo asitti buufataaleen nukilaraa Nataanziifi Isfahaan keessa sochiin tokko tokko taasifamaa jiraachuu agarsiisu.

Ulaawwan gara gamoo lafa jalaa Isfahaan geessan hunduu amma kan cufaman fakkaatu. Suuraawwan kanneen kan ilaale Ameerikaatti kan argamu Dhaabbata Nageenya Saayinsiifi Idil-addunuaa ISIS) baaxiin haaraan ijaarameera jechuun ibseera.

Suuraawwan kunneen dhaabbata kan Naataanz jirus baaxiin isaa ijaaramuu agarsiisa.

Suuraawwan saatelaayitii dhiyeenya kana ISIS'n xiinxalaman Iraan dhaabbata lafa jalatti argamu Gaara Kolaang Gaaz Laa jedhamu cimsaa jiraachuu agarsiisa.

Dabalataanis, Gaara Piikaaaksis jedhamuun beekamu bakka haleellaan qilleensarraa Israa'eliin ykn Ameerikaan irra hin geenyedha. Dhaabbanni kun dhaabbata nukilaraa Naataanz kara Kibaan kiiloomeetira lama fagaatee argama.

Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa ijaaruudhaaf yeroo hangamii itti fudhata?

Yuraaniyeemii gabbate omishuun meeshaa waraanaa nukilaraa ijaaruu waliin wal hin fakkaatu. Kana gochuudhaaf tarkaanfiiwwan tekinikaa dabalataa barbaada.

Caamsaa darbe gamagamni Ejensiin Odeeffannoo Ittisaa Ameerikaa (DIA) gaggeesse akka agarsiisetti, haleellaan Israa'el fi Ameerikaa gaggeeffamuun dura Iraan yeroo sanatti "tarii yeroo torban tokkoo gadi ta'e keessatti" meeshaa waraanaa nukilaraa jalqabaa omishuudhaaf kan ishee dandeessisu Yuraaniyeemii sadarkaa qulqullinaa gahaa ta'e qabu omishuu dandeesseetti.

Haata'u malee, gamagamawwan Iraan Yuraaniyeemii gabbifame meeshaa waraanaa omishuuf humna ittiin ummachuuf yaalaa jirti jechuun dhiyaatan garaagarummaa qabu.

Gamagamni DIA, " Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa omishaa akka jirtu shakkiin tollee hin jiru, haata'u malee, Iraan waggoota dhiyoo keessa yoo barbaadde gochawwan omishuudhaaf ishee dandeessisan raawwatteetti."

Haata'u malee, waraanni Israa'el Waxabajji keessa, "mootummaan Iraan meeshaalee waraanaa nukilaar boombii omishuuf carraaqqii taasisu tarkaanfiiwwan" fudhachuu isaa ragaa agarsiisu walitti qabuu beeksiseera.

"Iraan hanga 2003'tti dizaayinii meeshaa waraanaarratti humna hanga ta'e cimsattee ture" jedhu ogeessi walabaa to'annoo meeshaa waraanaa Dr. Paatiriishiyaa Leewiis.

Haata'u malee, "waliigalteen nukilaraa bara 2015 erga diigameefi waliigaltee haaraa taasisuuf mariin taasifaman bu'aa malee erga hafanii booda, Iraan humna meeshaa waraanaa hojjechuushee deebistee cimsachuuf akka murteessite dubbatteetti," jedhu.

Giroosiin Guraandhala 18 buufata TV Faransaay EF1'n Ejensichi iraan meeshaa waraanaa omishuuf yaalaa osoo jirtuu mallattoowwan argeera yoo ta'eef gaafannaan, "hin argine" jedheera.

Gama Ameerikaanis ta'e Iraaniin, "waliigalteerra gahuudhaaf" hayyamamoo ta'uusaanii arguusaanii dabalanii ibsaniiru.

Meeshaan waraanaa nukilaraa Iraan maaliif yaaddessaa ta'e?

Hoggantoonni biyyoota Lixaa Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa akka hidhattu hayyamamuuf hin qabu kan jedhu ejjennoo isaanii yeroo dheeraatiif ibsaa turaniiru.

Tiraamp Caamsaa 2025 meeshaa waraanaa nukilaraa tokko hidhannaan, "addunyaan ni baddi" jedheera.

Bara 2024 yeroo duula filannooabbummaan nukilaraa Iraan mirkanoofnaan, "guutummaan guutuutti addunyaa addaa... guutummaan guutuutti marii addaa," jechuu akka ta'eefi Israa'el "ni baddi" jedheera.

Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam (UK) Sar Kiir Istaarmar Iraan hidhatte "tasgabbii naannochaatiif yaaddoo guddaa taati," jechuun ibseera.

UK'tti kan argamu Inistitiyuutiin Rooyaal Yunaayitid Sarvisii (Ruusii) ogeessa Baha Giddugaleessaa kan ta'e Dr. H A Heelyeer "muddama naannichaa dabala, keessumaa Israa'el fi Yunaayitid Isteetiif carraaqqii isaan balaa uumamu hiikuudhaaf taasisan wal xaxaa taasisa," jedha.

Xiinxaltoonni tokko tokko iraan meeshaa waraanaa nukilaraa hidhachuun naannicharratti akka hirree qabaattu gochuu danda'a. Hariiroo Chaayinaa fi Raashiyaa waliin qabdu jabeessuu fi Sa'ud Arabiyaa waliin ammoo morkii meeshaa waraanaa kaasuu akka danda'u falmu.

Israa'el ifatti amanuu baattus ykn waakkachuu baattus meeshaa waraanaa nukilaraa akka qabdu ni beekama.

Heliyeer kana jechuun Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa hidhachuun, "dhugaa kan ta'udha taanaan, kallattumaan gara gaarerfannaatti galuu caalaa ittisa waloo ta'a,' jechuun falmu.

Balaan guddaa Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa hidhachuun "shallaggii dogoggoraa yeroo walitti bu'iinsaa uumamudha," jedha.