Aanaa Amuruutti hidhattoonni Faannoo attamiin namoota shan ajjeesan?

Haleellaa irra deddeebiin raawwatuuf aangawooti mootummaa ni himatamu
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa irra deddeebiin raawwatuuf aangawooti mootummaa ni himatamu

Haleellaa hidhattoonni Faannoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessatti ALI Wiixata Sadaasa 23, 2017 raawwataniin lammiileen nagaa shan ajjeefamuu jiraattonni fi angawaan aanichaa himan.

Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaa Dhugumaa, hidhattooti kuni ''namoota konkolaataadhaan deemaa jiran ganda Jawajaa jedhamu bakka addaa naannoo Laga Abbayyaa lubbuu nama shanii kan dabarse fi sadiimmoo madeessera” jechuun BBC’tti himan.

Namoonni haleellaan irratti raawwatames ‘’dargaggoota gabaa daldalanii jiraatanidha” kan jedhan bulchaan aanichaa, “qabeenya Isuzu tokkos bakka sanitti barbadeessee deeme” jedhan.

Jiraataan Aanaa Amuruu maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan gama isaaniitiin haleellaan kun guyyichatti ganama naannoo sa’aa 2:00’tti raawwatamuu BBC’tti himaniiru.

Namoonni haleellaan irratti raawwatame “konkolaataa Isuzu jedhamurratti hoolaa fe’anii gara iddoo Caaboo jedhamutti imalaa turan. Laga Mormor (Abbayyaa) irratti eeggachuun dhukaasa itti bananii ijoollee shan battala lubbuu baasan” jedhan.

“Ijooleen lubbuunsaanii bahe kun daldaltootadha. Hoolota kana gama ceessisanii Oromoo gama jiranitti gurguratanii deebi’u. Kaleessammoo lubbuunsaanii akkasitti wareegame” jedhan.

Jiraataan Aanaa Amuruu BBC’n haasofsiise inni biraan hidhattoonni kunneen hoolota lakkoofsaan 60 ta’aniifi konkolaaticharratti fe’amanii turanis konkolaaticha waliin akka guban dubbatan.

'Aanaa Kiiramuurraa ka'an'

Haleellaan guyyaa Wiixataa kun hidhattoota Faannoo lakkoofsaan naannoo 30 ta’aniin raawwatamuusaa Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaa Dhugumaa himu.

“Finxaalessi Amaaraa kun aanaa ollaa Aanaa Kiiramuu godina Wallagga Bahaa daangaa sanarraa dhufeeti iddoo sanatti taatee kana raawwatee kan deeme” jedhan.

“Nuyif akka rakkootti yeroo garagaraatti ni kaasna. Ammas iddoo sanatti milishaan eegaa osoo jiruuti,'' kan isaan kana raawwatan jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraatiin hidhattoonni Faannoo aanicha keessatti bara darbees haleellaa walfakkaataa raawwatanii akka turan kan himan jiraataan Aanaa Amuruu, “yeroo lammaffaaf nurratti raawwachuu isaaniiti. Yeroo tokkos bara 2016 keessa akkasuma lagatti nama 10 fixan” jedhan.

“Mootummaanis nuhubachuu hindandeenye” kan jedhan jiraataan kun, iddoon haleellaan itti raawwatame duraan Poolisii Federaalaan eegamaa akka turefi yeroo ammaa garuu milishaan eegamaa jiraachuu dubbatan.

Jiraattonni aanichaa sababa hidhattoota Faannootiin yaaddoo nageenyaa keessa jiraachuu kan himan jiraataan aanichaa inni biraan immoo, “Sodaa nageenyaa qabna, of eeggannoon nuuf godhamus hinjiru” jechuun tumsi qaamolee nageenyaa mootummaan sochii hidhattoota kunneenii ittisuuf taasifamu laafaa ta’uu dubbatan.

Taatee Wiixataa kanaan gaddi guddaan akka itti dhagahame kan himan Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaa gama isaaniitiin “mootummaafii ummanni walbira dhaabbatee kana gar-tokkotti deebisuu qaba” jedhan.

Komii ‘gama mootummaatiin laafinni jira’ jechuun jirattota biraa ka’eef yeroo deebisanis, “karaa aanaa keenyaa dhugaa dubbachuuf mootummaan hinteenye, hojjetamaa jira” jedhan.

Dabaluunis “humni waloos, humni waraanaas hojjechaa jira. Jarri kun kan isaan irraa dhufan Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuuti.

''Achirraa achii as duulanii dhokatanii taatee kana raawwatanii ummata kana miidhanii deebi’u malee mootummaan milishaa qabnuun, ummannis ijaaramee iddoo sana eeggachaa jira” jedhan.

Kana malees humnootiin nageenyaa mootummaa guyyichatti gama kallattii biraatiin hidhattoota Faannoorratti tarkaanfii fudhachaa akka turan himaniiru.

Gama biraatiin haleellaa hidhattoota kanaa dhaabsisuun qindoomina aanaalee naannawa sanaa kan gaafatu akka ta’e himu.

''Karaa keenyaan mootummaanis qaamni garagaraas waan taa’eef hinqabu. Akka aanaa keenyaatti hojii gurguddaatu hojjetamaa jira” jedhaniiru.

Baatii Sadaasa keessatti hidhattooti Faannoo Godina Wallaga Bahaa Aanaa Limmuu-Galiilaatti osoo gabaa jiranii namoota afur butanii lama ajjeesanii, tokko madeessanii kan ammoo jalaa miliquu maatiin BBCtti himanii turan.

Godinoota Wallaggaa fi Shawaa Kaabaatti hidhattooti Faannoo badiiwwan garagaraan himatamu.

Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhihoo dubbii taasisaniin hidhattoota Faannoof haala kan mijeessu hidhattoota 'Shaneedha' jechuun himatani.

Hidhattooti WBO badiiwwan garagaraaf himataman himannaa kana waakkachuun isaanii ni yaadatama.