Seerri Teksaas lammiilee Chaayinaa mana qabaachuufi kireeffachuu dhorku nageenya biyyaaf moo jibba biyyoota alaati?

Madda suuraa, Office of the Texas Governor
Jeesan Yuuwaan abbaan qabeenyaa suuqii konkolaattoon hojjatan itti gurguramaniiti. Abbaan qabeenyaa suuqii konkolaattoota hojjatanii kan ta'e Jaeesan Yuuwaan, erga qabeenyaa isa dhumaa tarminaala baatirii irratti cimsee booda daldala konkolaataa cufe, hojii idilee inni baay'ee beeku.
Teeksaas yeroo dheeraaf akka lammii Ameerikaa uumamaa Chaayinaa keessatti dhalateetti, akka mana isaatti itti dhaga'amaa ture.
Garuu seerri mootummaa dhiheenya kana bahe biyya jiraachuu filate irratti amantaa isaa raasaa jira.
Wixineen Seeraa Seenetii Teeksaas bara 2025 SB 17 jedhamuun beekamu fi Fulbaana 1 irraa eegalee hojiirra akka oolu ta'e, lammiileefi dhaabbileen Chaayinaa, Iraan, Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa irraa Ameerikaa dhaqan qabeenya akka hin bitannee fi hin kireeffanne dhorka.
Aanga'oonni sababii seerri kun itti bahe, kan nageenya biyyaaleessaatiin wal qabateedha jedhu. Haata'u malee namoota akka Yuuwaan jiraniif, ergaa loogii namoonni akka isaa Teeksiis keessatti hin simataman jedhu qaba.
''Seerichi farra baqattootaa, keessattuu farra lammiilee biyyoota Eshiyaa kan akka Chaayinaa- Ameerikaa ta'an irratti xiyyeeffateedha jedhu Teeksaasiitti bakka bu'aan Paartii Dimikiraatawa kan ta'aniifi seera kana kan morman Jiin Wuun.
Seerri haaraan kun Teeksaas keessatti sochii daldalaa kan miidhuudha jedhan BBCn namni siyaasaa kun.
Dhaabbileen invasitimantii doolaara miiliyoonotaa gara bulchiinsa kanaati fidan filmaata bakka biraa barbaadaa jiru jedhan.

Seerichi maal qabate?
Seerri Waxabajjii 20 keessa bulchaa teeksaas Gireeg Abootiin mallattaa'ee seera ta'e SB 17 kunis, 'dorgomtoota' biyya alaa fageessuuf 'dhorkaa cimaa Ameerkaan'' keesse akka ta'e dubbataniiru.
Seerichis lammiileefi dhaabbilee nageenya biyyattiif yaaddeessoodha jedhamuun farajaman akka manneen jireenyaa, dhaabbilee daldalaa fi lafa qonnaa bulchiinsa Teeksaas keessatti abbummaan hin qabaanne dhorka.
Kana malees kireeffachu kan danda'an yeroo waggaa tokkoo gatii qofaaf ta'u daangeesseera. Biyyi seerichaan eeramte kan jalqbaaa Chaayinaadha.
Beejiingi kan himatamte ammoo ''yaalii gama diingadee, waraanaafi siyaasaatiin Ameerikaa dursuuf taasiftuun diibaawwan faallaa, dirqisiiso akkasumas hamaa fayyadamuun dadhabsiisaa jirti'' jedhamuun.
Kanneen seera kana cabsa ammoo addabbii doolaara kuma 250 akka kanfalan ykn addabiin hidhaa kan isaan eegu ta'u kaa'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen lammummaa Ameerikaa, hayyama jireenyaa dhaabbataa (Green Card) qaban ykn kanneen viizaa isa sirrii qaban mana jireenyaa tokkicha akka qabaatan hayyamameefiira.
Haata'u malee mormiitoonni, garaagarummaan akkasii jiraatulleen seerichi kan lammiilee Chaayinaa adeemsa hin barbaachiifne keessa akka darban taasisuufi kan hojimaataa loogiifamaa hojiirra oolchuudha jedhan.
Ji'a Adooleessaa keessa dhaabbanni bu'aadhaaf hin hojjenne 'China America Legal Defense Alliance (Calda), namoota viizaa qaban sadii Chaayinaa irraa bakka bu'uun himannaa bane, seerri kun heera mootummaa kan faallessu ta'uu falmeera.
Boodarra ammoo abbaan murtii, abbaa alangaa waliigalaa kutaa biyyattii cinaa dhaabachuudhaan, himatamtoonni kanneen viizaa barattootaa fi viizaa hojii qabachuun Teeksaas keessa jiraataniidha malee kanneen dhunfaatti seera kanaan miidhaman akka hin taanee kaasuun jechuun himannicha kuffiseera.
Kanaaf himattoonni sadan ammaaf kan dhiifaman fakkaata. Garuu, garee bal'aa biyyoota afran irraa dhufanii viizaa argataniif, hiikni keewwata seeraa kanaa ifa ta'e ammallee mirkanaa'uu dhabuu kaasa. Dhaabbanni miti mootummaa kunis ol'iyyannoo dhiyeessee jira jedha.
'Seera 2025 Chaayinoota irratti loogii taasise'
Seeraa haara bulchii Teeksaas kanaan caalaa kan midhaman lammiilee Chaayinaati.
Bulchiinsicha keessa dhalattoonni Chaayinaa gara kuma 120 ta'an akka jiraatan qorannoon waggaa lamaan dura hojjatame ni agarsiisa.
Dhiheenya kana Yunivarsitii ANM Teeksaas irraa eebbiifamuun kanneen seericha mormuun mana murtiitti himannaa dhiyeessan keessaa tokko kan taatee Kuuwiinliin Lii ''seerichi baayyee nan naasiseera'' jetti.
''Seeronni mirga namoommaa hin jiru jechuun gara waggaa 150n booddeetti deebii'uudha. Akkuma hojjattootaa guyyaa hojii ijaarsa daandii baabuuraa irra turan sana jechuudha'' jetti.
Manni murtis seerichi ishee hin ilaalatu jechuun kan kuffise yoo ta'u, adeemsi waliigalaa garuu fayyaa sammuu isheerratti miidhaa qaqabsiiseera jetti.
''Baayyeen as dhufanii akka hin baranne, akka hin hojjannee dhorka. Sababiinsaas bu'aa bahii kana keessa darbuun baayyee qormaata'' jechuun ibsiti.
Yuwaan yeroo hojiin alaa kan dabasruu seericha mormuudhaan. Seerichi osoo hin raggaasiifamaniin dura adabaabbiyiiwwan garaa garaatti hiriira irratti hirmaateera.
Akkasumas yaada ummataa walitti qabuudhaaf koree dhaabbateef seerri kun Seera bara 2025 Chaayinoota irratti loogii raawwate'' jedhamee akka waamamuu qabu hima.
'Seerri Loogii Chaaynoota' (The Chinse Exclusion Act) jedhamuun bara 1882tti bahee fi kan farra Chaayinaa ta'e kan yaadachiisuudha.

Madda suuraa, Ning Li
Seerrii falmisiisaan yeroo sanaa lammiileen Chaayinaa hojii humnaa hojjatan akka gara Ameerikaa hin seennee kan dhorkeedha.
''Namoonni akka kiyyaa biyya dhalootaasaaniitti abbaa qabeenyaa mana jireenyaa ta'u hin danda'an jechuun dhorkuun adeemsa loogiin guutame ta'un ibfadha'' jechuun ibsan Yuwaan.
Yuwaan carraan ijoolleesaa lamaa gara fuulduraa akka isa yaaddeessu kan ibse yoo ta'u, ijoolleensaa qabsaa'uu akka qaban akka isaan barsiisuu hima.
Dhaabbileen Chaayinootaa filannii biraa barbaadu
Yuwaan maamiltoonni isaa harka sadii keessaa tokko baqattoota ta'usaanittin wal qabatee dhiibbaa seerichi qaqabsiisuu danda'u irratti yaaddoo itti uumeera.
Dhaabbiileen daldalaa kan akka isaa kan hawaasni Chaayinaa tajaajilamaniidha.
Dhaabbiilee daldalaa xixiqqaa Teeksiisaatti argamaniin alattis, dhaabbileen addunyaa Chaayinaadhaa dhufan seera kanaan miidhamusaanii akka hin oollee dubbata Yuwaan.
Yeroo bara 2011 hanga 2021 jidduutti dhaabbileen Chaayinaa 34 kaappitaala doolaara biiliyoona 2.7 invasti gochuudhaan Teeksaas keessatti hojii 4,682 umuu akka danda'an gabaasni aaanga'oota mootummaa ni mul'isa.
Dhaabbiilee Chaayinaa tokko tokko yeroo ammaatti bulchiinsa Teeksaasiin alatti filmaata barbaadaa jiru jedhameera.
Bakka bu'aan riil isteetii Daalaas, Naansii Liin maamiltoonni Chaayinaa hedduun karoora invastimantii isaanii dhiisaa jiraachuu BBCtti himaniiru.
Isaan keessaayis kanneen damee oomisha konkolaataa elektiriikii fi anniisaa du irratti hirmaatan ni argamu.
''Dhimmi kun furmaata hanga argatuutti dhaabbileen gara teeksaas seenuuf baayyee rakkiisaa itti ta'a. Kanneen hayyama liizii Teeksaas keessaa qabanu haaromsuu hin danda'an, yoo danda'anis yeroo waggaa tokkoo gadii qofaafiidha'' jechuun ibsu.
Chaayinoota Ameerikaatiif mirga abbaa qabeenyummaa lafaa seenaa qabsoo waggaa dhibba lakkoofsiiseedha.
Kanaan dura kanneen Teeksaasiitti lammummaa Ameerikaa hin qabne lafa akka hin bitanneef kan dhorku seerri lafaa hanga bara 1965tti hojii oolfamaa ture.
Haata'u malee seerichi loogiin kan guutamee, farra misoomaa fi kan sababii hin qabne jedhamuun haqamee ture.
Ka'umsi seera haaraa kanaa maaliidha?
Xiyyeeffannaa ijoon bulchaa Teeksaas nageenyaafi tasgabbii jiraattoota bulchiinsichaa akka ta'e himu.
BBC wayita waajirra bulchiinsichaarraa yaada gaafateetti, Chaayinaa dabalatee ''mormiitoonni alaa diina ta'an Teeksaas keessatti abbaa qabeenyaa lafaa akka ta'aniif ahayyamamuuf hin qabaatu'' jechuun ibsi kanaan dura baasan ibseera.
Kanneen waa'ee seera kanaarratti cimsanii falman keessaa miseensa garee oggeessoota Faawundeshinii Imaammata Pabliki Teeksaas warra dudhaa cimsanii kan ta'an Cheek Da Voor isaan tokkodha.
Isaan akka jedhaniitti, ''mootummoonni diina ta'an buufataalee waraanaa, lafa qonnaa akkasumas buufataalee humna qilleensaa fi bu'uuraalee misoomaa akka Laawunglii fakkaatanii fageessuu barbaachisa.''
Aanga'oonni ka'umsa seera kanaati kan jedhan daldalaan lammii Chaayinaa Suun Gungikasiin Teeksaas keessatti lafa heektaara gara kuma 60 ta'u bara 2016 hanga 2018tti kan bitaniidha.
Lafti kun Kalaawugiiliin dhiheenya buufata humna qilleensaa kan argamuu fi anniisaa qilleensaa maddisiisuuf ni oola jedhamuun falmiisiisaa ta'eera.
Bittaan lafaa koree invastimantii alaa Ameerikaatiin kan raggaasiifame yoo ta'u, Teeksaas waggaa afuriin dura dhaabbilee biyya alaa tokko tokko waliin ''misooma bu'uuraa murteessoo'' irratti waliigalteewwan taasifaman seera dhorku baafteetti.
Kanaan kan ka'ees pirojaktiin daldalaa Chaayinaa akka haqamu taasifameera.
Daldaltichi Suun, miseensa paartii Koministii Chaayinaa fi waraanaa Chaayinaa keessatti dursaa olaanaa duraanii ta'usaanitiin alatti, karoora basaasaa gara biraa qabu turan jechuun Seenaatarri Teeksaas Joon Kornii himataniiru.
Suun ammoo kanaaf deebii kennaniiru. Himannaa karaa hojii gaggeessaa isaanii tokkootiin dhiyeessnaiin aanga'oonni Ameerikaa pirojaktii isaanii kana yaaddoo nageenya biyyaalessaatiin ala gochu agarsiisaniiru.
Wiirtuun qorannoo idil-addunyaa fi Tarsiimoo Waashingitaniitti bu'urreeffate bara 2000 hanga 2023tti, Chaayinaan dhimmoota 224 Ameerikaa irratti basaaste argachuu ragaa waabeefachuun ibseera.
''Balaan dhugaan mudateera'' jedhu Beejiingiitti ittigaafatamaa Biiroo FBI kan turan Hooldan Tiriipileet.
Haata'u malee, waahila Faawundeeshiniin Gamtaa Bilisummaa Siiviilii Ameerikaa kan ta'an Paatiriik Tomeey seera teeksaas haaraan wal qabatee aanga'oonni tokko tokko dogongoraan ummata Chaayinaa mootummaa Chaayinaa waliin tokko gochaa jiru jedhu.
''Teeksaas keessatti Chaayinootnni mana jireenyaa waan qaban ykn waan kireeffataniif nageenya biyyaleessaa irraan miidhaan qaqabuusaatiif ragaan omtu hin jiru'' jedhan.
Adeemsa kallattii biyyaaleessaa
Ameerikaa keessatti seerri Chaayinaa irratti xiyyeeffatu SB 17 qofaa miti.
Bulchiinsoonni 26 kan baayyeen isaanii Riipablikaanootaan to'ataman, bara 2021 orraa kaasuun seera Chaayinootaa fi lammiilee biyyoota biraa akka abbaa qabeenya hin taane daangeessu 50 baasuu isaanii Koreen 100, dhaabbata mit-mootummaa lammiilee Chaayinaa-Ameerkaa beeksiiseera.
Seeroonni bulchiinsoota kunneen baayyeen isaanii bara 2023 kaasee kan raggafaman yoo ta'u, kunis baruma afuuffeen basaasa Chaayinaa buufata qilleensaa Kaaba Ameerikaa irra balali'uun, taatee biyyoota lamaan jidduutti mudama umeen boodahda.
Bulchiinsi Tiraamp lammiileen Chaayinaa akka lafa qonnaa Ameerikaatti hin bitanneef dhoruuf karoorfachuun ibsameera.
''Seerri Teeksaas sagalee akeekkachiisaa dhageessisuu qaba,'' kan jedhan Mr Toomey, seerri kun himannaa sobaa nageenya biyyaalessaa godaantota Eeshiyaa fi hawaasa biroo irratti dhiyaate meeshaa waraanaatiin kan gargaare ta'uu ibsaniiru.
Mr Yuwaan yoo lammiileen Chaayinaa-Ameerikaa kan hin mormine ta'e, seerri haaraan Teeksaas keessatti ba'e kun kutaalee biyyattii biroo keessattis wixineen seeraa walfakkaataan akka ragga'u taasisuu danda'a jedhanii amanu.
Fakkeenyaaf, Ohi'oo "biyyoota mormitootaa" irratti uggura kaa'uuf yaadaa jirti, garuu bal'ina cimaa kan abbootii kaardii magariisaas hammachuu danda'u qaba. Aktiivistoonni irratti hiriira bahaa turaniiru.
"Seera dimokiraasii irra deebi'anii barreessuudhaaf yaalaa jiru," jechuun Mr Yuwaan, "garuu ammallee carraan daandii jijjiiruu dandeenyu jira," jedhu.
"Kana ta'uu baannaan US baay'ee Chaayinaa fakkaatti."












