Qaamni xiyyaara booying qilleensarratti caccabnaan Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa xiyyaarota 171 lafa kaa'e

Xiyyaarri booyiing osoo balali'aa jiruu foddaa fi qaamni isaa irraa harca'e

Qaamni daandii qilleensaa US to'atu xiyyaaronni Booying 737 Max 9 ta'an gariin akka hin balaliine ajajeera. Kunis erga xiyyaarri qabeenya Daandii qilleensaa Alaaskaa ta'e osoo qilleensarra jiruu qaamni isaa irraa harca'eeti.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) tarkaanfiin kun xiyyaarota 171 lafa teessisuu danda'a jedhe.

Jimaata darbe xiyyaarri daandii qilleensaa Alaaskaa erga Oregon irraa ka'ee booda rakkoo qilleensarratti isa mudateen tasa qubachuuf dirqameera.

Daandiin qilleensaa Yunaayitid (United Airlines) sakatta'iinsa FAAn gaafatu xiyyaarota Booying 737 Max 9 qabu 79 keessaa garii isaanii irratti taasisuu ibseera.

Akka daandiin qilleensaa kun jedhutti xiyyoorota kunneen qilleensarraa dhorkuun balaliiwwan 60 caalan Sambata kaleessaa akka haqaman taasiseera.

FAAn akkuma balaan kun mudateen ''xiyyaarota Booying 737 Max 9 ta'an kan qabeenya Ameerikaas ta'e kanneen qilleensa Ameerikaa keessa socho'an'' akka balali'uu dhaabsisu ibsee ture.

Xiyyaarota tokkorratti sakatta'iinsa gaggeessuuf sa'atii afurii hanga saddeetii fudhata jedha jaarmiyaan kun ibsa isaa keessatti.

Taatee kanaan walqabatee Daandiin qilleensaa Tarkiis xiyyaarota isaa gosa Booying 737 Max 9 ta'an shan sakatta'uuf qilleensarraa deebiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taatee Jimaata darbee kun akkas ture: Xiyyaarri daandii qilleensaa Alaskaa bulchiinsa Portilaand, Oregon irraa gara Ontariyo, Kaalifoorniyaa imalaa ture ol-fageenya meetira 4,8876 ykn faana 16,000 irra wayita ga'u foddaa fi qaamni isaa caccabee xiyyaarichi qubachuuf gadi dhundhuluu eegale jedhan dhaabbileen balalii to'atan Flightaware fi FlightRadar24 jedhaman.

Xiyyaarri imaltoota 177 fi tuuta hojjettootaa qabatee ture kun deebi'ee nagaan Portilaand qubateera.

Hooggantuun Boordii Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaa (NTSB) Jeniifar Homeendii wayita balaan kun mudatetti namni iddoo qaama xiyyaarichaa caccabee taa'e hin turre jedhan.

Balballi xiyyaaricharraa cabee kufe ollaa Seedaar Hiils Portilaandi keessa jiraachuu kan himan hooggantuun kun, namni arge poolisiif akka eeruu kennu akeekkachiisan.

Kun kanaan otoo jiruu Abbaan Taayitaan Siivil Aviyeeshinii UK ammoo xiyyaarri Booying 737 Max 9 jedhamu kan maqaa UKn galmaa'ee jiru akka hin jirre ibse.

Suuraan miidiyaaleef ergamaa ture akka agarsiisutti balalii halkanii ta'uusaa kan agarsiisu karaa foddaa cabeen qaamni xayyaaraa caccabaansaa ni mul'ata.

Suuraawwan gadi lakkifaman irraa akka mul'atutti qaamni xayyaarichaa caccabe baallee xayyarichaa duuban kan jiru qaama xayyaaraa gara teessoo duubatti dhiyaatudha.

Imaltoonni xiyyaaricha keessa turan waan mudate akkanaan yaadatu.

Ivaan Ismiiz ''qaama xiyyaarichaa karaa bitaan sagalee guddaatu dhagahama. Qilleensi humna guddaa qabu seenaa ture, sagalee jabaa qaba. Duuba wanti jiru hundi harca'uu eegale,'' jette.

Kilippii sagalee gadi dhiifame tokko keessatti balaliisaan xiyyaaraa to'annoo tiraafika qilleensaa waliin haasa'ee gara biraatti akka darbu wayita gaafatu dhaga'ama.

"Haalli keenya battala kanaa haala muddamaati," jette. "Dhiibbaa fi dhiphina keessa jirra, duubatti deebi'uun nu barbaachisa."

Paayileetiin duraanii kan nageenya aviyeeshinii irratti bal'inaan barreessan Teerii Toozer, qaamni xiyyaaraa kun yoo akka ba'iinsa hatattamaatti itti hin fayyadamne ta'e bakka isaatti hidhamuu qaba ture jedhan.

Aab Toozer itti dabaluun, nama naannoo sana taa'aa ture kamirrayyuu ''balaan guddaan'' ga'uu danda'a ture jedhan.

Hoogganaan Daandii qilleensaa Alaskaa Ben Minicucci ''xyyaaronni tokkoon tokkoon isaanii tajaajilaaf kan deebi’an erga suphaa guutuu fi sakatta’iinsi nageenyaa xumuramee booda qofa” jedhan.

Booying boodarra ibsa baaseen murtee FAA akka deeggaru ibseera. Akkasumas qorannoo Boordiin Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaa taatee Daandii Xiyyaaraa Alaskaa irratti gaggeesses waliin tumsaa ture.

''Nageenyi aantummaa keenya isa olaanaa yoo ta'u, dhiibbaa taatee kun maamiltoota keenyaa fi imaltoota isaanii irratti geessiseef baay'ee gaddina,'' jedha Booying.

Xayyaaronni Boeing 737 Max Itoophiyaafi bakkeewwan garaa garaatti caccabuun namoonni heddu erga du'anii booda bara 2019 yeroof balalii dhaabanii turan.