Xiyyaarri Booying 737 Max osoo qilleensarra jiruu foddaa caccabe nagaan qubate

Madda suuraa, ELIZABETH/CBS NEWS
Xayyaarri nama fe'ee balaliirra ture qilleensarra osoo jiruu foddaa dabalatee qaamni xayyaarrichaa karaa foddaan jiru caccabe US, bulchiinsa Origoon qubate.
Xayyaarri Boeing 737 Max 9 jedhamu buufata xayyaaraa Poorlaandii ka'ee daqiiqaa 35 erga balali'ee booda qilleensarratti foddaafi qaamni xayyaaraa gara alaa caccabus hatattamaan deebi'ee akka qubatu godhame.
Taateen kun kan raawwate Jimaata kaleessaa, Amajjii 5 yoo ta'u, xayyaarichi nagaan qubachuu Ejansiin Aviyeeshinii Federaalaa US beeksise.
Xayyaarri kun namoota 177 fe'ee balali'aa tures jedhame. Dhaabbati Booying xayyaaricha omishe, taatee mudate kana gurraa akka qabuufi odeeffannoo dabalataas sassaabataa akka jiru beeksise.
"Gareen teeknikaa Booying qorannoo gaggeeffamu deeggaruuf qophiidha," jedhe dhaabbati Ameerikaa xayyaara omishu kun.
Alaska Airlines akka jedhetti taateen kun kan mudate xayyaarichi ka'ee yeroo gabaabaa gidduutti yoo ta'u deebi'ee nagaan buufata xayyaaraa Poortlaand qubateera.
''Taaten akkanaa mudachuunsaa baay'ee xiqqaa yoo ta'u, balaliistonni keenya haala akkanaa to'achuuf kan leenji'aniifi qophaa'niidha," jedhe dhaabbatichi.
Dhaabbileen balalii to'atan Flightaware fi FlightRadar24 marsariitiisaanirratti akka ibsanitti yeroo taaten kun mudatu xayyarichi ol-fageenya meetira 4,8876 ykn faana 16,000 irra ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Suuraan miidiyaaleef ergamaa ture akka agarsiisutti balalii halkanii ta'uusaa kan agarsiisu karaa foddaa cabeen qaamni xayyaaraa caccabaansaa ni mul'ata.
Suuraawwan gadi lakkifaman irraa akka mul'atutti qaamni xayyaarichaa caccabe baallee xayyarichaa duuban kan jiru qaama xayyaaraa gara teessoo duubatti dhiyaatudha.
Boordin Nageenya Geejjiba Biyyoolessaa taatee mudate qorachaa akka jiru fuula X irratti barreesse.
Xayyaaronni Boeing 737 Max Itoophiyaafi bakkeewwan garaa garaatti caccabuun namoonni heddu erga du'anii booda bara 2019 yeroof balalii dhaabanii turan.
Boodarra "seenaa geejjiba xayyaaraa keessatti qorannoon nageenyaa guddaan irratti gaggeeffameera" jedhamee ture. Tokkoon tokkoo xayyaarota Boeing 737 Max irratti qorannoofi jijjiiramni guddaa taasifameera jedhamuun balaliitti deebi'e.
Ragaan Booying akka agarsiisutti xayyaaronni 737 Max lakkoofsan 1,300 ta'aan omishamanii maamiltootaf dhiyaataniiru.
Ji'a darbe keessa Bulchiinsa Aviyeeshiinii Federaalaa (FAA) dhaabbileen xayyaaraa modeelii 737 Max to'annoo raadarii irratti rakkoo qabaachuf dhiisuu qorannoo akka gaaggeessan gaafatee ture.












