Tiraamp filannoorratti hirmaachuuf dhiisuu manni murtii walii galaa US murteessufi

Madda suuraa, Getty Images
Doonald Tiraamp filannoo pirezidaantummaa dhufurratti hirmaachuf dhiisuu murteessuf akka jiru manni murtii waliigalaa US beeksise.
Tiraamp filannoo barana gaggeeffamu irratti akka hin hirmaannef murtee bulchiinsi Koloraadoo dabarse Tiraamp ol-iyyatanii turan. Abbootin seeraa mana murtii waliigalaa biyyattii oliyyannoo Tiraamp kanarratti dhaddacha taa'uUn akka murteessan ifoomsan.
Dabaluunis manni murtichaa dhimma Tiraamp kana ji'a Guraandhalaa keessa akka ilaalufi Tiraamp filannoorratti haa hirmaatu ykn hin hirmaatin jedhamee yoo murtaa'e, murtichi guutummaa biyyattiitti akka hojiirra oolus beeksise.
Waggaa sadi dura sababa TiraampiIn Masaraa biyyattiitti namoonni deeggarsaaf bahan hokkara erga kaasanii bulchiinsawwan Ameerikaa garaa garaa keessatti Tiraamp irratti himanni heddu banameera.
Manni murtii waliigalaa dhimma kana ilaaluf kan murteesse abbootin alangaa bulchiinsawwan 27 walitti dhufuun murtee manni murtii bulchiinsa Koloraadoo akka Tiraam filannoo bara 2024 irratti hin hirmaannef murteesserratti oliyannoo gaafachuun himaata bananiin boodadha.
Oliyyannoo abbootin alangaa kun dhiyeessan keessaa, "Tiraamp filannoorratti akka hin hirmaanne yoo dhorkame hokkara hamaatu ka'a" kan jedhu keessatti argama.
Heerri Ameerikaa namni hokkara kakaase ykn fincila gaggeesse biiroo federaalaa keessatti gahee akka hin qabaanne ni dhorka. Haa ta'u garuu, abukaatowwan Tiraamp seerri kun pirezidaantii hin ilaallatu jechuun falmu.
Manni murtii Koloraadoo Tiraamp filannoorratti akka hin hirmaanne ugguruunsaa deeggartoonni Tiraamp miliyeenan lakkaa'aman Koloraadoofi guutuu biyyattii keessa jiran sagaleensaanii akka ukkaamamu gochuudha jechuun falmu abukaatowwan Tiraamp.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paartii Rippaabilikaan adda dureen bakka bu'ee filannoo bara 2024tif dhiyaataa kan jiru Tiraampidha.
Manneen murtii bulchiinsa Minesootafi Mishigaan Tiraamp filannoo keessaa akka bahuuf himata irratti dhiyaate kufaa godhaniiru. Bulchiinsa Origoonitti ammoo dhimmichi ammayyii hin xumuramne.
Manni murtii waliigalaa US abbootii seeraa konsarvaativii ta'aniin kan guutedha jedhama. Abbootii seeraa mana murtii waliigala biyyattii jiran keessaa sadi Tiraampitu yeroo pirezidaantii ta'an muude.
Manni murtii waliigalaa dhimma Tiraamp keessa galuunsaa kan bara 2000 filannoo pirezidaantummaa Joorji Buushifi Al goor gidduutti mudate wajjin wal-fakkaata.
Yeroo sanas manni murtii walii galaa abbootii seeraa konsarvaativii ta'aniin guute Joorji Buushif murteessee ture.
Ammas taanan manni murtii waliigalaa biyyattii abbootii seeraa Tiraamp muudee ture dabalatee warri konsarvaativii kan itti heddummatan waan ta'eef tarii Tiraampif murteessuu danda'a jedhama.












